Translate

Thursday, June 15, 2023

#Warra Baabboo

Warra Baabboo
***************★*******************
★Miky Sultan Wallo★
Warri baabboo angafticha ilmaan ituu marawwaa wallichaati.warra baabboo jechuun #Baabboo = Kan Abbaa Fakkaatu, ykn kan hiiriira duraarra jiru jechuudha.
lafti warra baabboo hayyuulee amantiif gootuwwaan qabsoo heedduu lafa walloo irratti horteedha.
Oromoota walloo keessatti yeroo dheeraf gaaffi eenyumaa gaafachaa turan keessaa tokko oroomoota warra baabbooti. Warri Baabboo biyya gooticha Godaanaa baabboo kan huundeessaa sirna maammadootaa kan ta'eetifi biyya gootaaf bareeddanii, Biyya Aalimootaati.

Garuu gaaffiin isaanii sun  deebii dhabee hanga ammaatti oromoonni baabboo cunqursaa jala jiru. Yeroo heedduu goodina addaa walloo Aanaa baatee galla jechuun gaafachaa turan mootummaan naannoo amaaraa gaaffii isaanii dhoksuun gaaffii ummata bal'aa deebii dhabsiisanii jiru.
Oromoota walloo warra Baabboo magaalaa Bistiimaa  jalatti argaman,  gaaffi yeroo dheeraf nuti oromoota afaan oromoo dubbanna, mirgi keenya nuuf eegamuu qaba, Afaan keenyaan barachuu qabna,oromoota walloo keessa jiranitti makamne oromoodhan waammamuu qabna  jedhanii yeroo dheeraaf mirga isaanii gaafachaa bahan keessaa. Gandoota gammooojjii warra baabboo .
Fkn.Ganda 08 kooraa fi yaayyaa
Ganda 010 .Gola Aananii
Ganda 011.  Ganda mukaa, ciqilee, Qilxuu, hulaagaa,Harrooyyee, Burqiisaa, Diinqaa,Nagoo fi k.k.f...
Gand 012.magaalaa Bokoksaa jala jiran.
Ganda 014. Hagomdii, karoora gordaa, lamacha fi Gadiidaa k.k.f..
Ganda 015 magaala  Ara baatee
Ganda 016  Adaree fk.kf... gandootaaf magaaloota kana keessatti ummanni jiru ummatoota afaan oromoo dubbatu garuu wanti baayyee nama gaddisiisu  afaan isaanitin hin baratani Afaan Amaaraatin baratu jaarra kana keessattis  cunqursaa guddaa keessa jiru. Goodina addaa walloo oromoo keesssa hin jirani Amaara jala bulu. Yeroo heedduu gaaffi eenyuma yoo gaafatan illee  deebii hin argatu.   Nuti oromootni walloo mirga guutuu argachaa hin jirru. Mirgi keenya akka malee dhiibamaa jira. Gaaffiin oromoota walloo warra baabboo deebihuufi qaba. Gaaffii kana oromoota huundatu gargaaruu qaba.
Sagaleen oromoota walloo dhagayamuu qaba.
Gaaffiin keenya mootummaa naannoo Amaaratin yeroo heeddu dhiheessinee jirra.
Lakkaawama manaatis oromoota wallooti waliin oromoodhan lakkaawamuu qabna gaaffii jedhu gaafachaa jiru.
Jaal Abdulkariim Baabboo
************★********************
Qabsaayaan Abdul kariim baabboo dhalataa walloo warra baabboo ganda Agoomdii(Hagomdii) yoo ta'u gameessa goota ija barbadaa walloon qabdu keessaa isa tokko ture.
Jaal Abdul kariim baabboo oromoof oromiyaa jecha  nama qabsoo guddoo godhee wareegee dirree waraanaatti wareegamee,lubbuu qaalii isaa oromummaaf jecha hireedha. Warri baabboo goota akka abdul kadii baabboofaa qabdi.rabbiin caffee jannataa nuuf hakaayu. Abdul kariim baabboo intala akka isaa leenca takkaa qabsoo irraa haftee hin beekne qaba sabboontuu oromtattii onneen sibiilaa intala abbaatti baateedha. Walaloon ishii illee onnee gootummaa namatti hora jiraadhu jennaan.

<< Sheh Odaa( Abdulwahab Abdal jalil 1943)>
Barreessan miky sultan.
×××××××××>>>>>>>>>
Sheh odaa :- warra baabboo keessatti kan argamtu ganda odaa jedhamtu keessatti jiraachaa turani. Oollaa sheh caaliti. Odaan oolla ganda caaliiti. ShehOdaan naamuusummaa.barsiisummaan Aalima beekamoodha. Hiriyyaa sheh caali( sheh seyid ibrahim 1972-1947) hiriyyaa dhihoo turani.
walitti dhiheenyi isaani aja,iba ture. Waa heeduun Siruma walin taanenifi Amala baayyee walin taane waliin fidanii waliin jiraachaa turani. Sheh caaliin tapha baayyee jaalatu ture. Taphas dandayu.
Sheh odaan immoo fuulli isaani hin hiikatu ture. Sheh caalin bayyee dubbatu.  Sheh odaan baayyee dubbachuu hin jaalatan turani.
sheh caalin Aaya qura,ani kennaan rabbii dubbate kan jedhun bitatu.
Sheh odaan Aayaa daldalli isaanii bu,aa tokko hin fidu kan jedhun dubbatu ture.
Sheh caaliin hinaaffaa uumamaa qaban turan jedhama,jechuun waa tokko yoo argan baayyee itti hinaafu karaa ilmii irratti jechuudha.
Sheh odaan miira hinaafummaa hin qaban nama hinaafus hinn jalatan turan. Aalimummaan lammeen isaanii Adda ture baayyee Aalima turani.  jiruuf jireenyi isaani jaalala sheh daana yk (Daniyuu saaniitin) kan addasame ture.baayyee wal jaalatu. Barattoota sheh daana turani.
Amala sheh odaa keessa- dandeetti dhagahu, dandeetti dhageefachuu qaban turan.
Sheh juwar darasaa jedhamu tokko qaban turani.Akki darasaan isaani kun dubbatutti 20 taanee walitti qabamne iddoo tokkotti sheeka keenya biratti qura,an qara,uf
Isaani dhakaa ol guddaa tokko irra taa,ani
San booda nuti isaan marsinee
20 meenu keenya iddoo tokkotti yeroo tokkotti Aayaa addaa addaa qaraana ture.
isaanis cal jedhanii dhaggeefatu.
San booda Aayaa itti Aanu nu barsiisanii nu eebbisanii nu gageessu.
Seerichi akkas ture.
yeroo tokko shakkii seene jedhe darasaan isaani juhar,amma 20 meen keenya yeroo tokkotti Aayaa addaa addaa qaraana akkamitti nu dhagayuu dandayan jedhee  yaade, akkamitti dhagayan jedhee shakke.
Akkanummatti nutti taphachuuf malee akkamitti Aayaa addaa yeroo tokkoti nama 20 qaraanee dhagayan jedhee, iaaluf fattanuuf isaan yaade.
Darasoonni 20  waliin ta,ee itti dhiyaadhe qara,uuf  qarqara taa,e, isaanuma fattanuuf 20 meen keenya Aayaa addaa addaa qara,uu jalqabne.beekaaf quraa,ana  caccabsu ka,e ,yeroo san ture namoota digdamoota keessa isa koo dhagayanii "juhar dhiisi deebi,i" akkana miti naan jedhani.yeroo san ture akka isaan dandeetti dhaggeefachuuf dhageetti cimaa qaban arge jedha.
Sheh odaan Aalimoota hedduu horatanii Aalimoota hedduu barsiisa turanii bara 1943 ti du,aan booqatani.
Eega du,a sheh odaan booda sheh caalii bara afuriif lafa kanaratti jireenyi isaan jibbisiise gaddanii( azananii) baayyee itti gaabanii hiriyyaan isaani biraa du,uun.
Jireenya isanitti gaddanii wanjalitti natti baayyateeraf malee akkamitti lafa kana irratti isaan jalaa na hambisa jechuun gaddaa turani. Yeroo xiqqoo itti dhagayame argitanii nama hiriyyan qabne nama hiriyyaan jalaa du,e jechuun gadda isaani ibsachaa turani.
Hiriyyaan akka jabaa ta,e himaa turani.rabbiin guddaan caffee jannataa isaan hakaahu sheekoolee keenyan.
Wabii kitaaba.
-Haji taauddin,ialaul agbiya,i( bara 1977 kan barreefame)
-Haj muhammad walee,iqaazul himam ( ara 1996 kan barraa,e )
-
#Sheh Gooroo _Ijersaa_ Warra Baabboo~
/ Miky sultan Wallo/
**************-**********************
Aalima Beekamoo Tafsiira(Hiikaa)  Qura'aanaa
Sheek Ibraahim Haakim!
Rabbiin caffee jannataa haa kaayu.

Giddugala Barnootaa Goro-Ejersa.

                Sheek Ibraahim Haakim!

       Aalima   Barsiisaa Waggaa 65+

  Kan dhalatan walloo , Aanaa Warra baabboo, Ganda Gooroo Ijersaatti.

Giddu-galli kun Sheek Gooroo ijersaaa jedhamuun beekama.
Wiirtuu guddaa tafsiira( Hiikkaa/"xiinxala Qur'aanaa" kan hayyoota gurguddoo 500 ol horatedha.

Giddugalichi maatii hayyoota gurguddoon guutameen hundeeffame.  Sheek Huseen ganda dhaloota isaa irgooyyee  jedhamutti Sheek Huseen Mahmuud Laga hidhaa irraa Qur'aana barate.

Waggaa 10+ mana barumsaa kitaaba  Hanafii baratan.

Irgooyyeetti "barnoota Arabaa" jalatti waggaa 5+ baratan.

Hiikkaa Qur'aanaa gara waggaa 7 waggaa 2 Sheek Daawud Ibraahim Warra hibanoo  jalatti, waggaa 5 ammoo Sheek Kaliiil Ahmed Corree jalatti baratan.

Sana booda waltajjii barsiisaa isaanii irratti sheh irgooyyee irratti fiqh barsiisaa turan!

Waggaa 11+ tafsiira fi Fiqh Qur'aana barsiisaa ture.

Dhumarratti hiikkaa Qur'aanaa Gooro ijersa keessatti waggoota 44+f kennanni jiru.

Walumaagalatti Sheekni waggoota 65+ oliif Tafsiira Qur'aanaa barsiisa turani.  Amma garuu beekumsi sun hundi du'a sheekaatiin ka'eera! Rabbiin caffee jannataa isaan hakaayu.

Hayyoota 500 hanga 800 kan oomishanii fi firiin isaanii guutuu biyyattii keessatti faca’ee kan argamu Sheek Gooroo ijersaa Gondar, Gojjam, Shawaa, Tigray, Wallaggaa, fi Affaar keessatti barsiisaa jiru.

Barattoota isaanii keessaa:
        Sheek Ibraahim Warra himanoo (Wallagaa irratti)
        Sheek Huseen xafa  ( hiddii irratti )
        Hayyuuf sheeka sheekotaa  Sheeh Qunnuu, .
         Sheek Muhammad Yaasiin,
         Sheek Ahmed Musxafaa Haxayye, hayyuu fiqh.
         Sheek Muhaammad Maanayyoo,
         Sheek Muhaammad Meegit,

Hariimaan kun hariimaa giddu gala azharal islaamaati.

"Sheh caalii warra baabboo"
Barreessan (miky sultan)
***************--*********************
Sheh seyid ibrahim caalii bara 1870 moota jalqaba abbaa isaani Sheh ibrahim yasin fi harmee isaanii addee zebuuraa muhammad yimam irraa warra baabbootti ganda Caalii jedhamtu keessatti  dhalatani.

Sheh seyid ibrahim (caalii)  baayyee kabajamoo fi jaalatamoo turani.
Sheeka Aalima walaloof menzumaaf neshidaa kan barreessuun beekaman turani. Menzumaa Qibliyyaa jedhamu kan isaan barreesani.

guddinni isaani mana mooticha walloo Ras walee fi ittege mannan faa yeroo ta'u. Bulchitoota yeroo san turan waliin baayyee qabsaaya turani.

Yeroo cunqursaa muslimoota san Aalimoota heedduu waliin qabsoo heedduu godhaa turani.
Kanuma waliin wal qabatee kitaaboota heedduu keessatti maqaan isaanii kan hindhawamne  ( balay zelleqe) waliin tahun xaaliyan kan lolaa ture .<< sheh caalii warra baabboo turani.

Lola xaaliyani waliin godhame keessatti gochi isaani ol ka'e kan kaafamuu qaban Aalimoota keessa
Haldureen sheeka caalii turani. Shek caaliin yeroo jalqabaatif yeroo san gootummaan kan beekaman xaaliyanif mataa gad kan jedhanii hin beekneefi farda isaanii irraa bu'ani kan hin  beekne tahuu isaanitini.

Werartoonni xaaliyaan << namni kun enyu kan harkas nageenyas osoo naman gaafatin tuffiidhan akkatti nu laalaa darbu  jedhanii gaafatani>> yeroo saniti namichi nura hussen jedhaniin ertiriya xaaliyaanii  waliin dhufe tokko akkas jedheen... Kun shek caalii jedhama harka sinitti kennuu dhiisii mootummaahu sinirraa fuudhuuf  kajeelaa jira jedheen.

Sheh caaliin harka kennuu dhabuun xaaliyan kun weerartoota xaaliyan waan sodaachiseef yeroo heedduu akka ajjeefamu  irratti labsanii turani.
garuu jaalalli ummati sheh caalidhaf qaban ajjeesamun isaani kaffaltii heedduu xaaliyan irra geessesa saniif sodaatani.

Xaaliyanoonni sheh caalii qabanii fannisuu baayyee irratti dalagaa turaniiru.garuu walii galtee xaaliyani fi isaan jidduu  sheh oraa lan jedhaman qabsoo heedduu godhanii xaaliyanoota waliin guyyaan  walii qabanii Waada godhame saniin  walloo naannoo warra baabbootti walgayani xaaliyanoonni baanda warroota tigroota sheh husseen jedhamee waamamu waliin dhufani walgayani.

Yeroo mana seenan baandichi seyfii  baate fuldura dhaabateera. Yeroo isa argan aarani jagnummaadhan seyfi isaa harkarraa saamanii seyfin akkanatti hin qabatamu jedhanii fuudhani bahani.
Sheh caaliin sheeka jaalatamoofi goota turani. Darasoota ykn barattoota 500 ol qaban turan jedhama.

Sheh caalii hanga ammaatti ummati walloo jaalala guddaa isaani qabu. Goota jaboo turani.
Keessayyu warra baabbootti fi baateettii yeejjuutti... oromoonni jiran heeduu isaan jalatu.

Akka itiyophiyaattis Aalima beekamoo turani.
walaloon isaanii baayyee jaalatamaa ture.

Sheek _idiris _muhammad _baatee( Adii)
**********-*************************
Sheek Idiris muhammad hussen kan dhalatan asuma oollaa baatee kan taate warra baabbootti.

" Aalima Sheekoolee 70 ol kan eebisiisan"

Sheekni sheekotaa idiris muhammad Aalima yeroo ammaa tanatti jiran keessaa isaan tokkoodha.  Ifaa ilmii barbaachaaf ijoollummaa kan manaa bahanii isaanii milkaaye keessa isaan tokkoodha.

Sheeka beekamoo  magaalaa baatee hariimaa azharatul islaam jedhamtu imaama masgiida Adiiti.

Shek idiris Adii kan baratan Aalimoota gurguddoo warra baabboo hariimaa ganda qalqashaa irrattiifi achuma warra baabboo facaatti ammas naannuma baatee kanattis ilmii baratanii jiru.

Ijoollummaa kiyya irraa kaasee hanga ammaa ilmii barachuuf barsiisuu irraa  bulee hin beeku jedhan. Abbaan isaanii osoo lubbuun jiruu imaanaa isaanitti kenne waan ta'eef takkaa ilmii barbaachaaf barsiisuu irraa bulee hin beeku jedhan.

Sheekni keenya jaalatamoon darasaan isaan barsiisan keessaa hanga ammaa sheekoolee 70 ol eebbisiisanii jiru.

Mashallah kennaan kanaa ol maaltu jira.

Rabbiin Aalimoota keenya irraa nama baratu nu hagodhu.
/ Miky sultan Wallo/


Sunday, May 14, 2023

#Qaalluu

#Gosa #Oromoo #Qaalluu
*************★**********************
★Miky Sultan Wallo★
Oromoon damee  gurguddoo Booranaa fi Bareentoo jedhamu qaba.

Oromoon  gosa  isaa  lakkaawwatee Hundee Oromummaa isaa  Booranaa fi Bareentootti of galcha. Akkuma san Qaalluunis gosa isaa waamatee oromootti galfata.

Qaalluun sirna gadaa keessatti idddoo qaba,booranatti qaalluun warra muudaati.
Hortee Bareentuma keessatti Qaalluun  sadarkaa gosaatti of yaama, ilmaan baarentummaa walloo keessaa, Torban walloo  keessaa Qaalluun  gosa ilmaan walloo keessaa  Isa tokkoodha.

Ammas ilmaanuma baarentummaa keessaa gosti qaalluu sadarkaa qaalluutti kan yaamamu ituu Murawwaa fi kaarrayyuu keessatti. Qaalluun damee laman oromoo booranaaf baareentuu  keessatti kabaja guddoo qabu. 
Akka gosaatti garuu qaalluu ilmaan baareentummaa keessatti lakkaawamti, fkn,  Ituu Kudhan keessaa takka tan taate gosa guddoo "Qaalluu" jedhamuun beekamti. Ilmaan walloo 7 keessatti torban walloo keessaa Qaalluun gosa tokkoodha. Qaalluun  gosa oromoo islaamaa kaabaaf kibba dhiha walloof harargee keessatti argamuudha. 

Gosti Qaallluu hayyoolee sheekoota gurguddoo gootota gurguddoo oromoof horteedha, Qaalluun kabaja ulfina warra kitaabaati hayyuudha, abbaa eebbaati.

Gosaan Qaalluu taatee  Balbala 7 walloof  Saddeettan Beerree fi Torban Hidhabuu keessa tokko taata,  saniif ati Qaalluu wallootiif Qaalluu  Ituu Murawwaati. Qaalluun gosa arabaati jechuun diinummaadha. Oromoon gosa arabaa hin qabu. Ilmaan kuushiti kush ilma Kaam(Ham) Ham ilma Nuuhiti.

Saddeettan beerrre Qaalluu
1.Goodaa
2.baatii/samarii
3.warre ykn jimjim
4.Tokkaay
5.Abburre
6.madar
7.Agaamsa
8. assalamannaa

Torban Hidhabuu(7)
1.Bonayya
2.Saaluu
3.Anduu
4.Leemmoo
5.Caffee
6.Tuullee
7. Jaamii

Afran 4N
Asheetee
Noolaa
Kayyuu
Areeroo jedhamuun yaamamu.

Gosti Qaalluu Walloo keessatti gosa qofa osoon taane  Lafa isaa illee maqaa gosa isaatti  "Qaalluu" jechuun moggaafatee gosa jiraachaa jiruudha. Qaalluun walloo Aanaa Qaalluu jedhamuu magaalaa guddittii Qaalluu duraa kan taate magaalaa Baatee hanga lafa dawwee,hanga caffaattti  gosa diriiree jiraatuudha.

 Aanaan warra qaalluu Harbuu jedhamtee waamamti, magaalaan guddoo ishee kombolcha. Qaalluun biyya sheekotaati, biyya Aalimootaati.

 Gosti Qaalluu naannoo baatee jiran  Samaa, fi Gaadullaa jedhee of yaama. Balbalti kun lafa warra waayyuu hanga garfaa hanga dawweetti qabatee jiraatuudha. Qaalluun gosa  ummata isaa barumsa barsiisaa(Qaraasisaa)eebbisaa muudaa jiraateedha.

Gosti balballi ilmaan Qaalluu Ituu walitti 15. Isaan keessaa Birmaduun kudha lama. Birmaduun Irree Heenaa (Madhiichii) immoo sadii.  Qaalluun Beerree Hidhabuu kan ja'aaman 15. 
Qaalluu Beerree fi hidhabuu ilmaan murawwaa ituuti.

Horaa bulaa~


#Aniyyaa ilma #hunbannaa #Walloofi #raayyaa

#Gosa_ #Anniyyaa_ Ilma _ #Hunbanaaa~ #አኒይ #Warra #Aannaa
 #Oromoota Warra #Abbaayyee #Raayyaa
****************★********************
★miky sultan Wallo★
Anniyyaa ilma hunbannaa gosa oromoo damee bareentumaati.
Harargee bahaa gara kibbaatti  Walloo hanga  raayyaatti gosa of cimsee diriiree jiraatuudha.

 Gosti Aniyyaa raayyaatti  biyya baddana lakkuu jedhamu jalqaba qabate, Achi irraa ka'uun ilmaan isaa huunda lafa hire. ilmaan Aniyyaa raayyaa jalqabaa Warra Abbayyee jedhamu, Abbaan Warra Abbaayyee, Waarso jedhama, Afran waarsoo jedhamani, Abbichu Waarsoo,kole Waarsoo, Dheekko Waarsoo, Abbaayyee Waarsoo jedhamanii waamamu.

 Walloof Raayyatti  lafa wal hiranii irratti jiraachaa jiru.  Ilmi Dheekkoo Waarsoo  Dayyu Jedhama. Ilmaan Waarsoo Anniyyaa Walloo raayyaa hanga harargee bahaafii kibbaatti babalatee jiraachaa jiruudha.Gosti Aniyyaa Ilma Humbannaa guyyaa Awash irraa godaanee kara walloof raayyaa dhufu Abbaa Kudha Lama taheeti dhufe jedhan maanguddoon raayyaa yeroo seenaa hasayan.

Abba kudha lama kun lafa wal hiraa hanga daangaa tigraay laga eebootti qabatanii jiraachaa jiru. Magaalaan biyya bareeddootaa jedhamte yaamamtu magaalan walloo baatee magaalaa guddoo ilmaan qaalluu taatee beekamtuus garuu akka isiin ilma Dheekoo Waarsootin magaalaa warra dayyuu taatetti waamamti. አረ ባቲ ባቲ፣ ባቲ ገንደ ደዩ( Dayyuu) ሀድራው የምሞቀው ደረርቦ ስተኙ jechaati taphatu. Dayyu ilma dheekoo waarsoo Ilma Anniyyaati.

Ammas muftiin Jalqabaa Jamaaludiin Anniy gosa oromoota raayya warra abbaayyee keessaati. Maqaanuu Jamaaluddin Al Aniy jedhamani. Sheeka beekamoo Abbaa ilmii guddaadha. Sheeka warra daaniyyiiti.
Daaniy darasoota sheka Aniyyiiti.

Ilmaan warra Aannaa Raayyaa jiran Ammas Afaan oromoo dubbatu kun waada isaan akka afaan oromoo hin badneef walii galaniidha. Jabina ilmaan warra anniyyiitin jiraachuu dandaye. Du'aa'in warraa Aannaa Oormichi haa dagaagu Afaan ormichaa hin badin jechaa du'aa'i godhu.
Anniyyaan ilma  humbannaa yoo ta'u.
Anniyyichi immoo ilmaan torbaa horachuudhan.
Iddoo  lamatti addaa qoode .
isaanis sadan sadachaati fi afran kodheelleeti.
1.Biduu Anniyyaa Humbanna bareentoo
2 .Aannaa Anniyyaa Humbanna bareentoo
3 .Macca Anniyyaa Humbanna bareentoo
4 .Kole Anniyyaa Humbanna bareentoo
5. Malkaa Anniyyaa Humbanna bareentoo
6 .Babboo Anniyyaa Humbanna bareentoo
7 .Dambu Anniyyaa Humbanna bareentoo
jaarraa 18ffaa  dura oromoon
anniyyaa ituu fi afran qalloo walin sirna gadaa
odaa bultum kan malkaa tarraamutin bulaa turuu manguddoonni carcar ragaa bahuu.

Heeddumina  Wal hora ilmaan isaanitiin fi baldhina lafa isaanii irraa kan ka'e faca'aani qa'een abbaa qabaachu diinaa isaani agarsisuuf jechaa oromoonni anniyyaa fi afran qalloo lafaa Heera
sirnaa gadaa isaani bullulloo fi burqaa tirtiraa godhatan.

Anniyyaa Humbannaa

Aniyyaa  ilma Hunbannaa Bareentooti. Hunbannaa ammoo isa qofa dhalchee boqote. 
Aniyyaa ilmaan 7 dhalche. Lafti qubannaa ilmaan Anniyyaa Harargee Bahaafi Harargee lixaa yoo ta'u, irra jireeysi Ummata kanaa horsiisee bultoota. Geographical Area isaanii Harargee bahaatiin Aanaa Malkaa Balloo Dabalatee Gaaraa mullataa irraa kaasee hanga gammoojjii Hamaroo yoo ta'u, Harargee Lixaatiin Ammoo Aanota Akka Bookee, Odaa bultumiifi Aanaa Burqaa dhintuu faa keeysa jiraatu. Kana yeroon jedhu Aanota biraa keeysa hin jiran jechuu kiyyaa miti. Fkn Aanaa Dadar keeysaa bayyee jiru. 

#ራያ #ወረባየ  #Anniy #hunbannaa #ituu #oromoo #walloo  #harargee

Friday, January 20, 2023

#kuulleekoo

#Kuullee #Koo                            
         ===========

Akkuma beekamu Walloon damee oromoo baarentummaa yoo ta’u gosa oromoo karrayyuu keessaa isa tokko.Latiinsi hiddasaa akka kitaaba piroofeesar Alamaayyoo Hayilee (seenaa oromoo hanga jaarraa 16ffaa) keessatti caqasametti, Karrayyuun hangafa baarentummaa yoo ta’u iddoo gurguddaa lamatti qoodama.Innis Baasoo fi Dullacha jedhama.Damee Dullachaa keessaa Liibanii fi Walloon karrrayyuurraa kan citan yoo ta’u, kan hafan maquma dullachaan Afaaritti makamanii jiru.Liiban gara kaaba Gondaritti kan hafe yoo ta’u, walloo immoo naannawa wallootti faca’ee maqaa naannootti of moggaasuun kan jiruudha jechaa itti fufa kitaabichi.

Haceen wallee isaa kanaan oromiyaa taa’ee, kutaa qaama  isaa iraa addaan citetti yaadaan nu geessa. Tuulamaa fi walloo deebisee walitti hidha.Lafa malee garaan akka addaan nama hin fageessine walaloo bareedaa ta’een addeessa. Baale Madda Walaabuu ka’ee, shawaan qaar’iee walloo nu qubachiisa.
Osoo jennuu walaloo sirba kanaa yaada burqisiisuun  irra jireessa isaa kan katabe dardara hog-barruu cimaa lafaa dhufaa jiru Lalisaa Indiris Adam dha.Dhihoo kana barruu qorannoo masters isaa hojiiwwan Haacaaluu irratti hojjatee qabxii gaariin defend godheera. Haceen amma dura walloo irratti sirba tokko dalaguu fedhii waan qabuuf sinnishaawu waliin wanta hafe itti dabaluun haala ajaa’ibaan dagaagsanii hojjataniiru.kanaanis waan seenaaf ta’u ol kaa’aniiru jechuu dandeenya.  
Qabiyyee walalichaatti yoo dabarru,haceen yaaddoo bareedduu wallootiin cinqamee hirriba dhabuusaa,ati hoo akkuma kiyya na yaadaarta moo jechuun fala dhabuu isaa ibsuun jalqaba.

                       Yaadaa fi yaaddoo keetiin 
                        Halkan ciisaa dhabe 
                        Waanuma kee yaadutti
                        Maaf hirriba dhaba
                        Kee garaan akkamii
                        Kankoo ammas dide
                        Kunoo natti gama
                        Maal naaf wayya kuullee koo
                        Egaa maalinni falli koo (x2)

Itti aansee Jaarraa hedduu of duuba deebi’uun  hundee oromoo isa ganamaa nu yadachiisa.Bakka tumaa seeraaf heeraa, iddoo seena qabeessa-Madda walaabuu. Abbootiin kee seera gadaa fi muudaaf walaabuutti deddeebi’aa turuu himaaf.Akkuma maccaa fi tuulamni “uumeen walaabuu baate” jedhu atis asii maddite jedhee sababa isiirraa cituu isa dhoorke itti aansa:
                                         
                       Yayyaba walaabuu maddite
                       Yaa taliila bishaan ganamaa 
                       Lixee daakee ba’uu dadhabe
                       Danbalii yaada keen raafama (x2).

Biyya kanatti wanta namoota hedduu walii galchu tokko bareedina durba wallooti. Kitaabotaa fi walleewwan danuun kana raga bahaniiru. Haceenis kana dhugoomsuu irraa hin deebine:
                     Ayyaana keef safuu
                     Simboo kankeef safuu
                     Meeqa jilbaan oofee
                         Chorus (cabsata)

Ammas itti dabaluun maddi jaalala keetii bifa qofa osoo hin taane jaalala hidda gadi fageeffate,tasumaa na keessa dhabamuu hin dandeenyeedha jechuun mala gaafachuu itti fufa:
                         Oogdii jaalala kee
                          Lixee inni tumame
                          Utuu hin ba’in hafee
                                  (Chorus)

Kana booda haceen jaalala isii qofa osoo hin taane namoota seenaa walloo keessatti beekaman keessattuu mootota maqaa dhaha.Taateewwan seenaa gurguddaa ta’anis achumaan nu hubachiisa: 
                                             
                           Fakkii Amadee liiban 
                           Tokkicha abbaa waaxoo
                           Walirraa nu dhiiban
                            Foon tokko naaf atoo
                            Gowwumaan Aliimaa
                            Karaa foddaa haa baatu
                            Otuu an siif jiruu ormaaf
                             Soddaa hin taatu
                             Heebanoof Maqdallaan 
                             Korabiidhaan Sadii
                             An si fudheen gala
                             Kot’ na wajjiin badi (x2)

Amadee Liiban  ykn maqaa farda isaatiin “Abbaa Waaxoo” Maqdalaa bulchaa kan tureedha.Aliimaa isheen jedhamte maqaa dhalootaa guutuudhaan Aliimaa Liiban yoo taatu boodarra 'Iteegee Manan' jedhamuun waamamti.As biratti seenaa Kaasaa (tewoodroos) kaasuun gowwummaa Aliimaa(Iteegee Manan) isa jedhame nuu ifoomsa. Bara mootummaa sirna Yajjuu naannoo Qu’aaraa bulchaa kan ture eessuma kaasaa kan ta'e Maaruu ture.Maaruun bara 1828 yoo du’u ilmi isaa kinfuun bakka bu’e.Tewoodiroos mana kinfuu keessatti guddate.Yeroo an du'e Kaasaan na dhaala jedhee waan sodaatuuf gidduu isaanii hariiroo gaariin hin turre.Kinfuun bara 1840tti yoo du’u bulchinsi Dambiyaa fi Quwaaraa isaaf osoo hin taane harmee Raas Alii(haadha warraa mootii yohaannis) Iteegeee Manan-Aliimaa Liibaniif kenname. Teewodiroos aangoo dhaalmayaa kana waan dhabeef shiftoomee bosona gale.Boodarra,Iteegee Manan isa to’achuuf jecha humnaan qabdee gara bulchiinsa quwaaraatti fiddee aangoo Dajjaazmachummaan alatti intala Raas Alii Tawaabach itti heerumsiifte.Tewoodiroos garuu yeroo lammataaf bosonatti deebi’uun waraana Iteegee Manan waliin godheen bara 1855 aangoo mootummaa gondaar qabate.Inni hafe immoo seenaadha(the rest is history) akka jedhamu san.Gowwummaan Aliimaa-Iteegee Manan wareegama hanga  lubbuu isii baasise.Isa kana haceen foddaan haa baatu jedhe.Lammata akka hin deebine ergaa jedhu qaba.
 
Sarara itti aanu irratti kan ibsame yoo ilaallu Heebanoo irratti moototi akka Liiban Amadee hogganaa kan turan yoo ta’u gareen sadeen biraas mootummaa xixiqqaa hundeessuun isaanii ni yaadatama.Isaanis:Amadee Liiban (Abbaa Waaxoo), Alii liiban (Abbaa Bulloo) Warqituu fi Amadee Bashiir Liiban turan. Haaluma kanaan Amadee Liiban-Maqdalaa,Giiftii Mastaawat karaa ilmaa ishee Amadee Bashiiriin “korab” kan bulchite yoo ta’u, Giiftiin Warra Heebanoo Warqituun immoo karaa Ilma ishee Amadee Aliitiin Ambaassal bulchaa akka turte Piroofesar Alamaayyoon dabalanii gabaasaniiru.Haceenis isa kana ibsuu barbaade natti fakkaata.
Gadi bu’ees seenaa biraa nutti himuu itti fufa.Hayyuun oromoo tokko akka jedhanitti 'jarri habashootaa seenaa isaanii kitaaba irratti galmeessan,oromoon garuu seenaa isaa lafa isaa irratti galmeeffate' inni jedhu dhugaa ta’uu asirraa hubachuu dandeenya.Desseen dasee taatee waamamuu isii dura magariisummaa fi dirree fardeen Maariyyee Doorii (mootii yajjuu 1828-31 bulche) irra gulufan ta’uu yaadaan duubatti nu deebisa.Dalantaas Amadee Kolaasee fa’a bulchaa turuu eeruun kamisee buunee sirba aadaa “sidaamee” waliin taphanna jechuun goolaba. Haceen sirba kanaan nama iddoo sana beekuu qofaaf osoo hin taane kan hin beekne keessattis fakkii sammuu fi hubannaa seenaa guddaa uumuu danda’eera!!
                        Deesseen Dassee taatee
                        Magariituu dirree
                        Dirree itti wal ariitu
                        Fardeenni Maariyyee
                        Keessa qaxxaamurree
                        Dalantaan darbinaa
                        Kamiseetti buunee
                        Sidaamee sirbinaa (x3)
                        Qabii,qabii,qabiikaa
                        Qabii,qabii,qabiikaa (x2)

Monday, January 16, 2023

Magaalaa Ejersa gooroo

Magaalaa Ejarsa gooroo. 
      ----------'
Jaarraa dabran keessa. Lafa maqaa gosa oromootiin yeroo dheeraaf waamamaa turte keessa takka  lafa ona jaarsootii. Jaarraa 13ffaa irraa eegalee, maqaan Dawaaroo fi Areeloo jedhu  gaanfa afrikaa keessatti beekamaa ture.. Sulxaanoonni warri akka Abdulqadir waateetiifi sheikh Haydaraa heebanaa hundeeffama mootummaa sulxaanoota Daawaaroo.wajjiin maqaan isaanii yeroo hedduu ka'a.
             Magaalaan ejarsa gooroo sochii oromoota jaarsoo wajjiin walitti hidhata cimaa qabaachaa turte. Waa'ee magaalaa Ejarsa gooroo irraa waan hedduu barreessuu ni dandeenya, ossoo mul'isaa fi mudhii daawwee 
Hin daganne jechuudha.

Wednesday, January 11, 2023

#Haji muhammad Walee

Haji muhammad walee fi
Bakka dhaloota isaanii.
*******-*****************************
/ makin sultan wallo/ kitaaba Abbaa-hagaa~irraa...
Bara 1353 hijra ji'a rajab guyyaa wiixataa dhalatani.Yeroo xaaliyaan biyyaa weeraru san umrii waggaa lamaa ture yeroo jedhanii haasayan dhagayeera jedhan jaalli isaanii tokko.
Akkuma kanaan bara 1928  dhalatan yoo jenne olitti isa ibsamee sanii waliin walitti dhufa.

Abbaan isaanii Aalima beekkamoo kabajamoo turani Haji Ahmad ibn umar ibn Musa ibn Wadajoo ibn sihin jedhamu.ka'umsi isaanii walloo warra himanoo yeroo tahu mootuwwan islaamaa kan turan sanyii warra maammadoota warra shek( seh) turani.
Haji Ahmad kan jiraatan naannoo darraa waan taheef haji Ahmad darraa jedhamuun beekamu.
Haati isaanii addee zubeeydaa bint sheh Ahmad ibn  haji muhammad arab ibn shek hussen ibn shek fiqih nuur yeroo tahan wanni aja'ibaa harmeen isaani karaa abbaatinis karaa haadhaatini sanyii warra ulama'oota beekamo turte.

Kunoo sheek muhammad waleen asuma  lafa ulama'ota kan taate walloo  keessa kan bahani.
Yeroo sadih  kitaaboota heedduu akatamaniiru irra daddeebin barataniiru.  kitaaba hanafiyi keessa hanga tokko barataniiru,Tawhid,tajwidi fi qorannoo urjiilee Abbaa isaani irraa barataniiru.
Kitaaba fiqih osoo hin xumurin dura Abbaan isaanii Haji Ahmad bara 1372 hijra keessa du'ani shek muhammad waleen barumsa isaanii hin dhaabne ture.barsiisa isaani guddaa boorana iraatti haji Ali adam  naannoo ciqaataatti  kitaaba seera fiqih barachuu itti fufanii achumatti xumurani.

Sheekni isaanitis akka isaan barsiisa ta'an katabanii eeyyama kennaniif. Afaan arabaa nahwii sorf barachuuf kara minnas boorana haji Abdul baasix ibn muhammad bira deemani.

Yeroo baayyef achitti baratanii achumatti xumurani.
Afaan arabaa barsiisuudhafis waraqaan ayyamaa sheeka isaanii irraa kennameef dalagaa itti Aanu immoo barsiisaa isaanii ykn hiriyyaa isaanii jaalatamoo Haji muhammad saani habib bashiir  bira madrasaa deemudhan," musxalhal hadiis"  ka'umsa hadiisaa baratani.
Kitaaba hanafiyyi fi shafi'iyy ka'umsa seeraa usul, ilmal ma'aanii akkasumas Qur'aan tafsiir, Achi boodas manxiq ykn loojik Haji saani jalatti baratani.
Shek hayaat ibn ali bira deemunis  bukaarif muslim barataniiru.
Shek muhammad waleen shek hayat irraa akka hadiisa barsiisan ayyama kennameefii jira.
Kutubu sittaa" Aalima kabajamoo haji muhammad raafi'iy irratti baratanii akka barsiisan ayyamni kennameefi.
Haji muhammad waleen Aalimoota babbeekamoo itiyophiya qofaani miti kan irratti  baratanii eebbisaman.

Magaalaa makkaa masjidal haram keessatti kan wal argan "mufti shek muhammad Abdarashad No'aman paakistaani beekumsi haji muhammad walee isaan dinqisiise "kutubu sittaa  " akka barsiisan waraqaa ragaa eeyyama kutubu sittaa barsiisu kennaniifii jiru.
Haji muhammad waleen erga xalayaa kabajaa  akka kara masrii Alazharitti dhufan godhameefi Aalimoota alazharifi Aalimoota sa'udiitin waraqaan ragaa kennameefii jira.
Zarfii biraatinis Aalimoota gurguddoo irraa ragaan kennamee jiraaf.fakkenyaf. shekni daanaa muhammad zeyn, marsaa kan jiraachaa turan shek mahdi ibn kaliifaa,shek bashi qaxxee, shek muhammad nuur ragaa  bahanii jiru.

Shek haji muhammad waleen adaraa sheekota isaaniti itti kenname barsiisuf waggaa 40 ol barsiisaniiru gorsaniiru.zikrii godhaniiru akkuma kanaan barattoota heedduu horataniiru Ummata barsiisaniiru.

Imaamummadhan: shek muhammad waleen  bara 20 ol finfinneetti kan argamu Nuur  masgiid imaama fi kaaxiba ta,anii faayyadaniiru.
Gaaggeessa majlisaa: shek muhammad waleen itti gaafatamaa majilisaa ta'anii  haji muhammad saani wajjin majilisa huundeessanii gaggeessas ta'anii kan hojjacha turan Aalima kabajamoo turani.
Bara 1983 as akka haaratti kan huundeeffame waaldaa Aalimoota  itiyophiyaa itti gaafatamaa ta'anii fayyadaniiru.
Shari'a fird bet: shek muhammad akka seera qabeessa ta'u akka huundeefamu bara 1983 hanga 1987bara jiran keesaatti qabsooo heedduu muslimootaf godhanii jiru.
Mootumma biyya bulchaa ture  mallas zenawii waliinis qabsoo jabduu godhaniiru waa'ee islaama irratti mari'ataniiru.
Mana hidhaa: bara 1987 keessatti osoo raabshan anwar masgidin hin buune dura  itti gaafatamaa majlisaa ta'anii fayyadaniiru.

Haa ta'u garuu walii galtee dhabamuudhan mana hidhaatti waggaa sadii ol hidhamaniiru.
Hidhaa keessa akka turaniin hiriyoota hidhamtoota isaanitis usulif, hadiisa,Qura'aan tafsiir heedduu barsiisaniiru.hidhaan itti hidhaman ragaa sobaa waan ta'eef badii tokko waan hin qabneef hidhaa irraa bilisaan baafamani. Shek muhammad waleen eega hidhaa bahanii nageenyi isaani gaari hin turre baayyee dhukkubsatani imaama tahuuf barsiisu waan dhukkubichi isaan sodaachiseef . Imala kara sa'udii godhuu filatani.

Saudi arabiyaa deemani achitti kitaabota barachuuf barsiisu itti fufani waraqaa enyumma osoon argatin baroota dheeraf sa'udii keessatti barsiisa ta'anii jiraachu eegalani. Achumaan barattoota heedduu horatanii beekumsa isaani ummataaf ballinaan barsiisa dhufani.san booda kara biyyaatti galani garuu qillensi sa'udi  baayyee waan itti tolee tureef kara sa'udi deebihani jidda jiraachu eegalan.

Dhumaratti shek muhammad waleen waraqaa enyumma sa,udi argatanii. Jidda qofaa osoon taane addunyaaf  intarnetan barsiisu eegalani. Ummanni sa'audii ilmii shek muhammad walee dinqisifatanii  magaalaa makkaatti  universty "ummal quraa" jedhamu keessatti akka barsiisan godhamani.

Shek muhammad yeroo xiqqoof dhukkubsatanii achumaan bara 1997  solaata dura firoottan isaani bilbilaan dubbisanii.
Solaata leyliif wudu'u akkuma godhatanii deebihaniin lubbuu isaani darbe. Rabbiin caffee jannataa isaan hakaahu sheeka keenya.

Shek muhammad walee abbaa manaafi ijoollee 11 qaban turani.
Shek muhammad waleen yoon du,e makkatti na awwaala waan jedhaniif. Ajaja rabbii ta'ee akka makkatti awwaalaman hayyamamefi.

website:-mikysultan.blogspot.com

Tuesday, January 10, 2023

#Sheeka Jamaa Nugus( muhammad shaafii obn muhammad xaahir)

Sheeka jamaa Nugus( muhammad shaafi ibn muhammad xaahir)
/makin sultan wallo/ kitaaba Abbaa- hagaa/
 walloo naannoo albukkoo irraa heedduu kan hin fagaanne irratti argamti ." Jamaa Nugus) achi jaalalli aja'ibaatu jira ..Sheekni guddaan jamaa nugus  sheh muhammad shaafii muhammad xaahir bara 17 35_ 17 98)  keessatti sheeka jaalatamoof abbaa hadraa Aalima cimoo turani.
Yeroo waa kennan olii gad hin jedhan waa kennuu jaalatu harki saanii waa kennuu waa sadaqachuu jaalatu.  Yeroo waa kennan gammadan turani. Yeroo nama gorsan afaan isaanii damma ture amalli isaanii adda rabbiin kennaa addaa kenneefi ture jedhama. Sheh muhammad shaafin abbaa jaalala jedhamu turani.
Jireenya isaani keessatti hirriiba hin jaalatan turan. xiqqoo shalab jedhanii baayyee zikrii godhu ture.  Guyyaa nii barsiisu ture halkan nii abbadu.duulas duulchisaa turani ( Aanaa torba irraa loltoota walitti bahan akka qabaacha turan profesar hussen nii dubbatu)  halkan guutuu zikriitti fayyadamu, qura'aana guutuu halkan lamatti akatamaa turani.Romadaanan ala jechuudha. Hirriibi isaan biratti hin jiru. Jireenya isaanii keessatti baayyinaan zikriin dabarsani.
 Kitaaba isaani " jihadul asnaa" kan jedhamu keessatti waa'e islaamummaa qofa osoon taane waa'ee jaalalaa tokkummaa barsiisa turani barreesanii jiru.
Waa'ee jihaadoota waa'ee nageenya heedduu barreesanii jiru.
Sheekonni jaalatamoon kun, waa'ee    dhugaati alkooli hin dhoorkine jechuun namni tokko aja'absifatee dubbii hafarsuuf inumaayyu  imala isaa kara jaaloo isaanii "  mufti Dawud " bira godhee dubbii kana geesse. 
Afaan babbareeche akkas jechaa  itti hime. Kaayyoon guddaa isaa afaan babbareeche isaan maqaa balleessuf ture.
 Waa'icha kan dhagayan "muftii Dawud " farda Adii isaanii yaabbatanii achi jamaa negus  deeman. Sheh mufti daawud dubbii nagayan qoratan malee dubbii waliitti dhaquu hin jaalatan waan tureef. Keessa laalan malee dubbii namaa hin fudhatani waan tureef kanaaf achi deeman.
Muftii daawud dubbii kana  qorachuuf achi deemani.achumaanu kennaa adda ta'e fuudhanii deemaniif sheh muhammad shaafin 
meesha dhugaati haguugamte takka fidanii iddoo ta'aanii jiranii ka'anii kabajaan ol ka'anii " muftii daawud " Qeebalan. 
Sheh muuhammad shaafin waan dhugaa jiran irraa muftii daawudi achi siqsanii bira kaahanii ijool. Anaafis waan dhugamu naa fidaa jedhanii ajajani.
Mufti daawud waa qorachuu waan dhufaniif waan isaan dhugaatif haguuganii kaayanii  itti kennan san irraa xiqqoo unatani. Yeroo xiqqoo dhugan dhugaatin haguugamte sun bishaan qulqulluudha.baayyee aja'abisifatani.
 Achuma taa'ani kolfi isaan dhufee kolfani baayyee isaan aja'ibee achuma ija keessa wal ilaala lachuu seequu jalqabani.
Muftii daawud wanti isaan aja'ibe akkamitti bishaan qulqulluu akka waan addaatti akka waan dhoksaatti meeshaa shafanamaa keessa kaahanii dhugan waan jedhu isaan aja'ibee kolfani.
Sheh muhammad shaafin immoo garaa qulqullinnaaf hafarsaa namaatin akka muftii daawud naman abaarre waan beekaniifi waan isaan itti dhufan waan beekanii jiraniif kolfani.
Namoonni tokko tokko garuu beekumsa tokko malee akka waan sheh muhammad shaafin dhugaati fayyadamaa turaniitti hafarsu.
Sheh muhammad shafin sheekaa  akkaan rabbii abbadu ture, rabbii sodaatu ture. Umrii saani zikriidhan dabarsan malee akka amma masgiida isaanii keessatti jaahilli itti taphachaa jiru kana miti.
Takkaa masgiida isaanitti yeroo isaan lubbuun jiran san dhalaaf dhiira walittti galchanii hin beekan turani.

~ wabiii
- miskul azfar> sheh muhammad fiqih
_< Nashru anbar> haj Ahmad darraa
_ < ulamul agbiyaa> haji muhamma taajuddin.

mootittii saba'a Queen of sheba

"Mootittii Saba'a""Queen sheba" ----------------------------------------------------------------- ★Miky Sultan Bar...