Translate

Tuesday, January 3, 2023

#Dirre_#dhawaa

Dirree dhawaa. 
             ----------
Jecha Daha ykn dhawa ( dhawaa ) jedhu kana galmeen jechootaa  ( English- borana world list ) ykn vencent G. Stegmen kitaaba isaa keessatti jecha dubbachuu ykn waa himuu jedhuun hiikee jira. Bifa wal fakkaatuun fakkeenyaaf:- oromoon booranaa Haasawa isaanii  keessatti " Abaluu maal dhahata ? Jedhu,  oromoo booranaa qofaa mitti , naannoo harargetti yeroo hedduu  " gurbaan maal dhawachaa deema ? ykn qaallichi maal dhawata ?
Jedhu, kana jechuun maal dubbachaa deema 
Ykn maal jedha jechuu barbaadaniitii.
               Magaalaa dirree dhawaa keessatti,
Dirreen dhaha' ykn dhawaa  iddoo Amma dachaatuu irraa kaassee hamma ganda gaaraa jiru kana gubbaa  hoggaa tahu  oromoonni afran Qalloo iddoo kana maaliif lafa dhawaatiif filatan kan jedhuuf yaada bal'aa kaasuun ni dandahama. Haa tahu malee  qulqullina samiitiifi  Ripha lafaa ( Altitude) qofa laaluun iddoon kun hojii dhahatiif mijaa'a akka tahe salphatti hubbachuun ni dandahama. Kana qofaa mitii,
Dirreen tan gubbaa dhaabbachuun  wal qaxxaamura urjilee daawwachuun  hedduu mijaa'aadha.
              Irra caalaa dirree tana lafa dhawaatiif mijooytuu kan godhe dhaloota ji'aa handaara fugug keessatti ( moon under Horizon) arguudhaaf salphaadha.
        Magaalaa dirree dhawaa keessatti,waqtii afran jechuun birraa; bonna, ganna fi badheessa  keessa  Aduun sadarkaa ykn digrii adda addaatiin baati. Kanaan wal qabatee 
tulluu fi gaarreen adda addaa moggaasa 
Gara garaa qaban.
    Fakkeenyaaf guyyaa Arr'aa, galgala  kana, magaalaa dirree dhawaa bakka magaalaa ykn dachaatuu jedhamtu keessa dhaabbachuun  kallattii bahaa  digrii  67°  irratti         
Ji'a  Adeessaa  dhibba irraa harka 87.7 %  arguu ni dandeessa.  Noonnoo kanatti  Amajjii 7 irraa kaassee hamma 14tii guutuu guutuutti 
Ji'ini kan Goobanu taha. bara 2023, Ji'a Bittoteessaa ,
Guyyaa 21 irraa kaassee naannoo kanatti  badheessi kan eegalu hoggaa tahu harargee keessatti  iddoon hedduuun dur irraa kaassee Rooba badheessaa yeroo kana argachuun beekaman.... galgala kana keessa,  akka lakkooysa itiyoophiyaatti sa'aa 12: 20 irratti 
Plaaneeiii venus ,Saturn galgala sa'aa 2: 53 irratti samii magaalaa dirree dhawaa irratti arguu ni dandeenya .

No comments:

Post a Comment

mootittii saba'a Queen of sheba

"Mootittii Saba'a""Queen sheba" ----------------------------------------------------------------- ★Miky Sultan Bar...