Translate

Wednesday, December 27, 2023

#Jahan Jiillee fi Shanan Jiillee baareentuu

#Jahan #Jiilleefi #Shanan #jiillee #lachuu #ilman #baareentooti.
★Miki Sultan Wallo Barento★
lafti shawaa jedhu moggaasa maqaa hiika isaa hin beekamne itti moggaasuun lafa oromoota ilmaan kaarrayyuu adda qoqqooduun moggaasa lafa shawaa jedhu itti kennaniidha.
Oromoo karrayyuu ilmaan shanan baareentoo keessaa tokkoodha.
Lafti jireenya quubsuma  isaanii Shawaa bahaa Aanaa Booset,Fantallee fi Naannawaa magaalaa Adaamaa hanga salaalef walloof raayyaatti jiruudha.
Akkuma beekamuu hortee oromoo booranaaf baareentuu ilma kuush lamarraa wal hore.Kana keessaa Karrayyuu damee ilmaan baareentooti,Kanaafuu Oromoo karrayyuu worra aadaa,worra sirna Gadaa, worra horsiisee loonii fi beellada adda addaatiin beekkamaniidha.
Oromoo Karrayyuu gosa ciccimoo fi worra seenaa durii ta'uuf hanga ammatti worra waan kaleessa beekkaman ta'uu qabatami jiru fakkeenya ta'uudha:-
Karrayyuu Baarentuu
Ilmaan 10dhale
1-Dullachaa
2-Abbichuu
3-Gonbichuu
4-sayyuu
5-Oboo
6-Oborii
7-Jiillee
8-Bullaalla
9-Mucee
10-Galaan

Gosti Oromoo Jiillee (Jahan Jiillee) kan qubatee jiraatu sulula (Rift Valley) keessa ta’ee haala bulchiinsa ammaatin Godina Shawaa Bahaa aanolee Dugdaa, Boora fi Adaamaa keessa. Lafti Jiillee kun gosoota Jiillee jahaniin bakka saditti addaan qoodama. Qoodamni bakka sadii kunis Caffee Danbal, Caffee Qooqaa fi Caffee Wanjii jedhamaniin waamamu. Caffeen Danbal lafa gosa Goonatiin qabame yoo ta’u haala bulchiinsa ammaatiin Aanaa Dugdaa Keessatti argama. Innis lafa kibba dhiha uummata Jiilleetin qabame ta’ee, naannoo Haroo Ziway maqaa jedhamuun kan yeroo ammaa beekamu garuu Hara Danbal jechuun uummatni Jiillee yaamun dangeeffama.

Caffee Qooqaa kan jedhamu gosoota Jiillee Siiba, Gindoo fi Warreen waliin lafa qabameedha. Lafti kun Laga Hawwaasin (Awash) kan qaxxaamuramu ta’ee haala bulchiinsa ammaatin Aanaa Booraa keessatti argama. Caffee Qooqaa tana irraa uummatni kun haala nama gaddisiisaa ta’een akka walakkaa gadi lakkisu ta’amee kan Hidha Qooqaa (Qoqa Dam) irratti ijaarameedha. Uummatni kunis walakkaan gara Caffee Wanjii fi Danballitti akka baqatu taasifame.
Caffeen sadaffaa Caffeen Wanjii ammo teessuma gosoota Jiillee Guusa fi Looyyaati. Caffeen kun dachee uummata Jiillee gara bahaa ta’ee Aanaa Adaamaa Keessatti kan argamuudha. Walakkeessi caffee kanaa bakka yeroo ammaa kana Warshaan Sukkaara Wanjii irra jiru ture. Gosootni Guusa fi Looyyaa akkuma gosoota Siiba, Gindoo fi Warree lafa isaanii irraa buqqa’anii gara Godina Arsii fi Lafa Karrayyuutti akka baqatan taasifaman. Kan nama gaddisiisuu yeroo yeroodhaan lafa shankooraa babal’isuudhaaf uummata  kana buqqisuun kan itti fufe ta’uu isaati.
Shanan jiillee Walloo
Shanan jiillee dhummuggaa  jechuun isaan armaan gadii kana jechuudha
Warra  Abboo
Warra Kaarrayyuu
Warra Qaalluu
  Liiban
   Bala'a
Shanan kanatu Shanan jiillee jedhamee yaamamu.
Gosti kaarrayyu Walloo Shanan jiillee jeessa jiraatan isaan kanaadha. Gandaboo,Borkanna,Bal'aa fi k.k. heedduu warra maqaa dagannetu jira. 

Karrayyuun hortee Oromoo Shanan Bareentumaa keessaa tokko yoo tahu, Oromoo Karrayyuu Gosoota gurguddoo lama qabu. isaanis
1. #Dullachaa fi 
2. #Baaso Jedhamu. 
Dullachi hangafa yoo ta’u Baasoo ammoo quxuusuudha. Oromoon karrayyuu Hundeen gosa Dullachaa Shanan Dayyuu fi Sadeen Booxa jedhamanii  iddoo lamatti hiramuun beekkamu. 

Dullachii :-2
1. #Shanan_Dayyuu.
Dayyuu, Tootayyaa, Abaadhoo, Booddaa,  Hawaasoo
2. #Sadeen_Booxaa
Mulaata, Gurraachuu fi Galaan

#Baaso :-2. Baaso Torban Iluu fi Saglan Galaan jedhamuun beekamu.
1.Torban_Iluu
Sadeen #Dhaasuu fi Afran #Arbii walitti Torban Iluu jechuun beekamu.
Dooranii, Kooyyee, Mulaata (Dullacha Keessaa) tahanii, Gosoota Ituu Murawwaa kaneen akka Algaa, Moomajjii Jiillee, Addaayyoo fi Waayyee dabalatanii "#Saddeettan_Daadhii” jechuudhaan yaamamu. Saddeet Daadhiin Fantaallee jirtu fi Saddeeti Daadhiin Carcaritti beekamtu adda adda. Tan Fantaallee Ituu fi Karrayyuu irraa jaaramte. Tan carcar jirtu moo bifa kanaan addaa qabdi.

2. #Saglan_Galaan.

Dagaa fi Beerree ilmaan Karrayyuu Baaso Galaan keessaa tahun, gosa Ituu keessaa Gaamoo, Baabboo, Baayee, Meettaa Wacaalee, Elellee fi Liiban dabalachuun Saglan Galaan Jedhamanii waamamu.

#kaarrayyuu #oromia #Ethiopia

Doba raya oromo people

#ዶብዓ ፣ ዶባ #ጨርጨር #ኦነ #ኢቱ #መረዋ ~ ዶባዓ - Doba~
~~~~~~~~~~~~~~~~~~
#የዶባዓ፣የጨርጨር ኢቱ ጀግኖች ጦር መሪና አባ ገዳ  ያያ አሊ ሥሬና እሱጋ የነበሩ  ቦሩ ኒኒ ቂልጡ፣ቦኬ ጎዋ ~
#ዶባ ፣ጋዱላ፣ አርገጂ፣ ሊበን ጎሳዎች
★Miki Sultan Wallo Barento★
ዶባ አንዱ የባሬንቱ ልጅ ሁኖ  የኢቱ መረዋ ጋዱላ አርጋጂ ውልድ ነው። ዶባ ጎሳ በጀግንነት የምታወቁና በ ጉማዬ ጫውታ ላይ በመፈከር ወኔ ለማነሳሰት ለጦር መሪነት የታወቁ ነበሩ።

ዶባዓ ሕዝብ  ቀዳማዊ እስልምናን ስለተቀበለ  በወሎና ራያ ሸዋ ሀርርጌ ላይ እስልምናን በማስፋፈት ቀዳሚ ጎሳ ነበሩ።
ትክክለኛው በ በራያ ካርታ ቦተ ያለው ዶባና የሀረርጌ ትልቁ ጎሳና ሰፊ ወረዳ ዶባ ባህላቸውና ጀግንነታቸው አንድ ነው። ዶባ ፈሪ የለውም ይባለል።
: "Maqaan Baduu Mannaa Mataan Baduu Wayya" jedhan
ዶባዖች:- የተናገሩት፣ ሥም ከሚጠፋ ራስ መጥፋት ይሻላል ይለሉ የዶባ አባቶች ።

የ ዶባ ጀግኖች:
1. ያያ አሊ ሥሬ
2 ኢቲሳ ሮባ
3 ሙጬ አመድ ሙጬ እና ሌሎችም…
ዶባዎች በ ምዓራብ ሀርርጌና በ ወሎናራያ አከባቢ በብዛት ሠፍሮ የምገኙ የኢቱ መረዋ የኦሮሞ  ጎሳ ነው።
 ለምሳሌ፣ በ ሀረርጌ ዶባዓ የምባል ወረዳ አለ፣ህዝቡም  በዶባነታቸው የምኮሩ የጀግኖች ዘር ናቸው።
ኣኖሌ ጦርነት ላይ ከዶባ የተወለዱ እንደነ ያያ አሊ ሥሬ የምባሉ  ጀግኖች ነበሩ፣ብዙዎች ጦርነቱን ተሳትፎ የተሰውበት የጀግና መንደርና የጀግና ግኝት ጎሳ  ነው።
               
   ጄዲ የኢቱ መረዋ ጎሳ ውስጥና በ  ኢቱ ጨርጨር መሬት ውስጥ ለዘመናት ታሪካዊ ቦታ ሆኖ የቆየ ነው።  በሌላ በኩል፣ ዘጠኙ ቤት ጄዳ በጋዱላ ውስጥ አንድ ቤት ጎሳ ነው።  እንደሚታወቀው በመሪጋ  ጫውታ ውስጥ እንዲህ ይባል ነበር፡-
            "ጄዳ  ሁለት ቤት ነው
              የኮdhoዶሌ መጠን
              ዜጋዬ ጠፋሁ ወይ ?
 ጄዳ የምትባል እስካሁን  የጋዱላ ቤት የምትባለው፣ዶባና ደበሶ መሃል ትገኛለች። ዋጅራን  ጋዱላ አርገጂ  ቤት በመባል ይታወቃል።, 
በዚሁ ዶባ ወረዳ ውስጥ ብዙ ጭፍራ(ጂላ) ቤቶች ይገኛሉ።
    እ.ኤ.አ. በ 1885 በፒሊፕ ፓውሊሽኬን  ጨርጨር ኦነ ኢቱ  ውስጥ በጎበኘበት ቦታ
 ይቺ ጄዳ  የምትባል አገር ናት።
          " ጋዱላ ሞልቶ አደረ
            አርገጂ ሞልቶ አደረ
            አርገጂ ውስጥ ውሎ ሥያድር
            ምን ተወያይቶ ታደረ።

እያሉ ይጠየየቁ ነበር።

Thursday, July 6, 2023

ituu ilma marawwaa harargeef wallloof raayyaa

#Horte  #ituu #murawwaa  Harargeef Walloof Raayyaa ~
★Miky Sultan Wallo★
Gosa oromoo  keessaa  ituun damee ilmaan bareentumaa yeroo tahu ituun ilma  murawwaati.
Horteen ituu gosa kudhan kan of jalaa  qabdu  fi gullantaa lama  kuraa fi galaan jalatti adda qoodee kaayeedha.
Kurnan  ituu:-  Baabboo, Gaadullaa, Gaamoo, Addaayyoo, Arroojjii, Waayyee, Galaan [Eleelle, meettaa, liiban, Wacaale),Alga, Qaalluu [Beerre fi hidhabuu), baayee jedhamu.

Horteen ituu gosa oromoo harargee lixaa fi walloo fi  raayyaa Carcar guddaa lafa jedhamu ykn ona ituu haragee lixaa carcar kana lafa isaa irratti horee   jiraachaa jiruudha . ilmi marawwichaa ituun akkuma gosa  oromoota kaanii  goototaa fi hayyoota baayyee lafa oromiyaattifi lafa kaaba raayyaatti kan gumaacheedha lafa raayyaati gootichi beekamaan  Baareentuu Abbaa seeruu jedhamu lafa carcar facaa jahan irraa kan gumaacheedha.
Horteen ituu marawwaa ammayyuu kaaba walloof raayyaatti lafa isaa carcar guddaa kormee lafa jedhamu lafa guddaa bareedaa irratti horsiisee jiraachaa kan tureefii ammas jiraachaa jiruudha.

   #Qaalluu ituu
Oromoon  gosa  isaa  lakkaawwatee Hundee Oromummaa isaa  Booranaa fi Bareentootti of galcha. Akkuma san Qaalluunis gosa isaa waammatee oromootti galfata.

Qaalluun sirna gadaa keessatti idddoo qaba,booranatti qaalluun warra muudaati.
Hortee Bareentuma keessatti Qaalluun  sadarkaa gosaatti of yaama, ilmaan baarentummaa walloo keessaa, Torban walloo  keessaa Qaalluun  gosa ilmaan walloo keessaa  Isa tokkoodha.

Ammas ilmaanuma baarentummaa keessaa gosti qaalluu sadarkaa qaalluutti kan yaamamu ituu Murawwaa keessatti. Qaalluun damee laman oromoo booranaaf baareentuu  keessatti kabaja guddoo qabu.
Akka gosaatti garuu qaalluu ilmaan baareentummaa keessatti lakkaawamti, fkn,  Ituu Kudhan keessaa takka tan taate gosa guddoo "Qaalluu" jedhamuun beekamti. Ilmaan walloo 7 keessatti torban walloo keessaa Qaalluun gosa tokkoodha. Qaalluun  gosa oromoo islaamaa kaabaaf kibba dhiha walloof harargee keessatti argamuudha.

Gosti Qaallluu hayyoolee sheekoota gurguddoo gootota gurguddoo oromoof horteedha, Qaalluun kabaja ulfina warra kitaabaati hayyuudha, abbaa eebbaati.

Gosaan Qaalluu taatee  Balbala 7 walloof  Saddeettan Beerree fi Torban Hidhabuu keessa tokko taata,  saniif ati Qaalluu wallootiif Qaalluu  Ituu Murawwaati. Qaalluun gosa arabaati jechuun diinummaadha. Oromoon gosa arabaa hin qabu. Ilmaan kuushiti kush ilma Kaam(Ham) Ham ilma Nuuhiti.

Saddeettan beerrre Qaalluu

1.Goodaa
2.baatii/samarii
3.warre ykn jimjim
4.Tokkaay
5.Abburre
6.madar
7.Agaamsa
8. assalamannaa

Torban Hidhabuu(7)

1.Bonayya
2.Saaluu
3.Anduu
4.Leemmoo
5.Caffee
6.Tuullee
7. Jaamii

Afran 4N

Asheetee
Noolaa
Kayyuu
Areeroo jedhamuun yaamamu.

Gosti Qaalluu Walloo keessatti gosa qofa osoon taane  Lafa isaa illee maqaa gosa isaatti  "Qaalluu" jechuun moggaafatee gosa jiraachaa jiruudha. Qaalluun walloo Aanaa Qaalluu jedhamuu magaalaa guddittii Qaalluu duraa kan taate magaalaa Baatee hanga lafa dawwee,hanga caffaattti  gosa diriiree jiraatuudha.

Aanaan warra qaalluu Harbuu jedhamtee waamamti, magaalaan guddoo ishee kombolcha. Qaalluun biyya sheekotaati, biyya Aalimootaati.

Gosti Qaalluu naannoo baatee jiran  Samaa, fi Gaadullaa jedhee of yaama. Balbalti kun lafa warra waayyuu hanga garfaa hanga dawweetti qabatee jiraatuudha. Qaalluun gosa  ummata isaa barumsa barsiisaa(Qaraasisaa)eebbisaa muudaa jiraateedha.

Gosti balballi ilmaan Qaalluu Ituu walitti 15. Isaan keessaa Birmaduun kudha lama. Birmaduun Irree Heenaa (Madhiichii) immoo sadii.  Qaalluun Beerree Hidhabuu kan ja'aaman 15.
Qaalluu Beerree fi hidhabuu ilmaan murawwaa ituuti.

  Arsiitti immoo~

8n Beerree Qaalluu keessaa:
1.Goodaa:Arsii (Raayyaa Mandoo) Dalloo keessatti muudama."Aabbawoon (Aabbawo/abbaa keenna jechuudha)manni Dalloo waan dhugaan jette jenna jedhu.Maaliif jennaan Qaallutu warra dhugaa fi woyyoomaati jedhu.
2. Lakkofsa 5ffaa irra Kan jiru ammoo Abburee 7n Uunshoo jennaan(qubsumaanis Arsii bahaa fi lixaa akkasummas Baale jiraatu)Abbaanis sirritti eebiseenii jira jedhu.
3.lakkofsa 6ffaa irra kan jiru ammoo Madar ykn Madarshoo jedhaman (Warra Sulxoo__Madar).
4.lakkofsa 8 irratti Assalamannaa(mana Asallaa jechuudhaa)kunis ilma 7n Uunshoo keessaa tokkodha.Gosti Asallaa kun kan magaalaan guddoon Arsii ittiin waamamu Asallaa kana jechuudha.

#Anniyyaa_ Ilma _Hunbanaaa~ Warra Aannaa
Oromoota Warra Abbaayyee Raayyaa
****************★********************
★miky sultan Wallo★
Anniyyaa gosa oromoo damee bareentumaati.
Harargee bahaa gara kibbaatti  Walloo hanga  raayyaatti gosa of cimsee diriiree jiraatuudh.

Gosti Aniyyaa raayyaatti  biyya baddana lakkuu jedhamu jalqaba qabate, Achi irraa ka'uun ilmaan isaa huunda lafa hire. ilmaan Aniyyaa raayyaa jalqabaa Warra Abbayyee jedhamu, Abbaan Warra Abbaayyee, Waarso jedhama, Afran waarsoo jedhamani, Abbichu Waarsoo,kole Waarsoo, Dheekko Waarsoo, Abbaayyee Waarsoo jedhamanii waamamu.

Walloof Raayyatti  lafa wal hiranii irratti jiraachaa jiru.  Ilmi Dheekkoo Waarsoo  Dayyu Jedhama. Ilmaan Waarsoo Anniyyaa Walloo raayyaa hanga harargee bahaafii kibbaatti babalatee jiraachaa jiruudha.Gosti Aniyyaa Ilma Humbannaa guyyaa Awash irraa godaanee kara walloof raayyaa dhufu Abbaa Kudha Lama taheeti dhufe jedhan maanguddoon raayyaa yeroo seenaa hasayan.

Abba kudha lama kun lafa wal hiraa hanga daangaa tigraay laga eebootti qabatanii jiraachaa jiru. Magaalaan biyya bareeddootaa jedhamte yaamamtu magaalan walloo baatee magaalaa guddoo ilmaan qaalluu taatee beekamtuus garuu akka isiin ilma Dheekoo Waarsootin magaalaa warra dayyuu taatetti waamamti. አረ ባቲ ባቲ፣ ባቲ ገንደ ደዩ( Dayyuu) ሀድራው የምሞቀው ደረርቦ ስተኙ jechaati taphatu. Dayyu ilma dheekoo waarsoo Ilma Anniyyaati.

Ammas muftiin Jalqabaa Aalimni Sheeka Sheekowwanii Sheek  Jamaaluddiin Anniy gosa oromoota raayya warra abbaayyee keessaati. Maqaanuu Jamaaluddin Al Aniy jedhamani yaamamu.
Sheeka beekamoo Abbaa ilmii guddaadhaati. Sheeka warra daaniyyiiti, Daaniyyiin  darasoota sheeka warra  Aniyyiiti.

Anniyyaan ilma  humbannaa yoo ta'u.
Anniyyichi immoo ilmaan torbaa horachuudhan.
Iddoo  lamatti addaa qoode .
isaanis sadan sadachaati fi afran kodheelleeti.
1.Biduu Anniyyaa Humbanna bareentoo
2 .Aannaa Anniyyaa Humbanna bareentoo
3 .Macca Anniyyaa Humbanna bareentoo
4 .Kole Anniyyaa Humbanna bareentoo
5. Malkaa Anniyyaa Humbanna bareentoo
6 .Babboo Anniyyaa Humbanna bareentoo
7 .Dambu Anniyyaa Humbanna bareentoo
jaarraa 18ffaa  dura oromoon
anniyyaa ituu fi afran qalloo walin sirna gadaa
odaa bultum kan malkaa tarraamutin bulaa turuu manguddoonni carcar ragaa bahuu.

Heeddumina  Wal hora ilmaan isaanitiin fi baldhinaa
lafa isaanii irraa kan ka'e faca'aani qa'een abbaa qabaachu diinaa isaani agarsisuuf jechaa oromoonni anniyyaa fi afran qalloo lafaa Heera
sirnaa gadaa isaani bullulloo fi burqaa tirtiraa godhatan.


Thursday, June 15, 2023

#Warra Baabboo

Warra Baabboo
***************★*******************
★Miky Sultan Wallo★
Warri baabboo angafticha ilmaan ituu marawwaa wallichaati.warra baabboo jechuun #Baabboo = Kan Abbaa Fakkaatu, ykn kan hiiriira duraarra jiru jechuudha.
lafti warra baabboo hayyuulee amantiif gootuwwaan qabsoo heedduu lafa walloo irratti horteedha.
Oromoota walloo keessatti yeroo dheeraf gaaffi eenyumaa gaafachaa turan keessaa tokko oroomoota warra baabbooti. Warri Baabboo biyya gooticha Godaanaa baabboo kan huundeessaa sirna maammadootaa kan ta'eetifi biyya gootaaf bareeddanii, Biyya Aalimootaati.

Garuu gaaffiin isaanii sun  deebii dhabee hanga ammaatti oromoonni baabboo cunqursaa jala jiru. Yeroo heedduu goodina addaa walloo Aanaa baatee galla jechuun gaafachaa turan mootummaan naannoo amaaraa gaaffii isaanii dhoksuun gaaffii ummata bal'aa deebii dhabsiisanii jiru.
Oromoota walloo warra Baabboo magaalaa Bistiimaa  jalatti argaman,  gaaffi yeroo dheeraf nuti oromoota afaan oromoo dubbanna, mirgi keenya nuuf eegamuu qaba, Afaan keenyaan barachuu qabna,oromoota walloo keessa jiranitti makamne oromoodhan waammamuu qabna  jedhanii yeroo dheeraaf mirga isaanii gaafachaa bahan keessaa. Gandoota gammooojjii warra baabboo .
Fkn.Ganda 08 kooraa fi yaayyaa
Ganda 010 .Gola Aananii
Ganda 011.  Ganda mukaa, ciqilee, Qilxuu, hulaagaa,Harrooyyee, Burqiisaa, Diinqaa,Nagoo fi k.k.f...
Gand 012.magaalaa Bokoksaa jala jiran.
Ganda 014. Hagomdii, karoora gordaa, lamacha fi Gadiidaa k.k.f..
Ganda 015 magaala  Ara baatee
Ganda 016  Adaree fk.kf... gandootaaf magaaloota kana keessatti ummanni jiru ummatoota afaan oromoo dubbatu garuu wanti baayyee nama gaddisiisu  afaan isaanitin hin baratani Afaan Amaaraatin baratu jaarra kana keessattis  cunqursaa guddaa keessa jiru. Goodina addaa walloo oromoo keesssa hin jirani Amaara jala bulu. Yeroo heedduu gaaffi eenyuma yoo gaafatan illee  deebii hin argatu.   Nuti oromootni walloo mirga guutuu argachaa hin jirru. Mirgi keenya akka malee dhiibamaa jira. Gaaffiin oromoota walloo warra baabboo deebihuufi qaba. Gaaffii kana oromoota huundatu gargaaruu qaba.
Sagaleen oromoota walloo dhagayamuu qaba.
Gaaffiin keenya mootummaa naannoo Amaaratin yeroo heeddu dhiheessinee jirra.
Lakkaawama manaatis oromoota wallooti waliin oromoodhan lakkaawamuu qabna gaaffii jedhu gaafachaa jiru.
Jaal Abdulkariim Baabboo
************★********************
Qabsaayaan Abdul kariim baabboo dhalataa walloo warra baabboo ganda Agoomdii(Hagomdii) yoo ta'u gameessa goota ija barbadaa walloon qabdu keessaa isa tokko ture.
Jaal Abdul kariim baabboo oromoof oromiyaa jecha  nama qabsoo guddoo godhee wareegee dirree waraanaatti wareegamee,lubbuu qaalii isaa oromummaaf jecha hireedha. Warri baabboo goota akka abdul kadii baabboofaa qabdi.rabbiin caffee jannataa nuuf hakaayu. Abdul kariim baabboo intala akka isaa leenca takkaa qabsoo irraa haftee hin beekne qaba sabboontuu oromtattii onneen sibiilaa intala abbaatti baateedha. Walaloon ishii illee onnee gootummaa namatti hora jiraadhu jennaan.

<< Sheh Odaa( Abdulwahab Abdal jalil 1943)>
Barreessan miky sultan.
×××××××××>>>>>>>>>
Sheh odaa :- warra baabboo keessatti kan argamtu ganda odaa jedhamtu keessatti jiraachaa turani. Oollaa sheh caaliti. Odaan oolla ganda caaliiti. ShehOdaan naamuusummaa.barsiisummaan Aalima beekamoodha. Hiriyyaa sheh caali( sheh seyid ibrahim 1972-1947) hiriyyaa dhihoo turani.
walitti dhiheenyi isaani aja,iba ture. Waa heeduun Siruma walin taanenifi Amala baayyee walin taane waliin fidanii waliin jiraachaa turani. Sheh caaliin tapha baayyee jaalatu ture. Taphas dandayu.
Sheh odaan immoo fuulli isaani hin hiikatu ture. Sheh caalin bayyee dubbatu.  Sheh odaan baayyee dubbachuu hin jaalatan turani.
sheh caalin Aaya qura,ani kennaan rabbii dubbate kan jedhun bitatu.
Sheh odaan Aayaa daldalli isaanii bu,aa tokko hin fidu kan jedhun dubbatu ture.
Sheh caaliin hinaaffaa uumamaa qaban turan jedhama,jechuun waa tokko yoo argan baayyee itti hinaafu karaa ilmii irratti jechuudha.
Sheh odaan miira hinaafummaa hin qaban nama hinaafus hinn jalatan turan. Aalimummaan lammeen isaanii Adda ture baayyee Aalima turani.  jiruuf jireenyi isaani jaalala sheh daana yk (Daniyuu saaniitin) kan addasame ture.baayyee wal jaalatu. Barattoota sheh daana turani.
Amala sheh odaa keessa- dandeetti dhagahu, dandeetti dhageefachuu qaban turan.
Sheh juwar darasaa jedhamu tokko qaban turani.Akki darasaan isaani kun dubbatutti 20 taanee walitti qabamne iddoo tokkotti sheeka keenya biratti qura,an qara,uf
Isaani dhakaa ol guddaa tokko irra taa,ani
San booda nuti isaan marsinee
20 meenu keenya iddoo tokkotti yeroo tokkotti Aayaa addaa addaa qaraana ture.
isaanis cal jedhanii dhaggeefatu.
San booda Aayaa itti Aanu nu barsiisanii nu eebbisanii nu gageessu.
Seerichi akkas ture.
yeroo tokko shakkii seene jedhe darasaan isaani juhar,amma 20 meen keenya yeroo tokkotti Aayaa addaa addaa qaraana akkamitti nu dhagayuu dandayan jedhee  yaade, akkamitti dhagayan jedhee shakke.
Akkanummatti nutti taphachuuf malee akkamitti Aayaa addaa yeroo tokkoti nama 20 qaraanee dhagayan jedhee, iaaluf fattanuuf isaan yaade.
Darasoonni 20  waliin ta,ee itti dhiyaadhe qara,uuf  qarqara taa,e, isaanuma fattanuuf 20 meen keenya Aayaa addaa addaa qara,uu jalqabne.beekaaf quraa,ana  caccabsu ka,e ,yeroo san ture namoota digdamoota keessa isa koo dhagayanii "juhar dhiisi deebi,i" akkana miti naan jedhani.yeroo san ture akka isaan dandeetti dhaggeefachuuf dhageetti cimaa qaban arge jedha.
Sheh odaan Aalimoota hedduu horatanii Aalimoota hedduu barsiisa turanii bara 1943 ti du,aan booqatani.
Eega du,a sheh odaan booda sheh caalii bara afuriif lafa kanaratti jireenyi isaan jibbisiise gaddanii( azananii) baayyee itti gaabanii hiriyyaan isaani biraa du,uun.
Jireenya isanitti gaddanii wanjalitti natti baayyateeraf malee akkamitti lafa kana irratti isaan jalaa na hambisa jechuun gaddaa turani. Yeroo xiqqoo itti dhagayame argitanii nama hiriyyan qabne nama hiriyyaan jalaa du,e jechuun gadda isaani ibsachaa turani.
Hiriyyaan akka jabaa ta,e himaa turani.rabbiin guddaan caffee jannataa isaan hakaahu sheekoolee keenyan.
Wabii kitaaba.
-Haji taauddin,ialaul agbiya,i( bara 1977 kan barreefame)
-Haj muhammad walee,iqaazul himam ( ara 1996 kan barraa,e )
-
#Sheh Gooroo _Ijersaa_ Warra Baabboo~
/ Miky sultan Wallo/
**************-**********************
Aalima Beekamoo Tafsiira(Hiikaa)  Qura'aanaa
Sheek Ibraahim Haakim!
Rabbiin caffee jannataa haa kaayu.

Giddugala Barnootaa Goro-Ejersa.

                Sheek Ibraahim Haakim!

       Aalima   Barsiisaa Waggaa 65+

  Kan dhalatan walloo , Aanaa Warra baabboo, Ganda Gooroo Ijersaatti.

Giddu-galli kun Sheek Gooroo ijersaaa jedhamuun beekama.
Wiirtuu guddaa tafsiira( Hiikkaa/"xiinxala Qur'aanaa" kan hayyoota gurguddoo 500 ol horatedha.

Giddugalichi maatii hayyoota gurguddoon guutameen hundeeffame.  Sheek Huseen ganda dhaloota isaa irgooyyee  jedhamutti Sheek Huseen Mahmuud Laga hidhaa irraa Qur'aana barate.

Waggaa 10+ mana barumsaa kitaaba  Hanafii baratan.

Irgooyyeetti "barnoota Arabaa" jalatti waggaa 5+ baratan.

Hiikkaa Qur'aanaa gara waggaa 7 waggaa 2 Sheek Daawud Ibraahim Warra hibanoo  jalatti, waggaa 5 ammoo Sheek Kaliiil Ahmed Corree jalatti baratan.

Sana booda waltajjii barsiisaa isaanii irratti sheh irgooyyee irratti fiqh barsiisaa turan!

Waggaa 11+ tafsiira fi Fiqh Qur'aana barsiisaa ture.

Dhumarratti hiikkaa Qur'aanaa Gooro ijersa keessatti waggoota 44+f kennanni jiru.

Walumaagalatti Sheekni waggoota 65+ oliif Tafsiira Qur'aanaa barsiisa turani.  Amma garuu beekumsi sun hundi du'a sheekaatiin ka'eera! Rabbiin caffee jannataa isaan hakaayu.

Hayyoota 500 hanga 800 kan oomishanii fi firiin isaanii guutuu biyyattii keessatti faca’ee kan argamu Sheek Gooroo ijersaa Gondar, Gojjam, Shawaa, Tigray, Wallaggaa, fi Affaar keessatti barsiisaa jiru.

Barattoota isaanii keessaa:
        Sheek Ibraahim Warra himanoo (Wallagaa irratti)
        Sheek Huseen xafa  ( hiddii irratti )
        Hayyuuf sheeka sheekotaa  Sheeh Qunnuu, .
         Sheek Muhammad Yaasiin,
         Sheek Ahmed Musxafaa Haxayye, hayyuu fiqh.
         Sheek Muhaammad Maanayyoo,
         Sheek Muhaammad Meegit,

Hariimaan kun hariimaa giddu gala azharal islaamaati.

"Sheh caalii warra baabboo"
Barreessan (miky sultan)
***************--*********************
Sheh seyid ibrahim caalii bara 1870 moota jalqaba abbaa isaani Sheh ibrahim yasin fi harmee isaanii addee zebuuraa muhammad yimam irraa warra baabbootti ganda Caalii jedhamtu keessatti  dhalatani.

Sheh seyid ibrahim (caalii)  baayyee kabajamoo fi jaalatamoo turani.
Sheeka Aalima walaloof menzumaaf neshidaa kan barreessuun beekaman turani. Menzumaa Qibliyyaa jedhamu kan isaan barreesani.

guddinni isaani mana mooticha walloo Ras walee fi ittege mannan faa yeroo ta'u. Bulchitoota yeroo san turan waliin baayyee qabsaaya turani.

Yeroo cunqursaa muslimoota san Aalimoota heedduu waliin qabsoo heedduu godhaa turani.
Kanuma waliin wal qabatee kitaaboota heedduu keessatti maqaan isaanii kan hindhawamne  ( balay zelleqe) waliin tahun xaaliyan kan lolaa ture .<< sheh caalii warra baabboo turani.

Lola xaaliyani waliin godhame keessatti gochi isaani ol ka'e kan kaafamuu qaban Aalimoota keessa
Haldureen sheeka caalii turani. Shek caaliin yeroo jalqabaatif yeroo san gootummaan kan beekaman xaaliyanif mataa gad kan jedhanii hin beekneefi farda isaanii irraa bu'ani kan hin  beekne tahuu isaanitini.

Werartoonni xaaliyaan << namni kun enyu kan harkas nageenyas osoo naman gaafatin tuffiidhan akkatti nu laalaa darbu  jedhanii gaafatani>> yeroo saniti namichi nura hussen jedhaniin ertiriya xaaliyaanii  waliin dhufe tokko akkas jedheen... Kun shek caalii jedhama harka sinitti kennuu dhiisii mootummaahu sinirraa fuudhuuf  kajeelaa jira jedheen.

Sheh caaliin harka kennuu dhabuun xaaliyan kun weerartoota xaaliyan waan sodaachiseef yeroo heedduu akka ajjeefamu  irratti labsanii turani.
garuu jaalalli ummati sheh caalidhaf qaban ajjeesamun isaani kaffaltii heedduu xaaliyan irra geessesa saniif sodaatani.

Xaaliyanoonni sheh caalii qabanii fannisuu baayyee irratti dalagaa turaniiru.garuu walii galtee xaaliyani fi isaan jidduu  sheh oraa lan jedhaman qabsoo heedduu godhanii xaaliyanoota waliin guyyaan  walii qabanii Waada godhame saniin  walloo naannoo warra baabbootti walgayani xaaliyanoonni baanda warroota tigroota sheh husseen jedhamee waamamu waliin dhufani walgayani.

Yeroo mana seenan baandichi seyfii  baate fuldura dhaabateera. Yeroo isa argan aarani jagnummaadhan seyfi isaa harkarraa saamanii seyfin akkanatti hin qabatamu jedhanii fuudhani bahani.
Sheh caaliin sheeka jaalatamoofi goota turani. Darasoota ykn barattoota 500 ol qaban turan jedhama.

Sheh caalii hanga ammaatti ummati walloo jaalala guddaa isaani qabu. Goota jaboo turani.
Keessayyu warra baabbootti fi baateettii yeejjuutti... oromoonni jiran heeduu isaan jalatu.

Akka itiyophiyaattis Aalima beekamoo turani.
walaloon isaanii baayyee jaalatamaa ture.

Sheek _idiris _muhammad _baatee( Adii)
**********-*************************
Sheek Idiris muhammad hussen kan dhalatan asuma oollaa baatee kan taate warra baabbootti.

" Aalima Sheekoolee 70 ol kan eebisiisan"

Sheekni sheekotaa idiris muhammad Aalima yeroo ammaa tanatti jiran keessaa isaan tokkoodha.  Ifaa ilmii barbaachaaf ijoollummaa kan manaa bahanii isaanii milkaaye keessa isaan tokkoodha.

Sheeka beekamoo  magaalaa baatee hariimaa azharatul islaam jedhamtu imaama masgiida Adiiti.

Shek idiris Adii kan baratan Aalimoota gurguddoo warra baabboo hariimaa ganda qalqashaa irrattiifi achuma warra baabboo facaatti ammas naannuma baatee kanattis ilmii baratanii jiru.

Ijoollummaa kiyya irraa kaasee hanga ammaa ilmii barachuuf barsiisuu irraa  bulee hin beeku jedhan. Abbaan isaanii osoo lubbuun jiruu imaanaa isaanitti kenne waan ta'eef takkaa ilmii barbaachaaf barsiisuu irraa bulee hin beeku jedhan.

Sheekni keenya jaalatamoon darasaan isaan barsiisan keessaa hanga ammaa sheekoolee 70 ol eebbisiisanii jiru.

Mashallah kennaan kanaa ol maaltu jira.

Rabbiin Aalimoota keenya irraa nama baratu nu hagodhu.
/ Miky sultan Wallo/


Sunday, May 14, 2023

#Qaalluu

#Gosa #Oromoo #Qaalluu
*************★**********************
★Miky Sultan Wallo★
Oromoon damee  gurguddoo Booranaa fi Bareentoo jedhamu qaba.

Oromoon  gosa  isaa  lakkaawwatee Hundee Oromummaa isaa  Booranaa fi Bareentootti of galcha. Akkuma san Qaalluunis gosa isaa waamatee oromootti galfata.

Qaalluun sirna gadaa keessatti idddoo qaba,booranatti qaalluun warra muudaati.
Hortee Bareentuma keessatti Qaalluun  sadarkaa gosaatti of yaama, ilmaan baarentummaa walloo keessaa, Torban walloo  keessaa Qaalluun  gosa ilmaan walloo keessaa  Isa tokkoodha.

Ammas ilmaanuma baarentummaa keessaa gosti qaalluu sadarkaa qaalluutti kan yaamamu ituu Murawwaa fi kaarrayyuu keessatti. Qaalluun damee laman oromoo booranaaf baareentuu  keessatti kabaja guddoo qabu. 
Akka gosaatti garuu qaalluu ilmaan baareentummaa keessatti lakkaawamti, fkn,  Ituu Kudhan keessaa takka tan taate gosa guddoo "Qaalluu" jedhamuun beekamti. Ilmaan walloo 7 keessatti torban walloo keessaa Qaalluun gosa tokkoodha. Qaalluun  gosa oromoo islaamaa kaabaaf kibba dhiha walloof harargee keessatti argamuudha. 

Gosti Qaallluu hayyoolee sheekoota gurguddoo gootota gurguddoo oromoof horteedha, Qaalluun kabaja ulfina warra kitaabaati hayyuudha, abbaa eebbaati.

Gosaan Qaalluu taatee  Balbala 7 walloof  Saddeettan Beerree fi Torban Hidhabuu keessa tokko taata,  saniif ati Qaalluu wallootiif Qaalluu  Ituu Murawwaati. Qaalluun gosa arabaati jechuun diinummaadha. Oromoon gosa arabaa hin qabu. Ilmaan kuushiti kush ilma Kaam(Ham) Ham ilma Nuuhiti.

Saddeettan beerrre Qaalluu
1.Goodaa
2.baatii/samarii
3.warre ykn jimjim
4.Tokkaay
5.Abburre
6.madar
7.Agaamsa
8. assalamannaa

Torban Hidhabuu(7)
1.Bonayya
2.Saaluu
3.Anduu
4.Leemmoo
5.Caffee
6.Tuullee
7. Jaamii

Afran 4N
Asheetee
Noolaa
Kayyuu
Areeroo jedhamuun yaamamu.

Gosti Qaalluu Walloo keessatti gosa qofa osoon taane  Lafa isaa illee maqaa gosa isaatti  "Qaalluu" jechuun moggaafatee gosa jiraachaa jiruudha. Qaalluun walloo Aanaa Qaalluu jedhamuu magaalaa guddittii Qaalluu duraa kan taate magaalaa Baatee hanga lafa dawwee,hanga caffaattti  gosa diriiree jiraatuudha.

 Aanaan warra qaalluu Harbuu jedhamtee waamamti, magaalaan guddoo ishee kombolcha. Qaalluun biyya sheekotaati, biyya Aalimootaati.

 Gosti Qaalluu naannoo baatee jiran  Samaa, fi Gaadullaa jedhee of yaama. Balbalti kun lafa warra waayyuu hanga garfaa hanga dawweetti qabatee jiraatuudha. Qaalluun gosa  ummata isaa barumsa barsiisaa(Qaraasisaa)eebbisaa muudaa jiraateedha.

Gosti balballi ilmaan Qaalluu Ituu walitti 15. Isaan keessaa Birmaduun kudha lama. Birmaduun Irree Heenaa (Madhiichii) immoo sadii.  Qaalluun Beerree Hidhabuu kan ja'aaman 15. 
Qaalluu Beerree fi hidhabuu ilmaan murawwaa ituuti.

Horaa bulaa~


#Aniyyaa ilma #hunbannaa #Walloofi #raayyaa

#Gosa_ #Anniyyaa_ Ilma _ #Hunbanaaa~ #አኒይ #Warra #Aannaa
 #Oromoota Warra #Abbaayyee #Raayyaa
****************★********************
★miky sultan Wallo★
Anniyyaa ilma hunbannaa gosa oromoo damee bareentumaati.
Harargee bahaa gara kibbaatti  Walloo hanga  raayyaatti gosa of cimsee diriiree jiraatuudha.

 Gosti Aniyyaa raayyaatti  biyya baddana lakkuu jedhamu jalqaba qabate, Achi irraa ka'uun ilmaan isaa huunda lafa hire. ilmaan Aniyyaa raayyaa jalqabaa Warra Abbayyee jedhamu, Abbaan Warra Abbaayyee, Waarso jedhama, Afran waarsoo jedhamani, Abbichu Waarsoo,kole Waarsoo, Dheekko Waarsoo, Abbaayyee Waarsoo jedhamanii waamamu.

 Walloof Raayyatti  lafa wal hiranii irratti jiraachaa jiru.  Ilmi Dheekkoo Waarsoo  Dayyu Jedhama. Ilmaan Waarsoo Anniyyaa Walloo raayyaa hanga harargee bahaafii kibbaatti babalatee jiraachaa jiruudha.Gosti Aniyyaa Ilma Humbannaa guyyaa Awash irraa godaanee kara walloof raayyaa dhufu Abbaa Kudha Lama taheeti dhufe jedhan maanguddoon raayyaa yeroo seenaa hasayan.

Abba kudha lama kun lafa wal hiraa hanga daangaa tigraay laga eebootti qabatanii jiraachaa jiru. Magaalaan biyya bareeddootaa jedhamte yaamamtu magaalan walloo baatee magaalaa guddoo ilmaan qaalluu taatee beekamtuus garuu akka isiin ilma Dheekoo Waarsootin magaalaa warra dayyuu taatetti waamamti. አረ ባቲ ባቲ፣ ባቲ ገንደ ደዩ( Dayyuu) ሀድራው የምሞቀው ደረርቦ ስተኙ jechaati taphatu. Dayyu ilma dheekoo waarsoo Ilma Anniyyaati.

Ammas muftiin Jalqabaa Jamaaludiin Anniy gosa oromoota raayya warra abbaayyee keessaati. Maqaanuu Jamaaluddin Al Aniy jedhamani. Sheeka beekamoo Abbaa ilmii guddaadha. Sheeka warra daaniyyiiti.
Daaniy darasoota sheka Aniyyiiti.

Ilmaan warra Aannaa Raayyaa jiran Ammas Afaan oromoo dubbatu kun waada isaan akka afaan oromoo hin badneef walii galaniidha. Jabina ilmaan warra anniyyiitin jiraachuu dandaye. Du'aa'in warraa Aannaa Oormichi haa dagaagu Afaan ormichaa hin badin jechaa du'aa'i godhu.
Anniyyaan ilma  humbannaa yoo ta'u.
Anniyyichi immoo ilmaan torbaa horachuudhan.
Iddoo  lamatti addaa qoode .
isaanis sadan sadachaati fi afran kodheelleeti.
1.Biduu Anniyyaa Humbanna bareentoo
2 .Aannaa Anniyyaa Humbanna bareentoo
3 .Macca Anniyyaa Humbanna bareentoo
4 .Kole Anniyyaa Humbanna bareentoo
5. Malkaa Anniyyaa Humbanna bareentoo
6 .Babboo Anniyyaa Humbanna bareentoo
7 .Dambu Anniyyaa Humbanna bareentoo
jaarraa 18ffaa  dura oromoon
anniyyaa ituu fi afran qalloo walin sirna gadaa
odaa bultum kan malkaa tarraamutin bulaa turuu manguddoonni carcar ragaa bahuu.

Heeddumina  Wal hora ilmaan isaanitiin fi baldhina lafa isaanii irraa kan ka'e faca'aani qa'een abbaa qabaachu diinaa isaani agarsisuuf jechaa oromoonni anniyyaa fi afran qalloo lafaa Heera
sirnaa gadaa isaani bullulloo fi burqaa tirtiraa godhatan.

Anniyyaa Humbannaa

Aniyyaa  ilma Hunbannaa Bareentooti. Hunbannaa ammoo isa qofa dhalchee boqote. 
Aniyyaa ilmaan 7 dhalche. Lafti qubannaa ilmaan Anniyyaa Harargee Bahaafi Harargee lixaa yoo ta'u, irra jireeysi Ummata kanaa horsiisee bultoota. Geographical Area isaanii Harargee bahaatiin Aanaa Malkaa Balloo Dabalatee Gaaraa mullataa irraa kaasee hanga gammoojjii Hamaroo yoo ta'u, Harargee Lixaatiin Ammoo Aanota Akka Bookee, Odaa bultumiifi Aanaa Burqaa dhintuu faa keeysa jiraatu. Kana yeroon jedhu Aanota biraa keeysa hin jiran jechuu kiyyaa miti. Fkn Aanaa Dadar keeysaa bayyee jiru. 

#ራያ #ወረባየ  #Anniy #hunbannaa #ituu #oromoo #walloo  #harargee

Friday, January 20, 2023

#kuulleekoo

#Kuullee #Koo                            
         ===========

Akkuma beekamu Walloon damee oromoo baarentummaa yoo ta’u gosa oromoo karrayyuu keessaa isa tokko.Latiinsi hiddasaa akka kitaaba piroofeesar Alamaayyoo Hayilee (seenaa oromoo hanga jaarraa 16ffaa) keessatti caqasametti, Karrayyuun hangafa baarentummaa yoo ta’u iddoo gurguddaa lamatti qoodama.Innis Baasoo fi Dullacha jedhama.Damee Dullachaa keessaa Liibanii fi Walloon karrrayyuurraa kan citan yoo ta’u, kan hafan maquma dullachaan Afaaritti makamanii jiru.Liiban gara kaaba Gondaritti kan hafe yoo ta’u, walloo immoo naannawa wallootti faca’ee maqaa naannootti of moggaasuun kan jiruudha jechaa itti fufa kitaabichi.

Haceen wallee isaa kanaan oromiyaa taa’ee, kutaa qaama  isaa iraa addaan citetti yaadaan nu geessa. Tuulamaa fi walloo deebisee walitti hidha.Lafa malee garaan akka addaan nama hin fageessine walaloo bareedaa ta’een addeessa. Baale Madda Walaabuu ka’ee, shawaan qaar’iee walloo nu qubachiisa.
Osoo jennuu walaloo sirba kanaa yaada burqisiisuun  irra jireessa isaa kan katabe dardara hog-barruu cimaa lafaa dhufaa jiru Lalisaa Indiris Adam dha.Dhihoo kana barruu qorannoo masters isaa hojiiwwan Haacaaluu irratti hojjatee qabxii gaariin defend godheera. Haceen amma dura walloo irratti sirba tokko dalaguu fedhii waan qabuuf sinnishaawu waliin wanta hafe itti dabaluun haala ajaa’ibaan dagaagsanii hojjataniiru.kanaanis waan seenaaf ta’u ol kaa’aniiru jechuu dandeenya.  
Qabiyyee walalichaatti yoo dabarru,haceen yaaddoo bareedduu wallootiin cinqamee hirriba dhabuusaa,ati hoo akkuma kiyya na yaadaarta moo jechuun fala dhabuu isaa ibsuun jalqaba.

                       Yaadaa fi yaaddoo keetiin 
                        Halkan ciisaa dhabe 
                        Waanuma kee yaadutti
                        Maaf hirriba dhaba
                        Kee garaan akkamii
                        Kankoo ammas dide
                        Kunoo natti gama
                        Maal naaf wayya kuullee koo
                        Egaa maalinni falli koo (x2)

Itti aansee Jaarraa hedduu of duuba deebi’uun  hundee oromoo isa ganamaa nu yadachiisa.Bakka tumaa seeraaf heeraa, iddoo seena qabeessa-Madda walaabuu. Abbootiin kee seera gadaa fi muudaaf walaabuutti deddeebi’aa turuu himaaf.Akkuma maccaa fi tuulamni “uumeen walaabuu baate” jedhu atis asii maddite jedhee sababa isiirraa cituu isa dhoorke itti aansa:
                                         
                       Yayyaba walaabuu maddite
                       Yaa taliila bishaan ganamaa 
                       Lixee daakee ba’uu dadhabe
                       Danbalii yaada keen raafama (x2).

Biyya kanatti wanta namoota hedduu walii galchu tokko bareedina durba wallooti. Kitaabotaa fi walleewwan danuun kana raga bahaniiru. Haceenis kana dhugoomsuu irraa hin deebine:
                     Ayyaana keef safuu
                     Simboo kankeef safuu
                     Meeqa jilbaan oofee
                         Chorus (cabsata)

Ammas itti dabaluun maddi jaalala keetii bifa qofa osoo hin taane jaalala hidda gadi fageeffate,tasumaa na keessa dhabamuu hin dandeenyeedha jechuun mala gaafachuu itti fufa:
                         Oogdii jaalala kee
                          Lixee inni tumame
                          Utuu hin ba’in hafee
                                  (Chorus)

Kana booda haceen jaalala isii qofa osoo hin taane namoota seenaa walloo keessatti beekaman keessattuu mootota maqaa dhaha.Taateewwan seenaa gurguddaa ta’anis achumaan nu hubachiisa: 
                                             
                           Fakkii Amadee liiban 
                           Tokkicha abbaa waaxoo
                           Walirraa nu dhiiban
                            Foon tokko naaf atoo
                            Gowwumaan Aliimaa
                            Karaa foddaa haa baatu
                            Otuu an siif jiruu ormaaf
                             Soddaa hin taatu
                             Heebanoof Maqdallaan 
                             Korabiidhaan Sadii
                             An si fudheen gala
                             Kot’ na wajjiin badi (x2)

Amadee Liiban  ykn maqaa farda isaatiin “Abbaa Waaxoo” Maqdalaa bulchaa kan tureedha.Aliimaa isheen jedhamte maqaa dhalootaa guutuudhaan Aliimaa Liiban yoo taatu boodarra 'Iteegee Manan' jedhamuun waamamti.As biratti seenaa Kaasaa (tewoodroos) kaasuun gowwummaa Aliimaa(Iteegee Manan) isa jedhame nuu ifoomsa. Bara mootummaa sirna Yajjuu naannoo Qu’aaraa bulchaa kan ture eessuma kaasaa kan ta'e Maaruu ture.Maaruun bara 1828 yoo du’u ilmi isaa kinfuun bakka bu’e.Tewoodiroos mana kinfuu keessatti guddate.Yeroo an du'e Kaasaan na dhaala jedhee waan sodaatuuf gidduu isaanii hariiroo gaariin hin turre.Kinfuun bara 1840tti yoo du’u bulchinsi Dambiyaa fi Quwaaraa isaaf osoo hin taane harmee Raas Alii(haadha warraa mootii yohaannis) Iteegeee Manan-Aliimaa Liibaniif kenname. Teewodiroos aangoo dhaalmayaa kana waan dhabeef shiftoomee bosona gale.Boodarra,Iteegee Manan isa to’achuuf jecha humnaan qabdee gara bulchiinsa quwaaraatti fiddee aangoo Dajjaazmachummaan alatti intala Raas Alii Tawaabach itti heerumsiifte.Tewoodiroos garuu yeroo lammataaf bosonatti deebi’uun waraana Iteegee Manan waliin godheen bara 1855 aangoo mootummaa gondaar qabate.Inni hafe immoo seenaadha(the rest is history) akka jedhamu san.Gowwummaan Aliimaa-Iteegee Manan wareegama hanga  lubbuu isii baasise.Isa kana haceen foddaan haa baatu jedhe.Lammata akka hin deebine ergaa jedhu qaba.
 
Sarara itti aanu irratti kan ibsame yoo ilaallu Heebanoo irratti moototi akka Liiban Amadee hogganaa kan turan yoo ta’u gareen sadeen biraas mootummaa xixiqqaa hundeessuun isaanii ni yaadatama.Isaanis:Amadee Liiban (Abbaa Waaxoo), Alii liiban (Abbaa Bulloo) Warqituu fi Amadee Bashiir Liiban turan. Haaluma kanaan Amadee Liiban-Maqdalaa,Giiftii Mastaawat karaa ilmaa ishee Amadee Bashiiriin “korab” kan bulchite yoo ta’u, Giiftiin Warra Heebanoo Warqituun immoo karaa Ilma ishee Amadee Aliitiin Ambaassal bulchaa akka turte Piroofesar Alamaayyoon dabalanii gabaasaniiru.Haceenis isa kana ibsuu barbaade natti fakkaata.
Gadi bu’ees seenaa biraa nutti himuu itti fufa.Hayyuun oromoo tokko akka jedhanitti 'jarri habashootaa seenaa isaanii kitaaba irratti galmeessan,oromoon garuu seenaa isaa lafa isaa irratti galmeeffate' inni jedhu dhugaa ta’uu asirraa hubachuu dandeenya.Desseen dasee taatee waamamuu isii dura magariisummaa fi dirree fardeen Maariyyee Doorii (mootii yajjuu 1828-31 bulche) irra gulufan ta’uu yaadaan duubatti nu deebisa.Dalantaas Amadee Kolaasee fa’a bulchaa turuu eeruun kamisee buunee sirba aadaa “sidaamee” waliin taphanna jechuun goolaba. Haceen sirba kanaan nama iddoo sana beekuu qofaaf osoo hin taane kan hin beekne keessattis fakkii sammuu fi hubannaa seenaa guddaa uumuu danda’eera!!
                        Deesseen Dassee taatee
                        Magariituu dirree
                        Dirree itti wal ariitu
                        Fardeenni Maariyyee
                        Keessa qaxxaamurree
                        Dalantaan darbinaa
                        Kamiseetti buunee
                        Sidaamee sirbinaa (x3)
                        Qabii,qabii,qabiikaa
                        Qabii,qabii,qabiikaa (x2)

mootittii saba'a Queen of sheba

"Mootittii Saba'a""Queen sheba" ----------------------------------------------------------------- ★Miky Sultan Bar...