Translate

Thursday, January 27, 2022

#Gadaa

GADAA 1.Hiikkaa Gadaa Gadaan waan jecha tokkoon himamuu miti. Kana jechuun gadaan hiika hedduu qaba jechuudha. Innis akka armaan gaditti ibsama. Gadaan sirni ittin bulmaataa Oromooti Gadaan maqaa waliigalaa kan ittin bulmaataa dimookiraatawaa taheedha. Sirna dimookiraasii hayyoota Oromootiin uumameedha. Sirni gadaa heera saba Oromoo guutuu kan siyaasaa, dinagdee fi hawaassummaan sabichaa ittin murteeffamuu dha. Kan miseensi sabichaa mirgaa fi dirqama isaa beekee itti walii galu wabii tokkummaati. Gadaan sadarkaa umriiti Sirni gadaa sirna dhalli Oromoo hoodaa fi itti gaafatama adda addaa kan itti qabatanii dha. Hojiileen raawwatamu hundi sirna gadaan walitti hidhata qaba. Kana jechuun gadaan sirna aadaa, seenaa, afaan, hawaasummaa, dinagdee Oromoo irratti hundaa’ee ijaarame jechuudha. Dhallii oromoo sadarkaa umrii waggaa saddeet saddeettin tokko irra gara biraatti dabraa bara saddeetama booda sadarkaa gadamoojjii /kudha tokkoffa irra gaha. Namni tokko sadarkaa gadaa tokko keessa bara saddeet qofa tura. Yeroo sadarkaa gadaa tokko irra kan biraatti cehu sirna adda addaatuu raawwatama. Sadarkaaleen gadaa kunis akka armaan gadiitti dhihaatu. 2. Sadarkaalee Gadaa maxxaarii (0-8) Sadarkaa kun sadarkaa daa’imaati Daa’imni sadaekaa kana keessa jiru rifeensi isaa hin haadamu Daa’imni tokko yeroo sadarkaa kana hulluqu maqaa arkata. Maatiin daa’iman sadarka kana keessa jiran qaban yoo aannan hin qabne gosaatuu keennaf. Daa’imni sadarka kana keessa jiru hamtuufi toltuu, firaa fi alagaa addan baasuuf fa’a. kana malees hibboo fi seenaa akaakkayyuu fi abaabilee isaa irra barata. Akkasumaas, gaggeessa paartii gaafa dhalatan taayta irra ture waliin akka miseensaatti fudhatama. Sadarkaan kun Oromoo Ituu biratti maxxaarrii jedhama. Ruubaa/Itti makoo (9-16) Daa’imni tokko yeroo sadarkaa kana seenu rifeensi irra haadamee booda ayyaanni qophaahee keennaan gabbisaa /goramsa tokko/ keennameefii sadarkaa itti makkootti seena. Yeroo kana hammachiifamee maqaan baafamaf. Guyyaa kanarra eegalee maqaan kanaan beekkama. Ijoolleen sadarkaa kana seenani bara afur booda gaammaa haaddatanii, roggee filatan Gahee hojii isaanii Bishaan daakuu, farda gulufsiisuu fi sirba fi geerarsa baratu. Kanamalees hidda sanyii isaanii, hojiitiksaa, adamoo, ispiirtii aadaa fi jibrii foo’uu baratu. Akkasumaas , siyaasaa (mirga, dirq ama, seera) fi hawaasummaa baratu. Dhumma irrattis ayyaana ijoollee kan tabooree jedhamu hiriyaa isaanii walin kabaju. Sadarkaan kun – Boorana keessatti – Gammee xixiqaa jedhama Goobama/Dabballee (17-24) Da’imni sadarkaa Ruubaa keessa dabree sadarkaa goobamaa ykn dargaggoo keessa seena. Gahee hojii Leenjii waraanaa baratu Biyya irra deemuun sirba saban wal baru Yeroo gadaan buttaa qalu goobamaatuu korma kuffisee qabaaf sadarkaan kun bakkoota adda addaatti maqaa adda addaa qaba. Tuulama – Foollee Borrona – Gammaa Gurguddaa Gujii – Kuusaa Afran Qalloo – Goobama Raaba/Foollee (25-32) Namni tokko sadarkaa gobama keessa bahee sadarkaa raabaatii seena. Sadarkaan kun sadarkaa loltummaattii. Namni sadarkaa kana seenee waraana taha jechuudha. Sirna gadaa keessatti murni kun murna loltuu ture. Namni umriin isaa sadarkaa kana seenee hundi loltummaa tahuuf dirqama qaba. Gahee hojii Raabaa Leenjii waraanaa baratanii yeroo diinni biyya weerare meeshaa waraanaa kan akka xiyyaa, eeboo, gaachanaa fi fardaan duulanii diina ofiirra deebisu. Dhimmoota biyyaan wal qabatan barachuu jalqaban. Sadarkaan kun bakka adda addaatti maqaa adda addaa qaba. Kunis Booranatti – Kuusaa Tuulamatti – Qondaala Gujiitti – Raabaa Afran Qallootti – Raabaa jedhamu Doorii (33-40) Sadarkaan kun yeroo itti ilmaan kormaa aangoo qabachuuf qophii barbaachisu itti godhaniidha. Haalii hojii isaanii warra biyya bulchan waliin waliitti hidhata qaba. Gahee Hojii Doorii Bakka warri gadaa itti murtii seeraa keennan rakkoo gosaa ilaalanii fi marii adda addaa godhanitti argamanii seea baratan. Manguuddoo biyyaa irraa aadaa, seenaa, amantii, fi seera baratan. Yaa’ii caffee gadaarratti hirmaatanii duudha bulchinsa gadaa baratan. Rakkoolee xixiqqaa uumamte furanii muuxannoo hojii horatan. Biyya keessa deemanii ummatan wal baru. Sadarkaan kun bakka adda addaatti maqaa adda addaa qaba. Kunis :- Booranatti – Raabaa Doorii Tuulamatti – Luuba Afran Qallootti – Doorii /Raaboodoorii/ Gujiitti – Doorii jedhama. Waluma galatti sadarkaan doorii kun yeroo itti ilmaan kormaa aadaa, duudhaa, seenaa, safuu, seeraa fi heera baratanii angoo qaphachuuf itti of qopheessaniidha. Gadaa (41-48) Sadarkaan kun yeroo ilmaan kormaa aangoo siyaasaa itti qabatanii biyya bulchanii dha. Kana malees yeroo seera itti seeraa ilaalanii rakkoo gosaa furaniidha. Akkasumas abbaan gadaa biyya bulchu yeroo kana filamee hojii mootummaa godhaa itti jalqaba. Sadarkaan kun bakka adda addaatti maqaa adda addaa qaba. Innis :- Booranatti – Gadaa Gujiitti – Gadaa Tuulamatti – Luuba Arsiitti – Luuba Waluma galatti sadarkaa gadaa kana keessatti biyya guutuu keessa deemanii rakkoo dinagdee, hawaasaa, siyaasaa fi waraanaa furuuf itti gaafatama qaban. 7.Abbaa Bokkuu(49-56). 8.Abbaa muudaa(57-64) 9.Hayyuu(65-72) 10.Gada Mooji(73 -80) Sadarkaan kun yeroo murni duraan aangoo irra ture aangoo itti dabarsu keennuun aangoo irra buhuudha. Manguddoonni yeroo aangoo isaanii fixan akka angafootti ilaalaman. Abboottii Gadaa aangoo irra jiran gargaaran ykn gursu. 3/ Gadaan maqaa miseensoota paartiilee gadaati. Gadaan oromoo shani ykn gaggeessa gadaa shan qaba. Gaggeessa gadaa jeechuun miseensa paartiilee siyaasaa jechuudha. Gadaan tokko waggaa saddeet qaba. Gaggeessi tokko waggaa saddeet biyya bulchee kan itti aanuuf aangoo keenna. Abbootiin gadaa waggaa saddeet saddeetiin aangoo waliif dabarsu. Waggaan saddeet gadaa tokko maqaa mataa isaa qaba. Kunis gaggeessa ykn miseensa gadaa jedhama. Kunis bakka adda addaattii maqaa adda addaa qaba. Boorana – Gaggeessa Gadaa Tuulama – Miseensa Gadaa Ituu – Miseensa Gadaa Arsii – Miseensa Gadaa Gujii – Baalii jedhama. 4.Marsaa Gadaa Gaggeessi gadaa tokko tartiibaan deemee kan jalqabaatti yoo deebi’u marsaa tokko tahu. Kunis Marsaa Gadaa jedhama. Gaggeessi gadaa tokko waggaa 40 booda bakka isaatti deebi’a ykn aangoo qabata. Ilmaan gadaa moojii warra gadaati. Kana jeechuun abbaan gadaamoojii yoota’u ilmi isaa abbaa gadaa ta’a. Gaggeessa Gadaa Afran Qalloo Hormaata Sabbooqa Dibbeessa Fadataa Daraaraa fa’a. Gaggeessii kun tartiibaa marsaan gadaan yoo mul’atu kan armaan gadii fakkaata. Sabbooqa Hormaata Dibbeessa Daraaraa Foodataa Waluma galatti gaggeessi gadaa 5 marsaa gadaa tokko tahu. Tartiiba yeroo idileetiin yoo laallu jireenya namaa tokko keessa marsaa gadaa lamaatu jira. Isaaniis Marsaa duraa – Gadaa Abbaa Marsaa Boodaa – Gadaa Ilmaa Dhalii oromoo tokko guyyaa itti dhalatee eegalee hanga umrii waggaa (80) miseensa paartii gadaa tokko tahee jiraata Kana jechuun abbaa fi ilma jidhuu garagarummaa umrii waggaa 40 jira. ——————————————————- Ababoota laamishaahuu fi Guutummatti dhababmuu sirna Gadaa Raabaa fi Doorii Ittin bulmaatni Mootummaa Raabaa fi Doorii Harargee Kuniis laamshaahuu kan eegale . Jalqaba jaarraa 18ffaa keessa sababa Abbootiin Gadaa Rabaa fi Doorii tokko tokko Amiirota hararii waliin hariiroo Fuudhaa fi Heeruma uumuu dabalatee Amirota Harararii gosa orommoo lallabachuu barbaadaniif akka gosti moggaafamtuuf godhan booda. Adeemsi kuniis muudamni Abbaa gadaa akka duraatti kan heeraafi seera sirna gadaa eggatee deemu osoo hin taane Angoon abbaa Gadaa maatii irraa gara maatiitti akka darbuuf xurree saaqe. Sababnii bara hariiroon kun uumamu Angoon Amiirota kan warra maatii tookko waan tureef Aboottiin Gadaa raabaa fi Dooriitiis Adeemsa kana dhaaluu jalqaban fkn Amiir Ali ibn Da’ud kan bara(1647-1661)bulchaa ture irraa eegalee hanga Amiiraa isa dhumaa Amir Abdullahi ibn Muhammed kan bara(1885-1887)harar bulchaa turetti Amiirumaan Abbaa irraa gara ilmaa ykn obboleessa irraa gara obboleessaattii dabraa turte. Gara oromootiinis Abbootiin Gadaa adeemsa kanan bulchaa turan akka fkntti Ballaa Buubaa ,Caammaa Nuur,kormooso,wadaay galmoo faan isaan muraasa. Adeemsa fuudhaa fi heerumaatiin walqabatee Ali ibn Da’ud kan bara(1647-1661)bulchaa ture niitiin issaa oromo Anniyyaa yammuu taatu Amiir muhamad kan(1866-1875)Harar bulchaa ture nitiin isaa oboleettii koormoosoo kan abbaa gadaa afrn qalloo ture yammuu taatu inniis kudha lamaana alaa keessaa gosa warra Abbaadhooti. Akkasumaas kormoosoos intala Amir Abdul Karim (1825-1834),kadja tan jedhamtu fuudhee akka ture ni himama. Gara biraatiin naannoon Oromiyaa Bahaa tun Afaan qawwee weerartoota Arabaa jechuun Mootummaan Turkii fi Mootummaan Misraatiin A.L.A bara (1875-1885) Weeyraramuun ittiin bulmaaatni sirna Gadaa Raabaafii Doorii Oromoota hararg kun daran akka laamishaahu ta`e. Adeemsa kanaaniis Weeyrartoonni kun bakka Abbootii Gadaa Duursitoota Gosaa gosoota oromoo kan naanno kana jiraatan keessaa filanii Maqaa Damiina,Garaada fi Malaaqa jedhamu moggaasuudhaan angoo kennaniifi akka adeemsi ittiin bulmaaata sirna Gadaa sabni kun ittiin walbulchaa ture dadhabu taasisan. Dhuma irrattis Sirni Gadaa boonsaan Oromoon ofii kalaqatee ittin of bulchaa ture Kun xumura Jaarraa 19ffaa keessa weeyrara nafxanyootaatiin guutuutti Barbadaahuu isaa yaadannoo kaleessaatti. Xumura Akukuma jalqaba irratti ibsine sirni Gadaa sirna Dhimma jiruu fi jireenya ummata Oromoo fuula hundaan kan ilaalu sirna siyaasa, aada diinagdeefi amantiiti. Akkaataan jireenya maatii, fuudhaafii heerumaa, hariiroon uumaa, Akkaataan qabannoo qabeenyaa itti loon bobbaasan, ,akkaataan itti qabeenya horatanii dhimma ittiin bahan hundi aadaa Gadaa keessatti bakka olaanaa qabu. Namuu qabeenya mataa isaa irratti mirga guutuu qaba. Akkaataan baasiin gumaa, adabni seeraa cabsanii fi sababa biraalleeofitti makanii itti waliin jiraatan hundi aadaa sirna kanaantiin gaggeefamu. Akka bara saniitti eenyulleen aadaa kana nifudhata. Murtiin adabbii yoo irratti dabrellee namni sun beekeeti eegumsa tokko malee, taa’ee adaba isarritti raaw’atamu eeggata. Aadaa kanaa ala bahuun, badiidha, namuu aadaa tahuu isaa waan beekuuf sirna Gadaa keessa jiru osoo keessaa of hinbaasin kabajee jiraata. Walumaa galatti sirni Gadaa sirna tokkicha ilmaan Oromoo hundi ittiin wal-bulchaa ture har`a addunyaa biratti fudhatama argachuun Galmee UNESCO irratti Galmaa`e waan ta`eef sirna kanaan yoo har’a wal-bulchine tokkummaa Oromoo gutumaan guutuutti mirkaneessuu bira dabree eenyummaan Saba Keenyaa daran Addunyaa irratti akka beekamu taasisaa. kanaafuu sirna miidhagaa sabni keenya ittiin walbulchaa ture kan gita bittaan nafxanyaa akka awwaalamu taasise ture kana iddoo jalqabaatti deebi`ee akka dagaagu gochuuf ga`een tokkoo tookkoo abbaa aadaa kan ta`e saba oromoo irraa eegamu ol`aanaa waan taheef gumaachi yaadaa fi beekumsaa nuti gumaachinu eegala dhuma hin qabneedha

Friday, December 24, 2021

Godaannisaafi Gaabbii

GODAANNISAA FI GAABBII (Iyya birmannaa fi dhageettii dhabee ture… ) Sisaay Bulbulaa Tulluu ===================== Dubbii dabaa hambaa Gadaa hundeen buqqisuuf karoora bara Gadaa Roobalee (waggaa 20n dura) jal’ataan tokkichi karaa irraa maqse sana Waggaa 3 dura immoo seenaa fi safuun isaatillee akka hin hafnetti galtuun/moggaasaa fi Gabaroon mootummaa hirkoo godhatanii irratti hojjachaa akka jiran hubannee baraaruuf iyyaa turre. Garuu durriyoonni daabboo fi durgoon nutti bitaman, dureeyoonni dabaa daldala lafa Oromiyaa fi lafee qeerroo cabsiisaa sabboontoota qabsiisaa daldala diinummaatin diinagdee horatanii durooman, kaneen har'a immoo qabsaa'ota Ameerkaa fi Awuroopaa/ diyaasporaa ta'anii OPDO marsaa 3ffaaf of qopheessaa jiran caalaa dubbiin teenya dhaga'amuu hin dandeenye. Dhugaan kaleessas, har'as jirtuu fi borus jiraattu takkittuma. Dhugaan hin dhalattu hin dhaltu. Sobni garuu guyyaatti kumaan dhalataa bula. Kaleechas har'as dubbiin teenya takkuma. Dubbiin teenya dhugaa waan hin qabneef dhageettii dhabde osoo hin taane, waan dahannoo/hirkoo diinaa duubarraa hin qabneef, waan diinagdee fi durriyee ‘tifoozoo’ hin ijaarranneef, waan deeggarsa diyaasporaa fi miidiyaa dhabneef dhokanne. Waan waggaa 2n dura jechaa turre duubatti deebi'aa ilaalaa. Kun waan ragaan lafa taa'ee jirurraa argamu malee waan raagaa itti gaaffan miti. 'Dhugaa rirmi hin nyaatu!' jedhe kan dhugaa beeku. Waan gaafa godaansa Gadaa Meelbaa(Tuulamaa) falfalaan Oromoof qopheesse, waan kalee Karrayyuu keessatti ta'e, waan boruuf nuuf qophaa'ee taa'ee wagga 2n dura ragaa jiru dhaggeeffannee dhugeeffanneeti barreechinee dubbachaa turre malee raaga raatoftootan hoteelatti akka silindarii gaziitti guutamnee miti. 'sitti himee siihin galuu?!' Jedhe art Umar Sulee. Kanaaf har'a wanti garaa koo gubu godaannisa gadoo malee gaabbin osoon gumgumee hin baafatin garaatti na hafe gaabbii natti ta'u takka hin qabu. Gaaddisni Gadaa dhalootan deebi’ee ni magarfama; Gaaddisni dharaa garuu akka Gaaddidduuti waan ta’eef gaafa aduun killeen itti baate ni bada! ‘Sakaroon haa cabdu; Sal’een haa maxxantu!’ #BiyyaafiSirnaKeenya!

Saturday, July 17, 2021

Obbo Disis Dabalee/ Qe,ee Finfinnee

“Finfinnee keessaa gamoo hin qabnu; garuu gamoo sana jalaa lafee abboota keenyaa qabna” Raayyaa Abbaa Maccaa (FIB irratti)
Haasaa Raayyaa Abbaa Maccaa kanarraan waa yaadadhe: Maatii Abbaa Malkaa Hora Finfinnee!
Akkas:
Obbo Deessis Dabalee jedhamu; Deessis…Dabalee…Ayyuu…Galatee…Sarrawaa…Lumee…Bookkisaa…Ejersoo…Ellaamuu…Jaarsoo….jedhaniitu Mana Gullalleetti galchu. Amma (waggaa 1 dura) naannawa Finfinnee, Golboo/Saaris/ jiraatu. Lafti maatii isaanii irraa dhaalan guutumatti  fudhatameera. Mana Abbaan isaanii ijaaran dargiitu irraa fudhatee ‘Mana Gandaa’ taasise. Obbo Deessis Seenaa isaanii himachuu baay’ee hin fedhan; ‘dubbachuun bu’aa hin qabu’ jedhu. Sababni isaa ‘waan nurraa fudhatamee fi waan nu jalaa bade (aadaa, Safuu, Afaan, Qabeenya, Lafa…) eenyutu nuuf deebisa? Eechaa dhufas?’ jedhu. Maatiin keenya osoo gubatanuu nurraa dhuman, nutis sanuma’ jedhu abdii kutannaadhaan. ‘Waa’een Oromoo Finfinnee irraa buqqa’anii Miidiyaan ni dubbatama garuu maal gatii qaba? … osoo nu mariisisanii, warra gargar faca’e iyyafatanii walitti fidanii gaarii ture…jechuudhaan komatu. 
Akka isaan himanitti Irreechi Hora Finfinnee Abaabilee isaanii (Sarrawwaa Luume) irratti dhorkamee hafe. Sarrawwaa Lumee ayyaantudha. Keelloon gubaa/Masqalaa qe’ee isaanitti gubamaa ture jedhu. 
‘…Minilik Sarrawwaatti michee haadha manaa isaatiif jaala ta’ee ani obboleessa keeti jechuun haadha manaa Sarrawaatti himatee, lafa akka kennaniif taasisee booda Sarrawwaa ajjeechisiise jedhu.
Sarrawwaan duunan ilmi isaanii Galateen qe’ee dhaalee osoo bulchuu Zawudituun lafa abbaa isaanii Waantaa 11 keessaa 10 irraa fudhattee Waantaa tokko qofa dhiisaniif. Obbo Galateen hedduu erga falmanii booda aaranii gara warra Haadha isaanii Awaash Leemanitti galan. Galateen Awaashitti duunan abbaa biyyaati jedhanii Finfinnee fiduun bataskaana Carqoositti awwaalan jedhu. Jiraan jibbamneet duunan jaalatamne’ jedhu.
‘…Galateen duunan ilmi isaanii Ayyuu Galatee lafa abbaa isaa falmuu jalqabe. Ayyuun ilmaan 7 hore. Isaanis: Dasii, Diinagdee, Shibbiruu, Dabalee, Fayyisaa, Cifiraa, fi Ituu jedhamu.
Maatiin kun erga naannawa masaraa mootummaatii dhiibamanii booda lafti isaan irra qubatan Bulbula ykn ganda  Qoreetii  hanga  karra Qaallutti (Qaallittii)  isaantu qabatee ture. Diinagdeen Ayyaantuu waan tureef iddoo bataskaana Yoosef Jedhamu kanaa Galma Ayyaantuu qaba ture. Abbaan lafa ilmaaf kennanii, ilmi galma irratti ijaarrate kana mana amantaaf barbaanna jennaan, hin kennu  jedhee Ayyuu Galatee namoota 3 waliin Ejeree (Aaddis Alam)tti baatii 3 hidhan. Namoonni kunis:-
1. Duulaa Arra’ee       2. Guddaa Duulaa         3. Itichaa Duulaa jedhamu
Ayyuun osoo lafaaf falmuu itti hammaannan Awwaash Leemmanitti galee achumatti du’ee, Adaadii Maaramiitti awwaalame. Ilmi isaanii Dabaleen itti darbee osoo falmuu dhumarratti lafti bataskaanaf ta’aa manni qaalluu hin barbaachisu jechuun Daj-azmaach Takistaa Wadaajoo isa ajjeechisiise.
Fayyisaa Ayyuu lafa irraa fudhatame waantaa kurnan (10nan) naaf deebisaa jedhee Hayilasillasedhaan waggaa 27 falmee ijibbaate. Abukaatoon isaanii Hayilamaariyam Gammadaa (Bu’ureessaa W. Maccaa-Tuulamaa) ture’ jedhu. Fayyisaan miseensa Waldaa Maccaaf Tuulamaa ture.
‘…Ilmaan isaanii keessaa Cifiraa Ayyuu roorroon itti hammaannan Boorana Yaaballoo gale jedhan. Achitti galuu  isaa malee ilmaan isaatin osoo wal hin beekin hafne.  Isaan kuun Arsii naannawa Itayyaa jiran, isaanin garuu wal agarree jirra.Warra Baale galaniin wal hin agarre … Akka callee cittee gargar facaanee’ jedhu.
Lafa isaanii lammii biyya Faransaay SAARIS jedhamu garaajidhaafin barbaada jennaan hanga tahe irraa kutanii itti kireessan. Kanaan naannoon sun maqaa SAARIS kanaan hafe jedhan. Dabaleenis dhumarra qabeenya isaanii Dargiin waan dhaalef aarin du’ee Bataskaana Yoosefitti awwaalame.
Yeroo ammaa kana Ilma isaanii Obbo Deessis Dabalee fi durbiisaa  Aaddee Zannabuu Fayyisaa Ayyuutu lubbuun jira. 
(Af-deebii Barruulee Ayyaana Irreechaa bara 2019tiif hojjanne keessaa fudhatame) Taliila Bulbulaa
https://t.me/joinchat/LgIhsjFudb4yYTI0

Wednesday, June 9, 2021

#Yejjuu Saddoomaa

 Yeejjuu Sadoomaa!!
Guyyaa tokko warra gaafachuuf magaalaa baatee irraa kaanee imala kara yeejjuu goone magaalaa yeejjuu kan taatee magaala waldayaa keessa bulle xiqqoo qilleensa fudhachuuf magaala keessaa ol yeroo laallu karaa gaara gubbaa laaftoo lafti yeejjuu nama hawwata achumaan imala keenya kara biyya sheek abbaa gatiy marsaa goonee marsaan daddawachaa biyya magariisa biyya abba gatiyye keessa qaxxaamurree kara magaalaa haraa imala keenya goone  haraan magaala warra yejjuu kan taatef biyya  jaalalati achitti buunee buna dhuguuf gad teenyee daawwachuu jalqabne. Achumaan maanguddo warra yejjuu tokko argannee Arhib abbaa jenneeni buna dhuguu jalqabne. Achumaan abbaa mee waan yejjuu kana nu taphachiisa jenneeni tole marhaba nuun jedhanii taphachuu jalqabne.
Mangudichis eessarra kaatani dhuftan nuun jedhanii nu gaaggaafatani nutis warruma wallo warra baateti warroota keenya daawwachuu dhufne kanaaf kara yeejju imallee dhufne jennaanin baayyee gammadani. Anis jedheen warri koo warra marsaati Abbaan gatiyyi akaakilee kooti warri koos warra sheekota gosaan Worseh(Worsheh) warra marsaa abba gatiyeeti jennaani baayyee gammadani. Akkas nuun jedhani nuti oromoo akka taane beekna garuu ijoolleen keenya afaan oromoo hin beekani hin dubbatani kanatu nujalaa bade malee lafti yeejjuu ofiituu oromoo ta,uu isaa ragaa ofitti baha, fkn, haraa,haroo, dirree roqaa,waldayaa jedhamanii magaalonni waamaman kun afaan oromootin waamamu, dirree roqaa biyya gootuwwani irra gad yoo dabarte lafti diriiran bareedan oromoonni yeejjuuf affaaronni irratti wal lolan  jaarraa jedhamee waamama. Jaarraa irratti oromoonni yeejjuu lafti keenya lafee keenya jechuun heedduttu wareegamanii jiru.jaarraa taate gaara guddaa bareedaa tokko yoo daawwattu gaara guddaa dheeraa warra baabboo seenutu jira maqaan isaatis "Akeekachisa" jedhamee waamama.gaarreen heedduu jira kanneen keessa gaarri biraa gaara guddaa "gaara diimaa" jedhamuttu jira kan biraatis gaara zamzam jedhamutu jira. Gandoonni gaara zamzam irra jiran illeetti, reebuu, warra moommajii, jedhamanii waamamu.. osoo daawwachaa deemaa jirruu karaa irratti adurree arganii hiriyyan shufeerichaa keenyaa eegadhu Aduree tana jechuun ittiin yeroo dubbatu dhageenyee jennaanin aja,ibamnee isaan gaafannee adurreen afaan oromooti jedhee gaafannaan xiqqoo seeqanii maaloo warra keenya afaan oromoo guutumaa guututti hin badne nii jira nuun jedhani. Abbootan keenya gurguddoon afaan oromoo dubbatu akka afaan oromoo dubbannus baayyee nugorsu afaan oromoo jaalatu nuun jedhani garuu nuti heedduu hin beeknu afaan keenya balleessine afaan alagaa dubbanna nuu jedhani. Baayyee garaa nama guba. Fkn Abbootin keenya yeroo du,a godhuu jalqaban Nagi nagaya jedhanii jalqabu ..waan aja,iba keessa oromoonni walloo yeroo eebba jalqaban "Nagi nagaya" jedhanii jalqabu yeroo xumuranis rabbiin nagaa haabusu jedhanii xumuru. Oromoonni walloo afaan amaaraa dubbatanis afaan oromoo dubbatanis keessayyu karaa warra baatee kanaan  " Nagi nagaya saglan wacaalee,afran baabboo, torban baareentuu jedhanii yeroo xiqqoo turre eebba yeroo eebbisan dhagayaa guddanne.
Gosoota Abbootii yeejjuu Saddoomaa.
Waaree hadee         Bidaaruu haade
√                                    √
shaashee waaree.galmoo bidaaru
jibe waaree           .anduwa bidaru
dirisa waaree.     .maaree bidaaru
                              Kadee bidaaru
jedhamuudhan waamamu
shashe waare   galmoo bidaaru
Amaanuu geta. Hussen galmoo
mamo geta     . Xaasoo galmoo
                           .Araarsaa galmoo
jedhaman ilmoo qaban Turani.
Gosoonni yeejjuu saddoomaa yeroo gosa isaanii yaaman akka armaan gadiitti yaamu.
Waaree -haadee -karrayyu -nagoo- ammaa- laaftoo -gamaa -galte jechuun gosa isaanii yaamu.
Gosoota yeejjuu saddoomaa kanneen keessa warra moomajii jedhamuun yaamamus nii jiru.
Gosa keenyan wal habarruu...
Harmeen tiyya gosti ishee Worra Rugaa jedhama.
Ka,umsi isaanii walloo naannoo dasee booruu meedaa golboo muhammad alii jedhamu naannoo rugaa jedhamtee yaamamtu irraayi gosti isaanis Warra rugaa jedhamanii yaamami.
Harmeen tiyya:-
Hawa,mahammad,Habib, Abdu, Mahammad,Godaana, Dallayyoo, Diida, Waarihoo,Walaabu ..jedhamuun yaamamti...isinis nuun qoodaa..
[Madda Miky sultan irraa]

@Oromographya

@Odaatiktok


#Walloof Ituu

#Warra_Nagiin_Nagayyaa
(WALLOO FI ITUU)
Nagiin nagayya jechuun irra caalatti du'aayii ilmaan Oromoo bareentumaati. Oromooni hundeen isaanii shanan Bareentoo keessaa ilmaan Murawwaa biratti immoo Nagiin nagayya jechuu hogu du'aayiin godhamtu qofaa miti kan itti fayyadaman. Akka Waan barakaan siif haa haftu jechuuti, dhimma tokkorraa zigaaluufis aadaa itti fayyadamnu dha. Raabsii jimaatis haa tahu, qiinxaa (kismidaal), kennaa weyiitis haa tahu, afeeraa siif laatamerraa hanga tokko erga fudhatan booda kan hafe nama isaaniif waa kenne saniif hogu deebisan, NAGIIN NAGAA jadhu. Kunnimoo maqaa mataa isaa dandayyee hawaasa oromoo biratti qaba, #Zigaal_Ituu jedhama. Zigaal Ituu jechuu Oromoon gurraa hin qabne kan jiru nati hin fakkaatu. Wanni horteen Oromoota Ituu ittiin beekaman hedduu keessaa tokko #Zigaaliin waan tahef. Oromoota Ituu biratti "Namni Zigaal hin qabne akka nama rakkishaa, ykn nama guutuu hin tahinitti beekama. 

Abaabuun ofii hangamillee adda faggaatee qubsuma taasistus, aadaa,haalaa fi amala abaabuu ifii guutuumaan guutuuti gatuun waan akka salphaati taatu miti. Wanni ifii akka laafutti nama gadi hin dhiistu akkumma ja'amu kana, Aadaan kun Carcar keessa qofatti miti kan hafe. Kaaba biyya teenya Oromoota walloo keessattis #Nagii_Nagayyaan aadaa guyyarraa hawaasa jiddutti mul'atuu dha. Manguddoon Walloo, Naannoo Baatiitis tahe godina Raayyaa (Tigraay Kibbaa) yoo waaqa kadhatan NAGIIN NAGAA jechuun jalqabu. Itti fufuun, "Shanan Wacaale, Afran Baabboo, Torban Bareentumaa..." jechuun du'aayii yoo itti fufan argamu.  Mee arraaf xiqo Lafa Oromoo Walloo, warra Yejjuu (Ejjuu,Eeja) keessa haa yaanu. 

Walloo Dheeyxee Magaalaa #Baate(Baatii) irraa #Koomboolcha Dheeyxa, San booda #Dasee,san booda gara #Marsii(Marsaa) deemta. Giranarraa meeyxee #Waldaya(Waldiya) dheeyxa. Magaalota Haraa, Haroo, Daanaa, Dirree Rooqaa, Jaarraa..... kana kana keessaa deemta. Kun hundi lafa Yejjuu (Ejjuu/Ejjee) ti. Lafa Ejjuu tana keessa Gara Jaarraatiin gaarreen gurguddoo lamaatu argama. Tokko #Gaara_Akeekachiissaa ti. Gaarii akeekachiisaa Ejjuu Sodoomarraa kaasee hanga Warra Baabbooti dheeratee argama. Gaarii biraa gaara Zamzami. Oromooni Walloo naannoo kana jiraatan Oromoota Harargheeti wajiin aadaa fi faaya qofaan kan wal fakkaatan osoo hin tahin, akkumma Oromoota Harargheetis ummata qashtii, ummata fannaani. Silattuu hiddaatu tokkoo mi?!!. 

Gaara #Zamzamirra Ganda Oromoo 5 tu jira. 
Ganda Reede ti. 
Ganda Eelelle
Ganda Ajoo (Funyaan Ajoo)
Warra Moomajii
Ganda Gaara Diimaa tu jira. 

Warri Walloo kan toora kana qubatanii jiran Oromoota baha Oromiyarraa jaarraa 13 ffaa irraa kaasee hoggansa Caffee Gadaa Ituu jalatti duulanii lafa san too'achaa, achumaan achi qubatuu jalqaban akka tahan seeneefama. Oromoota Ituu jaarraa 13ffaa jalqabee garas sochoo'ani turan yoo taate malee, Sana dura lafa sabni kamuu irra hin turin akka taates seenaan Itoophiyaa ni addeessa.  Erga Oromooni irra qubatan booda mootummooni Abisiniyaa Amda Tsiyoonirraa jalqabee itti fufinsaan fadhii lafa tana weeyraruun, itti abboomuudhaa agarsiisaa turani jiru. Haa tahu garuu, Haalli siyaasaa, Diinagdee fi Waraana Sabni Oromoo jaarraa hedduuf hanga jaarraa 20ffaa irra ture kan isaaniif hayyamu hin taane. Inumayyuu akkuma olirratti tuuqne Dhuma Jaarraa 16ffaarratti horteen Oromoo Booranaa fi Bareentuu gosoota isaanii keessaa humna loltuu (#Humna_Waloo jechhun) walitti babaasuun diina Abisiniyaa (Tigraayi fi Gondarii) saaminsa lafaatiif yeroo hedduu gad sossoo'uuf yaalaa ture dura gamtaan dhaabbachuun lafa Oromoo Walloo ittisuuf murteesan. Walloon Lafa Oromoo haala kanaan tutuqaa fi saaminsa diinarraa ittifamte dha. achumaan Oromooni duula dhaqanii fi san booda itti goodaananis irra qubatan. Sababa duulli fi qubsumti gaggeefamte Hortee gosa Oromoo Boranaa fi Bareentoo adda addaarra taateef, Akka Ona Ituu,Ona Afran Qalloo, Ona Anniyyaa, Ona Xummuugaa, Ona Tuulamaa fi kkf jennutti,  lafa Oromoo kaabaa Itoophiyaa jirtu ONA gosa Abaluuti jechuun hin dandayyamne. Garuu #Lafa_Oromoo_Waloo (Walloo) jechuun saba Oromootiin moggaafamte. Gootummaa , Gamnummaa, Dhiigaa fi lafee ilmaan Oromootiin tikfamtee lafa arrra geesse malee arjoomaa fi kennaan kan horatamte miti. 

Sun akkuma jirutti tahee, Dur oromoon yoo iddoo tokkoorraa  sossoo'uun lafa haarawarra qubatan lafa san maqaa gosa isaan keessaa irra hedduutiin moggaasu ture. Ona Ituu Ona Afran Qalloo.... kan jadhu kunnis kanarraa dhufe. Garuu lafa Oromoo Kaaba Itoophiyaa jirtu Walloo haala kanaan moggaassuun waan hin danda'aminiif, Oromooni iddoo adda addarraa garas duulanii fi goodaanaan lafuma Oromoo Walloo jechuun moggaafatan tana keessa bakka adda addaa irra hedduu maqaa gosa,Ibidda gosaa fi balbala gosa ofii kan keessaa dhufan baasaniif. (Garuu guutuu lafa Oromiyaa birarras haaluma kanaan qubsumti qindeessummaa caffeelee gadaa Oromoo hundatiin gaggeefamaa ture). 

Maqoota ganda Walloo kan armaan olitti ilaalle kana ilaaluu qofaan hawaasni irra jiru Oromoota dur Carcar (Ona Ituu) irraa ol duulanii achummaan qubattan tahuu salphummatti hubachuun ni dandayyama.  Caffeen Gadaa Ituu kan Odaa Bultum hanga gumii sadeen bareentumaa tahun tajaajilaa turetti, Gosoota,ibidda gosaa fi Balbala gosoota Oromoo hararghee gara Kaabatti duulanii fi qubattan iddoo qubsuma amma irra jiran wajiin adda baasurratti qorannoo gaggeessuun hojii guddaa hojjachaa jirra. Rabbiin nu haa gargaaru malee Fuuldura bal'inaan kan walittiin dachaanu taha. Anis Zigaal naqabe. Ammaaf kanaa ol Isinitti hin dheereessu.

Madda ItuuOromooPost.
@Oromographya
@Odaatiktok

#Dhayi Balaa karaa masalaa

#Dhayi_Balaa_Karaa_Masalaa !!!

Akkumma Beekamu 1950n Keessa sochiin diddaa gabrummaa bal’oon yeroo adda addaa Carcar keessatti gaggeefamte turte. Sochiin tun osuma deemtuu 1960nitti Oromoo kutaa adda addaa bira bifa adda addaatiin dhaqabee sabni Oromoo sochii lafa jala wal ijaaruu keessa gale. Dhuma 1960ni fi jalqaba 1970nitti Dhaaba Siyaasaa oromoon mataa jalatti qabachuun mirga ofiitiif ittiin qabsaa’aan ABO uume. Dhuma Bara 1973 G.C. Qabsoon hidhannoo bilisummaa oromoo bifa hammayyaan yeroo jalqabaatiif achumma Ona Ituu bakka sochiin falma bilisummaa Oromoota Ituutiin 1950n keessa itti jalqabamtetti deebitee, XIRROOti bifa hammayyaatiin abuuramte. Hawaasni Oromoo Carcar sochii #Girrigirrii_Mahammad_Jiloo jechuun, seenaa Oromoo keessatti beekamtuu fi sana boodas sochii Dhahi Balaa karaa masalaa ittiin jadhamterraa kaasee hamma danda’ee lafa jala caasaa qabsoo fi qabsaa’ootaatiin wal ijaaraa turan. 

Icciitiin Qabsaa’oota gameeyyii Oromoo akka Jaarraa Abbaa Gadaa, Elemoo Qilxuu, Hundee Dhaabaa, G/r Taaddassaa Birruufaatiin Onni Ituu #Xirroon Iddoo qabsoon hidhannoo bifa hammayyaatiin akka itti jalqabamtu filamteefis kanumaaf ture. Kun Assoosama osoo hin tahin seenaa qabatamaa yeroo dhihoo fi umrii abbootii keenyatti ture, kan Oromoon kamuu mataa ol qabatee ittiin boonu dha.

Kun akkumma jirutti tahee, Ammaaf waan hawaasa Hararghee hunda biratti baratamee akka salphaati afaan isaaniitii hin buune #Dhahi_Balaa_karaa_Masalaa yaada ja’urraa dubbachuun barbaada. Oromoon Aanaa dhuugootiin ala jiru Taphaafis tahe qoosaaf, rakkoo ulfaataan hogu irra gahees tahe, akka irra hin geenye hawwuuf “DHAHI BALAA KARAA MASALAA” yoo ja’an dhagayuun eenyuumaafuu haarawa kan tahu nati hin fakkaatu. Dhimmi kun yoo afaaniin ja’amu salphaa haa tahu malee, waan laayyooti jadhamuu danda’ee miti. Dhiiri meeqa itti warreegameeti malee. 

Dubbiichi akkana, mootummaa Abbaa Irree fi Abbaa Lafaa kan ture “mangistiin” Atsee Haayilasilaasee Mookooniin Haayilamikaa’eel Guddinaa, Xaaliyaaniin biyyaa ari’amee waggaa 5niif “#Tiyyaan_na_baasii biyya ingiliizitti koola galee jiraachaa turuun isaa ni beekama. Biyyi Xaaliyaani fi Jarman Lola Addunyaa 2ffaa keessatti akka malee waan moo’atamaniif biyyoota koolooniin qabatanii turan bulchuu mitii, biyya isaanii keessattuu mootummaan isaanii dandammachuu hin dandeenye. Sababa kanaatiin Warraani Ingiliiz kan biyya ollaa teenyaa Keeniyaa fi Suudaan kooleeneefatanii bulchaa turan kallattii lamaan gara Itoophiyaa duuluun, waraana Xaaliyaan kan warreeree Itoophiyaa keessa gara goru wallaale jiru, Biriitiiyeen akka Itoophiyaa bahu goote. San booda Atsee Haayilasilaasee Ingiliizii fidanii angoorratti deebisan. Atseen akkumma angoorratti deebi’een tarkaanfiin isaa tan jalqabaa Oromoota “Erga Gabrummaan gabrummaa taate, gabrummaa warri wallaalaan sigabroomsurra gabrummaa warra baratee wayya” jechuun xaaliyaanoota jalatti leenjii waraanaa adda addaa fudhatan faa adamsuu, Raadiyoo Afaan Oromoo Xaaliyaan Finfineeti jalqabde cuffuu, kitaaboota sagantaa barnoota naannoo Oromoon heddumaatuuf jadhame qophaa’ee barbadeessuu, kaneen gaafii sirni bulchinsaa fooyya’aan haa nuuf hundaa’u jadhani gaafii kaasan kaneen akka Balaay Zallaqaa faa fannissuu fi tarkaanfiilee kkf fakkaatan fudhachuun xaxame. 

Kanatti aansee Maatii fi namoota bara Xaaliyaan sana keessa akka sirni Haayilasilaasee deebi’u amanamoo tahani turaniif, sadarkaa guddina aangoo adda addaa kennuufii jalqabe. Rammadiin kutaa oromiyaa adda addaa irratti shuumanyaa godhaman. Irra caalaan isaanii warra naannoo Amhaararra gara jiddu gala biyyattiti dhufan turan. Keessaaffuu Ona Ituu Carcaritti kan muudame akka waan dachaan badhaafamanitti oflakkaa’uu turan ja’ama. Dur Carcar guutuuti lafa maggariisa taatus garuu, leellistummaan Shanan Dhuugoo moo hanga ammaa adda. Akkaataa kanaan, Hortee warra sanii keessaa nafxanyooni filamanii, lafti Shanan Dhuugoo Abbootii lafaa hedduuf adda qoqoodamte. Ganda Dajjaazmaach Laggasaa (Abbaa Addissuu Laggassaa) kan toora Laga Gaaleeytiitii kaasee, Dhuugoon, Gooliyyaan, Gooroo Re’eetiin, Waltaasisiin, Haranfamaan, Ajjaawaan, Coomaan dabalatee, lafti toora kanaa, tan maggariisaa fi jiidha qabdu hundi Nafxanyoota abbootii lafa jidduuti bifa haarawaan raabsamte. Yoo kana Ilmaan Oromoo Ituu araddaa ofiirraa Soomananii “Chiisanyummaa” mudatan. Lafa Shanan Dhuugoo Gaaleeytii kaasee hanga Malkaa ballooti jirtu,  tan dur SHANAN DHUUGOO jechuun beekamtu maqaa irraa jijiiruun WARADAA MASALAA jadhaniin. 

Duuba, Lafa gar tokkoon Ona Algaa, Gar tokkoon Ona Galaan turtee fi akkasumas Ilmaan Oromoo Ituu Gaaddullaa tahan hedduumiinaan irra jiran tana, hortee Abbootii lafaa muraasa harkatti galfatanii, akka booyraa jaldooti kudhuub ja’anii irra tattaa’uun, osoo hin laffa’iin Cooma jajji’aachaa, callaa saffarachaa, Deeymaaf Dhadhaa irraa nyaachuu turan.  Akkaataa kanarraa kan ka’ee maggariisummaa fi badhaadhummaa Carcar tan “Ilmaan Oromoo unatan, tan ilmaan Nafxnyaa dibatan” tahuuf dirqamte. 

Osoo kun akkanaan jiruu,jalqaba Bara 1950nootaa keessa wanni wayii Gaaleeytiin gamatti dhalatte. Ilmaan Oromoo Ituu roorroon guyyumarraa itti jabaachaa dhufte kun, mataa gad cabsanii #Balaa_Itti_dhufte tana Aamiin ja’anii fudhachuuf obsa dhaban. Kanaaf “Balaa nutti dhufte tanaaf fala kennuu qabna” jechuun sochii #Dhahi_Balaa jettu jalqaban. Akkumma “Ituu Garaa Hin Beekan” ja’amu sanitti osoo namuu irratti hin beekin hayyuulee gosaa keessaan lafa jala walittis lallaban. Malkaa Bal’oo, Shanan Dhuugoo (#Masalaa) fi hanga Gabiibatti irra jijireeyiin namaa walitti dhufuun maayibaasiilee baadiyaa toora Magaalaa Masalaa guutuuti marsan. Abbootii lafaa kaambii jireenya magaalaa Masalaa godhachuun,Bintoow rarraafatanii,  Gaangee Koranii kallattii hundaan boobba’uun callaa fi gibirra sassaabbachuuf turan bahaaf gala dhoorkan. 

Callaa Saffarattoota (#Balaa) baadiyaa noonnoo tanaa keessa, Malkaa Bal’oo kaasee Coomaan hanga Gabiibaa ti maadheefachuu jalqaban hedduu (#Balaa) qawwee irraa hiikatanii guuysuun masalaatti dachaasan. Duulli Balaa (Abbootii lafaa fi hortee abbootii lafaa) balleessuu kana Masalaan gahanii qofa hin dhaabne,  osuma dhahan osuma dhahan gaaleeytiin qaarsanii ganda Fiitaawuraarii Takla Hawaariyaati, Bishaan Boostaa (Hirna) ti galchan. “Abadan Amhaari Nu Hin Bulchu” jechuun caasaa Mootummaa Shanan Dhuugoo seenuu dhoorkan. Mootummaan jiddugaleessa Abbaa Irree Abbootii Lafaa 6 kiiloo ture dhimma kana dhagayyuus, murannoo fi kutannoo oromooni shanan Dhuugoo akka laaftuu hin tahin hubate, akka waan gaafii ummataa fudhatee deebii kennuufii fakkeessuuf, nama Oromoo Hararghee fi Saahiba amanamaa Haayilasilaasee tahe #Fiitaawraarii_Hussoo_Alii_Sharoo Ona Nooleerraa fidee irratti muude. Sochiin akkanaa tun obboleeyyan keenya kan Afran Qalloo, #Ona_Alaa keessattis hamma tahe kan jalqabamte turte yoo tahu, Abbaa Jaarraa Abbaa Gadaa #Fiitawraarii_Abraahim_Haamid muuduun araarfachuuf yaaliin godhamte ture. 

Ofiifuu biyya reefuu xaaliyaan jalaa baatee, kaznaa qullaa Haayilasilaaseen itti deebi’e, sababa lola addunyaa 2ffaa kufaatii diinagdee hamtuu keessatti argamtu fi Faalama qilleemsarraa kan ka’ee hoongeen kutaa biyyatti adda addaa waxalaa jirturraan, Oromoo Ituu sadarkaa kanatti sochii jalqabanitti kanaa ol boortaan deemuun, miidhaa salphaa hin taane akka qaqqabsiisu Tafarii Mokooniin waan hubateef, namoota sochii san keessatti bahanii mumul’atan lafti akka deebituuf tahee manguddumaan araarfachuun, tooftaan yeroof sochii san qabaneessuun danda’amtuus, sochii falma mirga oromoo bifa kanaan Carcaritti jalqabamte guutuumaan guutuuti qancarsee ajjeessuun osoo hin danda’amiin haftee arra gahuu dandeesse. 

Sochii Balaa Olii dhufte tana (Kaabaa) dhahuu keessatti, Gandaan jiroonni fi adda duroonni sochii diddaa gabrummaa Oromoota Shanan Dhuugootiin aliif Baa ja’amte san qindeessaa, gamtaan dursaa turan keessaa muraasni #Garaad_Ahmad_Daadhii (Damiina Gaadullaa jechuun dhagaye), #Baaburee_Adam_Jiloo_Cancaloo (nama ammas lubbuun jiru), #Abdulaxiif_Husseen_Kilichuu(dulluma keessa wayyaaneen rasaasa 27 ajjeefte)
#Haji_Umar_Alii Fi #Ahmad_Alii_Ahmad (Gootota Ituu warra Malkaa Bal'oo) turan. 

Sochii maqaa qabsoo “Balaa Oromooti Dhufte Dhahuu” jattun Masalaa ti finiintee turte sun, bulchinsa Sirna Minilikiin Booda injifannoo jalqabaa maqaa Oromootiin mootummarratti galmooyte taate hafte. 
 Sochii Oromoon hadheefattee jalqabde waan turteef, mootummaan humnaan osoo hin tahin manguddummaan ofirraa kadhachuudhaan akka qabanooftu taasise. Kun tahuu kan hubatan Oromooni Masalaan ala bakka biraa jiraatan Oduu gammachiiftuu kanaan gammachuu itti dhagayame ibsachuuf:-
 #Dhahi_Balaa_Karaa_Masalaa
#Achi_Geenyaan_Eentu_Gala
jechuu jalqaban. 

Kana jechuun dubbii dachaati. 
Tokkooffaa:- sochummaan tunuu mata duree #Balaa_Dhahuu jattu qabdi ture. Tana laf jala namuu gurraa qabu waan tahaniif ja’an ja’ama. 
Lammaffaa:- Wanti sookkoon jadhamu barbaadame Masalaan Bakka Gootootni Oromoo jirani, “yeroo sanirraa kaasee gootota Balaan feete yoo dheeyxe isaan hin dandeenyeetu jira waan tahef, rakkoon bulchinsaan irra gahuuf warra harka hin kenninee Masalaa waan jiraniif, Roorriftoota achitti qorichi qootamuufii dandayya”, dinqisiifannaa jettu ofkeessaa qabdi. Haa tahu malee yoo nama gari garii, ummata seenaa kana qabutti qishnaa godhuuf kan jadhamu sahuun, warra Masalaa hoguma arge mara “dhahi balaa karaa masalaa” jechuun itti qishnuu barbaada. Gari garii immoo “Dhahi Balaa Karaa Masalaa” jachuusaa malee, waanuma dubbiin tun ja’amteefuu kan irraa quba hin qabneetu jira.  Waa Hundaafuu, afoolli “DHAHI BALAA KARAA MASALAA” jadhu hanga ammaa jecha Sabni Oromoo martuu, Oromoota Carcar kan toora Malkaa Bal’oo fi Masalaa jiraniif dinqisiifannaa qaban Afoola ittiin ibsan tahuun seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti hafee hanga arraa hojiirra oolaa jira!!.

HORAA BULAA!!. 

#ItuuOromooPost madda Beekumsaa fi Oddeefannoo ti. 
@Oromographya
@Odaatiktok

#ATILET ABABA BIQILAA

#I_Love_You jatteen  #Abbaba_Biqilaa tiin.

Yeroo tokko Atileetii biyya Oromoo kan ta'e, Atileet Abbabaa Biqilaa biyya Xaaliyaan Roome deemee dorgommii fiigichaarratti hirmaatee ture. 

Dorgommiin eegalamee Abbabaan marsaawwan hedduuf humna jabaan fuuldura fiigaa jira. Atileetoota muraasa ofitti aansee baayyee dursee deemaa jiraachuu daawwatootnis, midiyaanis ni hubatan. Atileetootni biyya Awwuroophaa dhawwaatuma dhawwaataan Abbabaatti siqaa dhufuudhaan morkannaa cimaa gochaa jiru. 

Hogu kun tahu, dubartiin biyya faranjii takka kan dhaabbattee fiigicha san daawwachaa jirtu Abbabaa dogoggoorsiisuuf jettee, isa duuba fiiguudhaan,  "#Abebe_I_Love_You...Abebe I Love You" jechuunii jalqabde.

Kaayyoon ishii akka Abbabaan garagalee ishee ilaaluu fi yeroosaa gubuun morkattoota biyya faranjiitiin akka moo'amu godhudhaaf ture.

Abbabaan garuu afaan Ingiliffaa waan hin dhageenyeef, kan ishiin "I Love You " jetteen gara afaan amaariffaatti hoguu hiikkattu "ላብ" waan jetteen itti fakkaate. '#ላብ' jechuun immoo afaan Amaariffaatiin dafqa jechuu waan ta'eef,  'Abbabaa dafqaa jirta' waan jechaanii jirtu itti fakkaatee dafqa isaa ofirraa haxaawwachaa fiigichasaa itti fufe. 

Wal dorgommii sanas haala ajaa'ibaan injifate.

Tarii utuu garagalee ishii mil'achuuf yaalee jira ta'ee dorgommicha hin moo'atu ture; ni mo'ama ture iyyuu jadhan oddeefannoon argaa dhageetii gaafasirraa argamte! 

#Dhaamsa

Yeroo tokko tokko namootni abshaalotni wanta gaarummaa nuuf gochaa jiran of fakkeessanii akka nuti kufnuuf ykn akka nuti sodaan dhaanamnee adeemsa keenya addaan kunnuuf jechootaan nu sardu. Facceewwan galaana keessaa waccu hunda dhaabbattee kan dhaggeeffattu yoo ta'e utuu bishaan waraabbattee hin galiin aduun sitti dhi'a. Kunis karaa buluurra gadi miti...akka jedhamu..

Namni tokko maal akka inni haasawuuf jedhu carraan tilmaamuu keenyaa ulfaataa waan ta'eef dursinee natti hin haasawiin jechuunis hin dandeenyu. Garuu haasaa nama sanaarratti yeroo kenninee xiinxaluu ykn immoo akka waan hin dhageenyeetti akka Sammuu keenya keessa hin naannofne gochuudha.

Karoora jireenya keetii hogu baafattu namoonni ati wajjiin mari'attu namoota amantu qofa yoo ta'e filatamaadha. Hir'ina kee fi dadhabina kee isa si qofaaf icciitii ta'e , namoota jalaa yoo dhokfatte namootni waan ittiin daandii kee irraa si meeysan hin qaban! 

@Oromographya
@Odaatiktok

mootittii saba'a Queen of sheba

"Mootittii Saba'a""Queen sheba" ----------------------------------------------------------------- ★Miky Sultan Bar...