Translate

Wednesday, March 27, 2024

Seenaa mooticha walloo Amadee muhammad Alii

 Mootii  AmadeeKolaasee" enyu?
Maqaan isaa Amadee muhammad Ali Godana Babbooti.

★By Miky Sultan Barento★
--------------------------------★-------------------------------------------
Akka barreessaan seenaa Brielle barreessetti; Amade waggoota digdamii shan Aangoo irra akka ture dubbata.
Akkuma bara bulchiinsa Abbootii  isa duraa, kan Amadee muhammad  illee kan sochii guddaa qabu ture sababiin isaas bulchiinsa Warra Himano daran babal’achuu isaa waan argeef.  Karoora abbaa isaa kan naannoo guddifachuu aanaalee  biroos domeenii isaa keessatti hammachuudhaan kan xumure Amadē Muhammad Ali ture. 
Imaammni  inni hundeesse hanga kibbaatti, hanga laga Wanchit fi Jaamaā fi  dhihaatti , hanga Abbāy babal’ate.  Bahaan bulchitoonni Garfăa fi Qaalluu gooftummaa isaa ol’aanaa beekamtii kennan.  Kaabaan yeroodhaaf Dawunt fi Dalāntā qabate.  Bara 1798tti magaalaa guddoo impaayera Gondar illee yeroo adda addaa lama qabachuu danda'ee, kaadhimamaa mataa isaa teessoo irra kaa'uu danda'eera.

Imala gara Gondaritti godhameef waraanni isaa kutaa afuriitti qoodame: inni jalqabaa "Birillee Ergoo" jalatti kan loltoota Sāyent, 'Alī Bēt fi Abbay Bēt irraa ajaju ture.
Inni lammataa Billee  'Aliin durfamu loltoota Laga Amboo, Laga Gooraa, Warra Iluu, Jāammāa fi Booranaa irraa kan of keessaa qabu ture.
  Inni sadaffaan indiris Booruu [Idrīs] Boru jalatti warra Qaalluu fi Riqqee irraa dhufan dursee yoo ta’u,
  Inni afraffaan ammoo ajajaa Maariyyee jala kan ture yoo ta’u loltoota Tahuladarē, Warra Abbichu [Bacho], Warra Waayyuu, Warra Tāyyaa fi Warra Baabboo irraa dhufan of keessaa qaba ture. 
Akkasitti "Amadēe Kolaāseē" loltoota angafoota gurguddoo yeroo sanaa hunda sochoosuu danda'eera kunis dhiibbaa fi humna isaaf ragaadha.
Akka duudha naannoo sanaatti, Amadeen waamichi kadhannaa sirna Islaamaa masaraa masaraawwan Gondar keessaa tokko irraa akka mallattoo injifannoo magaalattii seenuu isaati muullise, tarii immoo  amantii isaa cimsuuf akka ta’u godheera. 
Duudhaan walfakkaataan kun Amadēen , Baatoon dirqiin gara Kiristaanummaatti jijjiiramuu isaa haaloo ba’uuf jecha imala kana kan fudhate ta’uu isaas ni ibsa. 
Abir;  akka barreessetti Amadēen  Abbootii waraanaa Gondar fi bulchiinsa giddu galeessaa waliin gamtaadhaan Gondar qabate.

Amadeen akkuma abbaa isaa walloo keessatti ejjennoo Islaamaa cimsuuf kutannoo qaba ture.  Aangoo dhaalaa isaa seera qabeessa gochuu fi qulqulleessuuf jecha hayyama barreeffamaa" Makka" irraa argate kan inni fi sanyiiwwan isaa maqaa kabajaa "imaamaa" akka fudhatan hayyamu ta’uun isaa ni amanama.

Amadeen bara 1803 fincila bulchitoota Laga Hidhaa fi Laga Goraa waliin hoogganamu bakka Yelal/(Ilaalaa) jedhamutti waldhabdee godhameen lafa qabsiisuuf osoo yaaluu du'e.


No comments:

Post a Comment

mootittii saba'a Queen of sheba

"Mootittii Saba'a""Queen sheba" ----------------------------------------------------------------- ★Miky Sultan Bar...