Translate

Thursday, February 10, 2022

#Artist Muhe_Abarraa_Walloo

#Muhe_Abarraa Walloo kamisee Aanaa dawaa caffaatti seensa bara 1950 keessatti dhalate. Muhee abarraa sagalee kiloolee isaa saniin xiqqummaa isaa irraa hanga dullumaatti, taphoota kanneen biyya tana keessatti beekamoo ta'an akka Bati major,Ambassal,Anchi hoyye,tizitaa taphachuudhan namni isa qixxaatu hin jiru ture. Artist muhee abarra walaleessaaf taphataa salphaa hin turre nama mana dhugaatii keessa deemee alkoolii dhuguuf maallaqa guurratu hin turre,nama safuuf aadaa ummata isaa eeggatee kiraarif,maasinqoon sagaleen taphatuudha. Muhee abarraa hiree ta'eeti iddoo hin beekamneti dhalateef malee artistoota biyyi tun sadarkaa guddaa kenniteefi ol nama sadarkaan kennamuufii qabuudha ture.muheen kennaa uumaatin, sagaleessaaf,kiraara taphachuun nami isa gitu inuma hin jirre ture.otoo akka warra ammayoomee kanatti sagaleen isaa studio galee waraabamee editor godhamee namni isa gitu hin jiru sadarkaa tokkoffaa irratti taa,aa ture. Artist muhe abarra nama Aadaa,afaan,gootummaa saba isaatii beeksisuudhaan nama kutatee ka,ee ummata isaa ittiin bohaarsaaf beeksisaa tureedha.artist muhe abarra kan beekamuu dhabaate naannoo biraatti waan hin beekaneef qofa dandeettiin isaa dhokatee hafe.waraabbiin sagalee isaatis teephi kaassetatti waan tureef baayyina yeroo keessa badaa dhufe. Akka hireetti ta,ee muheen dandeettii isaa san ka kiraariif,maasinqoo sagaleen taphachuu dandayu san osoon waraabamin hafe. Tapha isaa keessaa, kaaruwwaan tapha baayyee namatti tolu ture. / Balambaras Qimant irraa/ miky sultan..

No comments:

Post a Comment

mootittii saba'a Queen of sheba

"Mootittii Saba'a""Queen sheba" ----------------------------------------------------------------- ★Miky Sultan Bar...