Translate

Wednesday, June 9, 2021

/Seenaa Abboomaa Mitikkuu..

"Seenaa Ajaa'iba Goota Oromoo Abbomaa Mitikkuu Waaqoo.

Mallas Zenawwin yoo waraqaa kana dhiyessees Abbomaa Mitikkuu caalu akka hin dandeenye waan bareef mo'amuu korraa jechuun Abshalummaa fayyadamun gara wal tajjitti ol bahe ..." kabajaan Abbomaa Mitikkuf qabu irraan kan kahe dorgommii kana addaan kuteera" jechuun waltajjii irraa deebi'ee buhee..... kun yoomif essatti akka tahe barruu kana gadii kessatti argattuu.
************************************************
Duraan koollejjii Qonnaa Haromaayaa ammaa immoo Yuunivarsiitii Haromaayaa irraa eebbifamtoota jalqabaa kessaa tokkoo dha Abbaan Abboomaa Obboo Mitikkuu Waaqoo. 
*******************************************"***
Kan dhalatee Biyyaa Gootootaa biqilchuuf hin sassannee Oromiyaa,  Godinaa Wallaggaa Lixaa Magaala Gimbittii Abba isaa Obboo Mitikkuu Waaqoo fi Haadha isaa addee Margee Miijana irraa dhalatee Maqaa isaas Abboomaa jedhan.
********************"**************************
Abbomaa Mitikkuu Waaqoo ***

Abbomaan barnoota isaa sadarkaa duraa bakka dhaloota isaa Magaala Gimbitti yoo baratuu barnoota olaana immoo magaala finfinnee kessaatti bara sana bakkaa ijolleen lammilee biyyaa alaa fi ijolleen Abboti Qabeenya itti barataan Mana Barumsaa "American Community School" jedhamutti baratee. Kayyoo fi Quuqamni Abbomaan ummataaf qabu bara kana irraa eegale mul'achu jalqabe jedhu warrii dhiyeenyaan isaa beekan.
************************************
Yeroo barachaa ture sanatti barattoota seeran alaa barumsaa irraa ari'aman akkaa isaan barumsatti deebi'aniif dhoksaadhan barattoota qindessee kan kakaasaa ture Mucaa xiqqoo kan ture Abbommaa akka tahe biraa gahame hanga barumsarraa ari'amutti gahe ture.
*************************************
Achiin boodas gara M/Barumsaa bara sana qulqullina barnootaatin beekama tahe 'Akaki Adventist School" tti kutaa 9 fi 10 baratee. Achumatti ansuun kutaa 11 fi 12 bakka barattotni akka biyyattii qabxii olaana galmessaan itti barataan M/B "Tafarii Mokonnin" yeroo amma kana "Entoto Academic, Technical and Vocational School" jedhamutti baratee. Bara kana jalqabuun Abbomaan ifaaf ifattii gaffii sabaa fi sablammotaa gafachuu jalqabee. 
*************************************
Kanatti ansuun Abbomaan kan deeme ammaa har'attille qabxii olaana inni achittii galmessee namoota hedduuf gaffii tahe kan itti hafe ga "Haile sillasie University" kan ammaa "6-Kiiloo" jedhamuiu seene.
************************"**"*********
Abbomaan bara Mana Barnoota Tafari Mekonenittil barachaa turetti mucaan Adaada isaa kan Farmaasisti barachaa ture Girmaa Dafoo Jaamoo kan jedhamuu immo  yuuniversiti kessattii qabsoo bilisummaa cimaa geggessaa ture Abbomaanis daandii qabsoo kana isarraa fudhatee jedhamee yaadama. 
*************************************
Bara 1953 tti "Motichii hin gaafatamuu" kan jedhuu falmuun obbolootni lamaan Jeneeral Mangiistu Newaawe fi Girmaaye Newaawe motichii akkaa kufuu danda'aan Qabatamattii yaali Fonqolchaa Motummarratti godhaniin agarsiisani darban.kanaanis barattoota bara sanaaf karaa qabsoo agarsiisani darban.
**********"*************************
Abbomaa Mitikkuu barataa waggaa 3ffaa tahe osoo jiru dorgommiin secretary General geggeffamee irratti innis namoota kana laman faana dorgoome.Mallas Zeenawwii
Galaasa Dilboo fi Abbomaa Mitikkuu turan.
************************************
Mallas Taklee (Mummicha Ministeera duurani obbo Laggasd  Zeenawwi, Mallas maqaa jedhu kan fudhataan nama dhalataa Tigiraay  qabsoo barattoota  kessatti hedduu beekama kan ture fi bodarrattis jeneraal Taddase Birruu faa faana kan rashanaame du'e irrati.) 
*************************************
Dhumaa irrattis dorgommii kanarratti kan hafan Mallas Zenawwi fi Abbomaa Mitikkuu turan.
Jalqabaa waraqaa qorannoo isaa kan dhiyeessee Abbooma Mitikkuu yoo tahuu gaafa innii dubbaatu Galmaa sana kessaa kan turan amma inni dubbate fixuttii Afaan bananii dhaggeeffachaa turan jechii isaa kan bayyee nama hawwatuu ture. 
************************************
Itti ansuun dabareen kan Mallas Zenawwi ture. Waraqaa Abboman dhiyessee kana hunduumtu ajaaibsifata ture mallas Zenawwi dabalate jechuu dha Mallas akkaa Abbomaa hin callee waan bareef dabareen isaa gaafa gahu gara waltajjitti ol bahe akkana jedhe "Kabajaan Abbooma Mitikkuuf qabu irraan kan kahe dorgommii kana addaan kuteera jedhe".
*************************************
Bara 1966 Abbomaan Pireezdanti Baratoota Yuuniversiiti H/Sillasee yoo tahu itti anaan isaa ammoo Getachoo Bagashaaw (Amma Profeseera kan tahan biyyaa Ameerika kan jiratan. Getachoon bara sana Miseensa Dargii kan turanii fi dhoksaan ammoo miseensa "Ihappaa" kan turan Ajajjaa dhibbaa Alamayyoo Hayilee faana miseensa Ihappa ture.)
********************"****************
Yeroo kana Abboma Mitikkun mana isaanitti Baaroo Tumsaafa faana waayee Qabsoo Ummataa Oromoo mari'achuu egalanii turan. Yeroon sun yeroo ittii Dargiin Mooti H/Sillasee buuse ofii isaaf of ijaara yeroo itti ture dha.Yeroo kanaa waaye bilisumma dubbatee ummataa amansiisu kan danda'uu yuuniversitii Finfinnee qofa ture, dhabbatni siyaasa tokkollee hin turree (ኢህአፓ, "Ihappa" partiin jedhamuyyuu ifatti hin baane ture.)
*************************************
Gareen Barattoota Yuunivarsiitii yeroo sanatti Dargiitti qorumsaa cimaa tahe ture. Yeroo Dargiin Mooti hin tuqamuu jedhamee yaadamu sana Fonqolchaa geggessee irraa buusu gareen Rayyaa ittisaa biyyaa Masara Motummaa deemani to'ataan Mooticha boji'anii sodadhaan lafa ilaala turanitti garee kana kessaa kan ijaa jabaate Murtoo dargii Motichaa dura dhabbate kan dubbisee.
*************************************
Yeroo sana Tuuta Poolisi kessaa sadarkaa Ajajaa shantamaa kan qabu nama Dabalaa Nadhii jedhamuutu murtoo kana fuula Mooticha dhabbatee dubbiseef. Kanaan booda Dargiin Abboomaa Mitikkuu sossobaate ofitti dabalachuuf nama Dabalaa Nadhii jedhamuu kana gara mana jireenya Maati Abboomaa Mitikkuufaatti erguun amansiisu yaalani turan...
************************************
garuu yaada jajjaboo Abboman dhiyessee dhaggeffachuun namni Abbomaa Amansiisuf ergamee kun ofii isaati gara Yaada Abbooma fudhachutti deebiye.Kana booda Dargiin barattoota Yuunivarsiitii irrattii tarkaanfii fudhachuu eegalee, yeroo kana egaa Elemoo Qilxuunfa dhoksaan gara Finfinneetti wamaamani Addaa Bilisummaa Ummataa Oromoo kan hundessan.
*******************************"*""**
Yeroo kanatti Abbomaa Mitikkuuf ajaajni cimaan kennameef Innis kanaan duraa miseensotni Dargii nutti dabalamii jedhanii deddebi'anii gaafachaa waan turanif isaanitti dabalame garee Mangistuu H/Mariyaamin hundaa'e kan "Sedeed" jedhamutti dabalamuun isaanuma kessaa tahe isaan basaasuuf murteeffatee itti seene. Sanaan boodas Abbomaan garee sana kessaa gale akka barbaade tocho'uu eegale.
************"************************
Kayyoon isaa jalqabaas Meeshalee Waraana Kahumsaaf tahan ABO'f tif walitti qabu ture, waan kanaratti osoo hojjeta jiru namni dhalootan Goondare tahe fi kan sadarkaa (Ajajja shantama qabu )tokkoo mana jireenya Abbomafattii dhoksaan ABO tiif hojjetama jira jedhe shakkuun namoota sadii akka isaan tarkaanfi irratti fudhataniif ajaaja dabarsee. 
**"**********************************
Abbomaa Mitikkuun konkoolata isaa qabatee nannoo Nifaas Silk jedhamurran gara mana jireenya maati isaatti osoo deemu konkolaata biraatin duuka bu'uu jalqaban innis Ariiti itti dabaluun harka miliquuf yaale. Karaa kiilo 6'n kute nannoo Embaasi Gibxii,Mana Buna (Coffee House) fulduratti kan argamuu gara Mana jireenya Maati isaa yoo gahu, namootni sadii kan Kilaashinkoov hidhatani jiran sadii isaa dursaani kara itti cufanii eegan.
*************************************
Bodatti deebi'un akka isaa hin baasne waan bareef,fallii inni qabu tokkof tokko namoota kana waliin walitti bahu ture. Shugguxii isaa nyachifaate konkolaata isaa kessaa bu'uun isaan kessaa isaa of dagaate dhabbatu tokkotti dhukaase.
Itti ansuunis warren hafan lamanitti meshaasa qabe, sanaan booda laman isaniyyuu harka ol qabatan.
*************************************
 Innis meesha isaani erga harka fudheen booda jara lamaan fudhe gara Wajjiraa Poolisi nannoo sana jirutti gessee, namoota na ajjesuuf na hordoofa turan iratti dhuukase lubbuj basuusaa dhugaa bahun meesha harka jiruus itti kenne to'annoo jala of olche (Hidhamaa tahe).
******"****************************
yeroo kana isaa qofa osoo hin taane Maati isaa dabalatee bayyee rakkatan hundi isanillee mana hidhatti darbataman. Yeroo sanattii Hiriyaa Abba Abbomaa kan ture fi Miseensa Dargii kan ture Koloneel Takkaa Tulluu namni jedhamu, rakkoo irraa gahu danda'u tokkollee osoo hin sodaatin, 
**************"*""********************
Mangistuu H/Mariyaamin dabalatee namoota hunda mucaan kun barbaade osoo hin taane nama isaa ajjesuuf dhufe ofirraa qolachuuf ajjeese namootni kun immoo Motummatu erge osoo hin taane jibbaa dhunfaa irraan kan kahe isaa ajjesuuf turan kanaaf himaatni Abbomaratti baname jiru akkaa irraa dhabbatuu fi innis akkaa mana hidhaadha bahu godhaani haala adabbitiin gara Wallaggaa bakkaa Angaar Dhidhessaa jedhamuttii jijjiramee akka deemu murta'eef. 
*************************************
Yeroon kun yeroo ittii Abbomaan hojii yoomu hin dagatamnee fi boonsa tahe itti hojjete dha, innis waggotaa dheeratiif Oromoon akka diigamuuf kan hojjetama ture yeroo inni itti diige akkaa Oromoon wal arguuf daandii itti saaqe ture. Inniis Oromootni kara Baha Artiist Alii Birran faa Artii fayyadamuun Oromummaa lellisuu jalqabani turan Baandi Afraan Qalloo hundessuun, Abbomaniis Baandi kana gara Wallggatti Afferuun akka Ummatni Wallagaa Oromummaa isaa jabeffatu kara Artii jajjabessaa ture,
****************************"********
 kanaan alattis ABO'n kara Baha Oromiyaa qofa osoo hin taane Oromiyaa gututtii akka innii baba'latuuf Abboman shoora guddaa taphateera, Abboman Miseensa Dargii tahe waan jiruuf osoo irratti hin beekamin akka fedhe tocho'uun Meshaale waraana ABO dhaaf walitti qabun halkaanif guyyaa osoo hin jedhin hojiisa cimsee itti fufe. 
*************************************
Ajaaja Dhibba Iggazuu Waaqootin kan durfamuu fi Dabbaummaa Gannatii Dheressaan, Muktaar Musaa, Abdii, Mohammad kan jedhamani fi Loltoota ABO kan tahan kanaaf Waraqaa enyummaa dhoksaan qophessee fi Hidhanoos hidhachiisun Seensa Magaala Amboo bakkaa Awwaroo jedhamutti Mana Obboo Agargaaw Dinqaatti (Obbolessaa Tesfaaye Diinqa,kan bara Dargii Mummicha Ministeera ture) wal gahan. 
************************************
Hallii Abbomaa kun kan isaan Sodachisee fi isaa to'achaa kan turan Abbomaan Amboo kessatti mulachuu isaa Dargiif gabaasa godhan, yeroo kana ture namootni Amboo irattii garee riphee lolaa hundessuf wal gahan hundi bakka tokotti osoo hin yaadamin to'annoo jala kan olaan. 
*******************************"****
Halli umaame kun Magaaa sana kessaa kan turan Miseensotni ABO hundi gara Bosonatti akka galaan isaan dirqisiise. Yeroo kana tureega Bulchaa Baalee kan ture Jaal. Magasaa Barii,
***********************************
 Humna waraana xiyyaara kessatti kan gitaa hin qabne Iggazuu Bantii dabalatee humni magaala jiru hundi bakkaa Qabsoon hidhannoo itti egaltee gara Harargeetti imaluun kan Qabsoo hidhannotti dabalamaan.
***********************************
Abbomaan "Abbaan-Xiiqii (Maqaa Maaso isaati) namoota biratti kan inni ittin beekamuu Ijaa jabinaa isaa fi salphatti waan fedhe nama amansiisun beekama ture.
************************************
Kora ABO jalqaba geggefameen Barressaa olaanaa Dhaabichaa tahe osoo hojjechaa jiru, namootni 10 hundeessitoota fi geggesitoota olaano, ijaa dhabichaa kan tahan gara Soomaliyatti imaalan isaan  kessaa isaa tokko ture Abbomaanis.
*************************************
 Guyyoottan saddetiif Gammojjii Ogaaden kessaa millaan erga deemanin booda bakkaa SHINNIIGGAA jedhamtutti waanti isaan nu mudataa jedhani hin yaadne tokko isaan mudate. Hidhattoota Amantaa Kiristaanaa bayyee jibbani fi kan balaaleffatan  warraa Soomaliyaatin to'atamaan. 
*************************************
Akkaa carraa tahe 10'n isaani kessaa namootni 4, Abbomaa Mitikkuu dabalatee kiristaana waan turaanif Akraarotni Somaliyaa kun jara kana qofatti baasun Meesha isaani itto qabani itti dhukaasuf ituu jedhani... 
*************************************
Warrotni hafani jiraan 6'n obboloota isaani kiristaana kana waliin dhabbachuuf marill
...."Nuti Oromoota kan mana nu baase Rorroo dha malee Amantii keenya miti. Yoo nu gadhiiftanis yoo nu ajjeftaniis wal dukaa nu ajjeesaa malee gargar hin baanuu" jechuun tokkummaa fi Hafuura Oromummaan dura dhabbataan.
********************************
Isaanis Rasaasa itto qabamee jiruu jala siiqa jennaan didaan ejjennoo isaanin akka dhabbatanitti ijolleen Haadha tokkoo, Kayyoo tokkoof, Tokkummaa mana akka ba'anitti Bollaa tokko kessatti jalalaan kufan.
*************************************
Suura1: Abbomaa Mitikkuu
Suura 2: Bara 1966 yeroo ummatni  sagalee isaani dhagessifachuuf Hiriiraa nagaa geggeessaan inni kiristaana tahuus gaaffin isaani gaffii sirri waan taheef Dhadannoo qabatee fulduraa duukaa hiriire kan mul’atu kun Eyyee isumaa Abbomaa Mitikkuu dha.

Har'as boriis nuti karaan keenya karaa Abbomaafaati Eyyee nuti ilmaan Abbomaafat .
.
.
Yoom as geenye salphatti,ofkenneti jabaan!"
Via, Raajii_Guddataa
@Oromographya
@Odaatiktok

No comments:

Post a Comment

mootittii saba'a Queen of sheba

"Mootittii Saba'a""Queen sheba" ----------------------------------------------------------------- ★Miky Sultan Bar...