Translate

Thursday, July 6, 2023

ituu ilma marawwaa harargeef wallloof raayyaa

#Horte  #ituu #murawwaa  Harargeef Walloof Raayyaa ~
★Miky Sultan Wallo★
Gosa oromoo  keessaa  ituun damee ilmaan bareentumaa yeroo tahu ituun ilma  murawwaati.
Horteen ituu gosa kudhan kan of jalaa  qabdu  fi gullantaa lama  kuraa fi galaan jalatti adda qoodee kaayeedha.
Kurnan  ituu:-  Baabboo, Gaadullaa, Gaamoo, Addaayyoo, Arroojjii, Waayyee, Galaan [Eleelle, meettaa, liiban, Wacaale),Alga, Qaalluu [Beerre fi hidhabuu), baayee jedhamu.

Horteen ituu gosa oromoo harargee lixaa fi walloo fi  raayyaa Carcar guddaa lafa jedhamu ykn ona ituu haragee lixaa carcar kana lafa isaa irratti horee   jiraachaa jiruudha . ilmi marawwichaa ituun akkuma gosa  oromoota kaanii  goototaa fi hayyoota baayyee lafa oromiyaattifi lafa kaaba raayyaatti kan gumaacheedha lafa raayyaati gootichi beekamaan  Baareentuu Abbaa seeruu jedhamu lafa carcar facaa jahan irraa kan gumaacheedha.
Horteen ituu marawwaa ammayyuu kaaba walloof raayyaatti lafa isaa carcar guddaa kormee lafa jedhamu lafa guddaa bareedaa irratti horsiisee jiraachaa kan tureefii ammas jiraachaa jiruudha.

   #Qaalluu ituu
Oromoon  gosa  isaa  lakkaawwatee Hundee Oromummaa isaa  Booranaa fi Bareentootti of galcha. Akkuma san Qaalluunis gosa isaa waammatee oromootti galfata.

Qaalluun sirna gadaa keessatti idddoo qaba,booranatti qaalluun warra muudaati.
Hortee Bareentuma keessatti Qaalluun  sadarkaa gosaatti of yaama, ilmaan baarentummaa walloo keessaa, Torban walloo  keessaa Qaalluun  gosa ilmaan walloo keessaa  Isa tokkoodha.

Ammas ilmaanuma baarentummaa keessaa gosti qaalluu sadarkaa qaalluutti kan yaamamu ituu Murawwaa keessatti. Qaalluun damee laman oromoo booranaaf baareentuu  keessatti kabaja guddoo qabu.
Akka gosaatti garuu qaalluu ilmaan baareentummaa keessatti lakkaawamti, fkn,  Ituu Kudhan keessaa takka tan taate gosa guddoo "Qaalluu" jedhamuun beekamti. Ilmaan walloo 7 keessatti torban walloo keessaa Qaalluun gosa tokkoodha. Qaalluun  gosa oromoo islaamaa kaabaaf kibba dhiha walloof harargee keessatti argamuudha.

Gosti Qaallluu hayyoolee sheekoota gurguddoo gootota gurguddoo oromoof horteedha, Qaalluun kabaja ulfina warra kitaabaati hayyuudha, abbaa eebbaati.

Gosaan Qaalluu taatee  Balbala 7 walloof  Saddeettan Beerree fi Torban Hidhabuu keessa tokko taata,  saniif ati Qaalluu wallootiif Qaalluu  Ituu Murawwaati. Qaalluun gosa arabaati jechuun diinummaadha. Oromoon gosa arabaa hin qabu. Ilmaan kuushiti kush ilma Kaam(Ham) Ham ilma Nuuhiti.

Saddeettan beerrre Qaalluu

1.Goodaa
2.baatii/samarii
3.warre ykn jimjim
4.Tokkaay
5.Abburre
6.madar
7.Agaamsa
8. assalamannaa

Torban Hidhabuu(7)

1.Bonayya
2.Saaluu
3.Anduu
4.Leemmoo
5.Caffee
6.Tuullee
7. Jaamii

Afran 4N

Asheetee
Noolaa
Kayyuu
Areeroo jedhamuun yaamamu.

Gosti Qaalluu Walloo keessatti gosa qofa osoon taane  Lafa isaa illee maqaa gosa isaatti  "Qaalluu" jechuun moggaafatee gosa jiraachaa jiruudha. Qaalluun walloo Aanaa Qaalluu jedhamuu magaalaa guddittii Qaalluu duraa kan taate magaalaa Baatee hanga lafa dawwee,hanga caffaattti  gosa diriiree jiraatuudha.

Aanaan warra qaalluu Harbuu jedhamtee waamamti, magaalaan guddoo ishee kombolcha. Qaalluun biyya sheekotaati, biyya Aalimootaati.

Gosti Qaalluu naannoo baatee jiran  Samaa, fi Gaadullaa jedhee of yaama. Balbalti kun lafa warra waayyuu hanga garfaa hanga dawweetti qabatee jiraatuudha. Qaalluun gosa  ummata isaa barumsa barsiisaa(Qaraasisaa)eebbisaa muudaa jiraateedha.

Gosti balballi ilmaan Qaalluu Ituu walitti 15. Isaan keessaa Birmaduun kudha lama. Birmaduun Irree Heenaa (Madhiichii) immoo sadii.  Qaalluun Beerree Hidhabuu kan ja'aaman 15.
Qaalluu Beerree fi hidhabuu ilmaan murawwaa ituuti.

  Arsiitti immoo~

8n Beerree Qaalluu keessaa:
1.Goodaa:Arsii (Raayyaa Mandoo) Dalloo keessatti muudama."Aabbawoon (Aabbawo/abbaa keenna jechuudha)manni Dalloo waan dhugaan jette jenna jedhu.Maaliif jennaan Qaallutu warra dhugaa fi woyyoomaati jedhu.
2. Lakkofsa 5ffaa irra Kan jiru ammoo Abburee 7n Uunshoo jennaan(qubsumaanis Arsii bahaa fi lixaa akkasummas Baale jiraatu)Abbaanis sirritti eebiseenii jira jedhu.
3.lakkofsa 6ffaa irra kan jiru ammoo Madar ykn Madarshoo jedhaman (Warra Sulxoo__Madar).
4.lakkofsa 8 irratti Assalamannaa(mana Asallaa jechuudhaa)kunis ilma 7n Uunshoo keessaa tokkodha.Gosti Asallaa kun kan magaalaan guddoon Arsii ittiin waamamu Asallaa kana jechuudha.

#Anniyyaa_ Ilma _Hunbanaaa~ Warra Aannaa
Oromoota Warra Abbaayyee Raayyaa
****************★********************
★miky sultan Wallo★
Anniyyaa gosa oromoo damee bareentumaati.
Harargee bahaa gara kibbaatti  Walloo hanga  raayyaatti gosa of cimsee diriiree jiraatuudh.

Gosti Aniyyaa raayyaatti  biyya baddana lakkuu jedhamu jalqaba qabate, Achi irraa ka'uun ilmaan isaa huunda lafa hire. ilmaan Aniyyaa raayyaa jalqabaa Warra Abbayyee jedhamu, Abbaan Warra Abbaayyee, Waarso jedhama, Afran waarsoo jedhamani, Abbichu Waarsoo,kole Waarsoo, Dheekko Waarsoo, Abbaayyee Waarsoo jedhamanii waamamu.

Walloof Raayyatti  lafa wal hiranii irratti jiraachaa jiru.  Ilmi Dheekkoo Waarsoo  Dayyu Jedhama. Ilmaan Waarsoo Anniyyaa Walloo raayyaa hanga harargee bahaafii kibbaatti babalatee jiraachaa jiruudha.Gosti Aniyyaa Ilma Humbannaa guyyaa Awash irraa godaanee kara walloof raayyaa dhufu Abbaa Kudha Lama taheeti dhufe jedhan maanguddoon raayyaa yeroo seenaa hasayan.

Abba kudha lama kun lafa wal hiraa hanga daangaa tigraay laga eebootti qabatanii jiraachaa jiru. Magaalaan biyya bareeddootaa jedhamte yaamamtu magaalan walloo baatee magaalaa guddoo ilmaan qaalluu taatee beekamtuus garuu akka isiin ilma Dheekoo Waarsootin magaalaa warra dayyuu taatetti waamamti. አረ ባቲ ባቲ፣ ባቲ ገንደ ደዩ( Dayyuu) ሀድራው የምሞቀው ደረርቦ ስተኙ jechaati taphatu. Dayyu ilma dheekoo waarsoo Ilma Anniyyaati.

Ammas muftiin Jalqabaa Aalimni Sheeka Sheekowwanii Sheek  Jamaaluddiin Anniy gosa oromoota raayya warra abbaayyee keessaati. Maqaanuu Jamaaluddin Al Aniy jedhamani yaamamu.
Sheeka beekamoo Abbaa ilmii guddaadhaati. Sheeka warra daaniyyiiti, Daaniyyiin  darasoota sheeka warra  Aniyyiiti.

Anniyyaan ilma  humbannaa yoo ta'u.
Anniyyichi immoo ilmaan torbaa horachuudhan.
Iddoo  lamatti addaa qoode .
isaanis sadan sadachaati fi afran kodheelleeti.
1.Biduu Anniyyaa Humbanna bareentoo
2 .Aannaa Anniyyaa Humbanna bareentoo
3 .Macca Anniyyaa Humbanna bareentoo
4 .Kole Anniyyaa Humbanna bareentoo
5. Malkaa Anniyyaa Humbanna bareentoo
6 .Babboo Anniyyaa Humbanna bareentoo
7 .Dambu Anniyyaa Humbanna bareentoo
jaarraa 18ffaa  dura oromoon
anniyyaa ituu fi afran qalloo walin sirna gadaa
odaa bultum kan malkaa tarraamutin bulaa turuu manguddoonni carcar ragaa bahuu.

Heeddumina  Wal hora ilmaan isaanitiin fi baldhinaa
lafa isaanii irraa kan ka'e faca'aani qa'een abbaa qabaachu diinaa isaani agarsisuuf jechaa oromoonni anniyyaa fi afran qalloo lafaa Heera
sirnaa gadaa isaani bullulloo fi burqaa tirtiraa godhatan.


No comments:

Post a Comment

mootittii saba'a Queen of sheba

"Mootittii Saba'a""Queen sheba" ----------------------------------------------------------------- ★Miky Sultan Bar...