Translate

Saturday, April 6, 2024

Sheyk Haji Muhammad Rafi'i Qaalluu

☪Sheyk Haji muhammad Raafi'i Qaalluu"           Aalima biyya keenya  babbeekamoo keessaa  Haji muhammad rafi'i qaalluu isaan tokkoodha.
★Miky Sultan Barento★
  ☪ Imaama  masjiida makkaa kan turaniifi Sheeyka sheekowwanii Aalima jaboo Sheeyka barsiisaa imaama makkaa Abdurahman sudeyesiiti.

Haji muhammad rafi'i  kan dhalatan naannoo  bara 1898 kibba walloo Aanaa Qaalluu ganda  magaalaa garbaa jalatti kan argamtu ganda " irgooyyee" jedhamtuutti.

Xiqqummaa isaanii  naannoo dhaloota isaaniitti  Sheyk Ahmadiyyaa jalatti baratani.
Quraana akka xumuranitti  sheeyka guddaa kabajamoo sheyk muhammad swaadiq ganda" Gojjaam " Aanaa qaalluu jalatti argamtu irratti baratani.

Bara kudha tokkoof barumsa  fiqih baratani, Aalimoota wallootti argaman warroota beektootaf barsiisoota afaan arabaa barsiisan kitaaba Nahwiifi, sorfi,balaagaa, manxiq, fi kanneen biroos ballinaan baratanii jiru.

Achi booda kara raayyaa deemudhan sheeyka jaalatamoof kabajamoo sheyk muhammad siraj kan jedhaman  kan university alazharitti kan eebisamanii dhufan "Muftii Raayyaa"  bira deemun hadiisa baratanii jiru. boodarra  fedha sheeka isaanitin kara sudaan deemudhan
hadiisa,tafsiira,towhida, fiqih Alimoota babbeekamoo irratti baratanii jiru.

bara 1944 hajjii godhuudhaf kara makkaa imaluudhan  achumaan iddoo beekamaa daaral hadiis jedhamutti  barataniiru.

Hadiis silsillaan Aalima beekamoo ta'an sheeyk muhammad Al paakistaani irratti hadiisa "kutubu sittaa" barataniiru.
Achumaan  sa'udiitti  Aalima beekamoofi mufti sa'udii kan ta'an hayyama" Sheyk ibn baazin" hayyamaniifin sheyk muhammad qaalluun makkatti bara kudha tokko barsiisanii , qaraasisanii jiru.

Madrasaa muhaajiriin kan jedhamu mana barumsaa beekamaa kan ta'e keessatti beekumsa isaani ummataaf fayyadaniiru, Barsiisanii jiru.

Barattoota sheyk muhammad qaalluu keessa hangi tokko:- Kabajamoo Dr. Swalih abdullah uweed prezidantii paarlamaa sa'udii arabiyaa kan turaniifi imaamni makkatul mukarramaa Shek Abdurahaman sudeeys isaan tokko turani.

Bara kudha jaha eega makka turaniin booda gorsa "shek Alawi Abbas Almaalikin" akka biyyatti galanii Daaral hadiis huundeessan eergamani isaanis gorsa kana fudhachuun kara biyyaa galanii biyya isaani baadiyyatti  barsiisu eegalani.

☪Darasoonni heedduun kara isaanii imaluun hadiisoota irratti barachaa turani.
Garuu rakkoo mootummaan dargii "Abiyoot "Jechuun labsii ummata hiisisa ture  saniin darasoonni isaanii  heedduun addaan faffaca'u eegalani.

Achi booda sheeyka kabajamoo kan ta'an ilma sheyk iisaa hamza kan ta'an sheyk alaqaa sulxaan guraagee naannoo buttaa jiraa  masgiida ijaarame keessatti akka hadiisa barsiisan xalayaan sheeyk muhammad rafi'itti eergamee  finfinnee deemani, finfinnee akkuma galanitti Haji zeynuu( rahimuhallahu aley) wal arganii  mana isaanitti akka hadiisa barsiisan godhani.

Yeroo sanitti itti gaafatamaa majlisaa  fi hundeesitoota kan turan, Imaama masjiida Anwar kan turan Haji muhammad saanii Habiib Rahmatullah aleyh) afeerraa masgiida Anwar masgidiitti sheyk muhammad rafi'i qaalluutii godhaniifi.
Akka masjiida anwaritt  hadiisa barsiisan godhaman,  bara heedduu  masjiiida anwaritti hadiisa barsiisaa turan.

Rabbiin caffee jannataa ha jiraachisu.
Website:-https://mikysultan.blogspot.com
t.me/Oromographya


No comments:

Post a Comment

mootittii saba'a Queen of sheba

"Mootittii Saba'a""Queen sheba" ----------------------------------------------------------------- ★Miky Sultan Bar...