Translate

Saturday, April 6, 2024

Sheeyk Jamaluddin Al Aniyyi( Ararsoo robsoo)

Sheyk Jamaluddin Al Anniyyi[ Ararso roobsoo waayyuu]
-------------------------★-------------------------------------
★Miky Sultan Barento★
Sheeka muftii rayyaa  muftii  jalqabaa  biyya tanaatifi Aalima  beekamoo biyya tanaa keessaa isaan tokkoodha.
Akka lakkoofsa Hijrii, 1211 ykn 1781 Dh.K.D biyya keenyatti, ilmi tokko Roobsoo waayyuu fi Hawa Abdul Qadir irraa raayyaa  ganda Warsaa-Meessa, iddoo maqaa addaa isaa "Galgaloo" jedhamuun beekamu keessatti dhalate.  Maqaan isaa ``Ararsoo'' jedhama ture.
Maqaan isaanii  Ararso→ robso[Qaadii Ibrahim] wayyu, baabboo,booruu,dooyyoo, barento jedhamu,  gosti isaani gosa oromoota raayyaa "Horsoo Seeruu" jedhamu irraayi.
Jaarraa kudha sagalaffaa keessatti bara atse yohannis{ጋ**ላ ይጥፋ ዱር ይግፋ} jedhe keessatti Abbaa qabsoo jaboo turani.

Muftii raayyaa  jedhamuun kan beekaman sheeka sheekowwan barsiisaa  warra daaniyyiiti.
Daaniyyiin  darasoota sheeyka muftiii raayyaa jamaluddiin  Aniyyaati(Ararsoo roobso waayyuuti).
Harmeen isaanii Hawwa Shek Abdul qadir sheyk umar sheyk Ayferra sheyk muhammad seid jedhamu,  gosti ishee sheyk fiqih musa aljabartii irraa kan tahe gosa qaalluu "Berrre" irraahi.
Muftii jamaluddiin Al Aniyyii jalqaba walaloo manzumaa afaan oromootin warra barreesaniidha.

Sheyk jamaluddin Al Aniyyi qabsoo oromoota raayyaa kakaasuun mooticha atse yohannis irratti godhaa turani.
Ilmaan warra Aannaa Raayyaa jiran Ammas Afaan oromoo dubbatu kun waada isaan akka afaan oromoo hin badneef waada galchaniidha.
Hafteen Afaan oromoo raayyaa qabsoo,  ilmaan warra Anniyyiitin godhameen hanga harraatti  jiraachuu dandaye.

Oromtichi raayyaa yeroo rabbii isaanii kadhatan  du'aa'ii godhatan,  Oormichi haa dagaagu Afaan ormichaa hin badin jechaa du'aa'i godhuun rabbii kadhatu.

Sheh jamaluddiin Muhammad Anniy  maqaan dhalootaa " Araarsoo" jedhama.  Yeroo umriin barnootaa gahan barsiisaa  isaaniitiin maqaa  durii "Muhammad" jedhu itti moggaafaman.  Hundaafuu hambaan isaa abbaa, ijaa fi gurra, aangoo fi humni jaalala ummata  caale ta'uu isaa irraa fudhatamee maqaan kabajaa hedduu irraa kennameefii  jira.  Isaanis maqaa Moggaasa ibsituu fi sirrii ta’ee fi mana isaanii keessatti argaman turan Fakkeenyaaf,
Abbaan isaanitis Aalima guddaa turani.  gama beekumsaa fi shaakalaan barsiisoo Islaama yeroo turanitti "Jamalul-Din" jedhamanii moggaasaman .

Muftiin raayyaa muftii islaamaa biyya tanaa isaan  jalqabaati jedhamu, Barsiisa warra daaniyiti daaniyyi barattoota isaanitin huunda'ee bu'urefame.
Hariimaan daaniyyiin koolleejjii islaamaa guddaadha

Kubee jihaadaa

Kuubee jihaadaa fi Sheh Jamaluddin Al Anniyyii
Tulluun asiin gaditti muullatu  kun maqaan isaa  " Kubee Jihaadaa' jedhama.  Kube jechuun Afaan Oromoo tulluu jechuu yoo ta'u, Jihaad jechuun ammoo afaan Arabaatiin qabsoo jechuudha.

Bakka seena qabeessa kana keessatti, bara 1880moota keessa, Muslimoonni Raayyaa, hooggansa Imaama guddaa Raayyaa Sheyk  Jamaluddiin Al-Anniyyii  jalatti hogganamuun , duula Emperor atse  Yohaannis oromoota walloof raayyaa kiristinnaa kaassisuf  godhe irratti  oromoonni raayyaa  diddaa godhaa turaniin hoggana sheyk Jamaaliddin Anniyyi  jalatti jihaada (qabsoo) guddaa iddoo  itti godhaa turaniidha.

Suuraan asiin gadii suuraa masjiida jamaluddin Alaniyyii kan warri xaaliyan ijaariniidha.

Website:-https://mikysultan.blogspot.com
t.me/Oromographya


No comments:

Post a Comment

mootittii saba'a Queen of sheba

"Mootittii Saba'a""Queen sheba" ----------------------------------------------------------------- ★Miky Sultan Bar...