Translate

Wednesday, June 9, 2021

#Jonas_ Mohammed_ Bath

#Joonas_Mahammad_Baaz (Trinidad 🇹🇹)
(Gabra otoo ofii Gabrummaa Keessa jiruu, Gabroota hedduu Walaboomse)

Joonas Mahammad Baaza nama gurraachaa fi sheeka ture. Biyya Afriikaa Lixaa keessaa takka tan taate dhalataa biyya Ghaanaa ti. Sabaaf sablammoota Ghanaa keessaa irra bal’aa kan tahe saba #Akan jechuun beekamu keessaa bara 1788 ti dhalate. Koramantyiin jechuun maqaa ingiliizooni namoota saba Akan kana keessaa gabrummaan gurguramaniif moggaasanii dha. Bara 1805 keessa gabra tahee gurguramuun biyya Ameerikaa kibbaa Triindaadi fi Teebaagoo geefame. Akkaataa Gabaasa nama Trinidaditti bakka bu’aa mootummaa Ingiliizootaa tahe Brigadier-General Sir Thomas Hislop argametti, Biyyi faransaay naannoo Trinidaad koleeneefachuuf kajeellaa akka qabdu mootummaa Ingiliiz keessatti shakkiin uumamte. Sababa kanaatiin mootummaan ingiliz Kaambiileen waraanaa hedduun Trinidadi fi Tobergoo keessatti waraana ingiliiziif akka jaaramtu murteessan. Jaarmaya kana akka taasisan gabri Afriikaa qabamee (bitamanii) akka garasitti fi’aman tahe. Akkaataa kanaan sheeka hin janne, dubartii hin janne, daa’ima hin janne, Afriikaa lixaa Ghanaa fi Maaliirra Gabri guuramee Trinidadi gahan. 

Haaluma kanaan Joonas(Yuunus) Mohammad Sisie tiis gabroota hojii kana milkeessuuf achi gahan keessaa tokko tahuu danda’e. Magaalaa port spain jadhamtuti Hojii Kaambii #George tan humni waraana ingiliiz buufata godhatu jaarruurratti boobbaasan. Nama Diin islaamaa barate waan turef, Amantiin islaamaa Akhlaaqa nama tolcha akkaatuma hadiisaan jadhame sanitti, haalaa fi amalli isaa namoota biraatiti toluu fi gabri biraatis haala isaa akka hordoofan gochu danda’e. Kaamphaaniin gabraa isaan bitatee Trindaaditti hojirratti boobbaase, akkumma gabra birootti Dhagaa cabsuu dabalatee osuma hojii humnaa ulfaataa adda addaa Jonaas Mohammed hojjachiisanii, Overseer taasisan. Kana jechuun haalaaf amalli isaa gaarii tahurraa kan ka’ee, hojii hojjatamu kan hordoofu fi gabroota kan too’atu isa godhuun, kaffaltii muraasa isaaf kaffaluu jalqaban. 

Waa’een Jonas Mohammed Wanti nama dinqisiisuu fi ajaa’ibsiisu tokko jira. Ilmi namaa tokko sababuma haalluun isaa gurraacha tahef qofa akka meeshatti gurguramee, biyyaa fi abaabuu ifii keessaa humnaan baafamee fagoo biyya hin beeknetti fudhatamee dararaa fi gidiraa, rakkoo fi miidhaa cimtuu irra gahu argaa obsuu dadhabe. Osoo gabrooni kun haala kanaan jiranii,  Kaffaltii xiqoo argatu kanaan jireenya dhuunfaa isaa gabbisee jiraachuuf samuun isa hin hayyamne. Sanirraan Joonas Mmd nama Hadiisaa fi Seenaa Asaabootaa, akkaataa #Abubakar_Saddiqi fi Bilaal turan san nama dhagayyee fi baratee gurraa qabu waan tahef, gara laafummaa fi arjummaa guddoo horate jira. Mee waan inni ja’ee haa ilaalu:-

“#Anis_gabra . Haa tahu malee amma ani obboleewwan koo gabrootan wajiin jiru kana keessaa xiqqaatullee kaffaltii muraasa argachaan jira. isaan hunda caalaa anaatu haala wayyaa qaba. Ani erga amantaan koo islaama taheefuu, fakkeenyi koo Nabi Mahammedi(S.A.W). Isa booda Abubakar Saddiiqi. Abubakar Saddiiq Ahsaabaa Nabiyyicha keenyaa guddaa fakkeenya nuuf tahu dha. Fakkeenyumaan isaa qabeenya kuufatee soorreesss guddaa tahuu hin ture. Qabeenya isaatiin ilma namaa bilisoomsuu fi gammachiissuu ture. Abubakar Saddiiq kaleessa obboleessa kiyya Bilaal bitee gabrummarraa bilisa baase. Amma Anis jazaa Abubakar Saddiiq deebisuu danda’uu baadhuus garuu, carraan argadhe kanaan gabroota obboleewwan koo kanaaf gaarii hojjadhee fakkeenyummaa Abubakar Saddiiq fudhachuu kiyyaa rabbiif nabiyyichaaf agarsisa. Galata Abubakar obboleessa keenya As’habal Bilaaliif oole hamma tahe deebissuu danda’uu jechuun, hojii inni hojjate hamman danda’uu tokko raawwadhee, yoon nama isaan hordoofe tahu koo yoon rabbiif mirkaneessuu danda’e qofaa dha” ja’e. 

Duuba Joonas kaffaltii muraasa hojii dabalataa tanarraa isaaf kaffalamuu eegalte jala jalaa walirra kaayyachuu jalqabe. Duuba Joonas, gara tokkoon gabra tahee hojii dirqama guyyatti hojjachuun isarra jiraatu bahachaa, gara biraatiin kaffaltii xiqqoo hojii itti gaafatamummaa dabalataa itti kennamterraa argatu dhooysaan boola qotee kuufachu itti fufe. Akkaataa kanaan osoo kaffaltaa argatu kuufatuu, gatii bakka bu’aan mootummaa ingiliiz gabroota kana itti gurguruu fadhan, nama tokkorraa doolaara $150 kaffaluun, gabroota gurraachaa fi muslima tahan magaalaa Fort Spain #200 walaba baase. San booda gatii isaa immoo $500 ofirraa kaffalee of walaboomse. 

Joonas Mahammad erga jaarmayini buufata Waraanaa fi Buufatni Doonii iddoo turan sanii xumuurame booda, #Santa_Cruz_Valley ti lafa ooyruu Heektaara hedduu bitee oomisha qonnaa oomishuu jalqabe. Gabroota walaba bahani fi kaneen fadhii isaaniitiin hojii Kaffaltaa bareedaan hojjachuu barbaadaniif carraa uume. Lafa ooyruu bal’oo bite tana jecha afaan Arabaatiin #Mizra_Estate jechuun maqaa moggaase. “Ganda ykn Qabeenya Biyya Ofii” hiikaa jadhu qaba. 

Joonas Mahammad Baaz Biyya Trinidad keessatti labsiin walabummaa gabraa labsamtee ji’a tokkoon booda, ji’a Fuulbaanaa bara 1838 ti du’aan addunyarraa dabre. Joonas nabiyyii fi ahsaaboota isaa fakkeenya godhatee kan birootifis fakkeenya tahe filame. haala rakkisee isaa fi ummata gurraachaa mudate san keessatti obsaan cichee, ofiifuu rakkoo keessa otoo jiruu rakkatoota akka isaa hedduu furuu danda’e. Maqaan isaatiis hanga ammaa kabajaa fi ulfinaan ummata Gurraacha Addunyaa, keessaafuu kibbaa fi jiddugaleessa Ameerikaa biratti kaafama. Seenaan Joonas Mahammad Baaz Arrallee gurraachoota Ameerikaa kaabaa keessa jiraatan hedduudhaaf fakkeenya tahun, diin akhlaaqa namaaf tolchee, daandii gaariiratti nama qajeelchu gara Amantaa islaamaati akka dhufan gochuu keessatti gahee guddaa qaba.

#Rabbi_Haa_Araaramuuf
#Oromographya
Horaa Bulaa
#Deebanaa
@Oromographya
@Odaatiktok
t.me/Oromographya

No comments:

Post a Comment

mootittii saba'a Queen of sheba

"Mootittii Saba'a""Queen sheba" ----------------------------------------------------------------- ★Miky Sultan Bar...