Translate

Thursday, February 25, 2021

#Eeala _Doddotaa

''Eela Doddotaa''
Eelli doddotaa walloo goodina saba oromoo Aanaa baatee ganda doddota jedhamutti argama. Eelli doddotaa bishaan dhugaatii namaatif horii ta,uudhaan baroota dheeraa fayyadaa tureedha.seenaan eela kanaa bara 1762 AlH tti bara 250 akka harraa tilmaamamun. sheeka sheekowwan Sheh Hashim Bin idiris Bin Yusuf Bin Yaasin Bin Umar Bin Gaangul Bin ibbiyye Bin walee Bin Abbaa seeruu Ibn Abbaa gatiyye irraa kan dhalatan Yeejjuu irraa dhufanii ganda doddota jedhamtu qabatanii lafa dhakku jedhamu hanga ceeffii Qaadummaan sheekummaan bulchaa turantu_Eeboo isaanitin bishaan Eela Doddotaa baasanii hanga ammaatti bonaaf ganna ummanni ganda doddotaa ittiin fayyadamaa tureedha amaas fayyadamaa jiru. Eelli kun baroota hanganaa kana turee faayidaa ummataaf laachuun isaa waan addaati.Eelli kun akka maanguddoonni biyyaa  dubbatanitti Sheh Hashim waliyyi rabbii turani.baayyee Aalima sheekni akka isaanii jaboon gootni jaalatamoo kabajamoon hin jiru ture. Yoo du,aa godhan du,aan isaanii dafeeti nama dhaqaba ture. Saniif Eelli kun eela Eeboo du,aatin Eeboo nama guddaatin baheedha kanaaf akkana baroota hanganaa kana turuu danda,e jedhani. Sheh hashim ilmoon isaanis ilmoon ilmaan isaanitis Qaadummaa walirraa dhaaludhaan hanga ammaatti Qaadii warra lafa dhakkuuu ta,anii fayyadaa jiraniidha.Sheh hashim ilmoo ilmaan Sheb Abbaa gatiyyeeti. Biyyi isaanii Worra yejjui Marsaa Abbaa getiyyeti.marsaan kan moggaafamte maqaa akaakayyuu isaaniti. Gosti isaanii ''Worseh''(Worra Shek) jedhamuun beekamu. Gosti kunneen yejjuu keessatti gosa beekamoodha.
Sheh Hashim Anaaf immoo akaakayyu kiyya. ani makin sultan she seid Sheh kitamu sheh hashim jedhameen yaamama. Anis gosti koo gosoota oromoota walloo yejju worseh jedhamanii yaamaman keessahi.

#/By miky sultan/

No comments:

Post a Comment

mootittii saba'a Queen of sheba

"Mootittii Saba'a""Queen sheba" ----------------------------------------------------------------- ★Miky Sultan Bar...