Translate

Tuesday, May 11, 2021

#ቦለ ቀያ

ቦለ ቀያ
የቦለቀያ ጭስ የመታጠን ጥቅም እና ስርዓቱ  
by( miky sultan &Abdu moh)
ቦለቀያ የኦሮምኛ ቃል ሲሆን #ቦለ ማለት ጉድጓድ #ቀያ ማለት ደግሞ የወይባ እንጨት (ጪሰ) ማለት ነው ። ሲጠቃለል የጪስ ጉድጓድ እንደማለት ነው ። #ቦለ_ቀያ በአማራ ክልል በወሎ ኦሮሞ አስተደዳደር ዞን በተለይ በገጠሩ ማኅበረሰብ ዘንድ እጅግ በጣም የሚወደድ እና የሚዘወተር በቤት ውስጥ የሚዘጋጅ ባህላዊ ጭስ የመታጠን ስርዓት ነው።
እርግጥ ነው ቦለ ቀያ በወሎ ባብዛኛው አከባቢ እንዲሁም በኦሞሚያ ክልል ይጠቀሙታል።  

ባከባቢው ባህል መሰረት የቦለ ቀያን ጭስ ያላገቡ ሴቶች አይታጠኑም ፣ በዋናነት የሚታጠኑት ያገቡ ሴቶች ሲሆኑ አግብተው የሚያውቁም ይጠቀማሉ። አዲስ ያገባች ሙሽራ በጫጉላ /ቁልፎ/ ውስጥ እያለች /ባገባች ማግስት/ ጀምራ ቦለ ቃያ መጠቀም የዘወትር ተግባሯ ነው፡፡ ለዛም ሲባል ባልዪው ለሙሽሪት ከሚያዘጋጃቸው ነገሮች መካከል የቦለቂያ ጉድጓድ እና መለሆ ዋነኞቹ ናቸው ማለት ነው።
በተጨማሪም የሙሸሪት ቤተሰቦች ሊጠይቋት ባገባች በሶስተኛ ቀኗ ሲመጡ ይዘው ከሚመጡት ቁሳቁሶች መካከል አንዱ ወይባ (መለሆ) መሆኑ ደግሞ ማህበረሰቡ ለቦለቀያ የሰጠውን ትኩረት እጅግ ከፍተኛ መሆኑን ያሳያል።   

እንዴት እንደሚከወን ደግሞ በዝርዝር እንመልከት  
መጀመሪያ ለጭስ ማጨሻነት እንዲያገለግል ተደርጎ በጠባቡ ጉድጓድ ይቆፈራል፣ ለእግር ማሳረፊም ከታች ከወለሉ ከፍ ብሎ አግድም በአንድ እንጨት ይሰራል፣ በመጨረሻም የጠባቡን ጉድጓድ ዙሪያ ተከትሎ ከፍ ተደርጎ በጭቃ ዙሪያውን በጭቃ ይመረጋል፣ በመጨረሻም ለመቀመጣ ይሆን ዘንድ ጠርዙ ላይ የእንጨት ርብራብ ተሰርቶና ተስተካክሎ በደንብ ይዘጋጃል ። 

 ለማጨስ የሚጠቀሙት የእንጨት አይነቶች < ቢሬንሳ (መለሆ) አገምሰ፣ እና ምስራች፣ የሚባሉትን ሲሆን በዋናነት ግን "መለሆ" በመባል የሚታወቀውና ቢጫ መልክ ያለውን   የእንጨት አይነት ይመርጡታል ። መለሆም ሆነ ሌላ በአቅራቢያ ያለውን ከላይ ከጠቀስኩት የእንጨት አይነት አንዱን በጣም ሳይቀጥን ይሰነጣጠቃል፡፡ ከዚያም በጠባቡ በተቆፈረው ጉርጓድ ውስጥ በተያያዘው የእሳት ፊም ላይ በማስቀመጥ በደንብ እስኪጫጫስ ይጠበቃል፡፡ 

ለመታጠን የምትፈልገው ሴት ወደ ጭሱ ከመግባቷ በፊት ገላዋን ትታጠብና ሰውነቷን በሙሉ በ "ቀሉ" ቅቤ በደንብ ትለቀለቃለች ። ከዚያም በጭሱ ዙሪያ በተዘጋጀው ማረፊያ (መቀመጫ)ላይ ትቀመጣለች ፣ ጭሱ እንዳይወጣ ተደርጎ በቁርበት /የቆዳ ምንጣፍ/ አሊያም በተለያዩ ልብሶች ማለትም ጋቢ ወይም ብርድ ልብስ በመሳሰሉት ተጀባቡና ለተወሰኑ ሰዓታት ትቆያለች ፡፡ ከታች ወደላይ የሚጨሰው ጭስ ግለቱ ሰውነቷን ሙሉ በሙሉ በላብ እንዲጠመቅ ያደርጋል፣ በደንብ ካላባት በኋላ እንደተጀቧቦነች ንፍስ እንዳያገኛት በጥንቃቄ ትነሳና እንደተጠቀለለች ለተወሰነ ደቂቃ (ላቧ አስኪደርቅ) ጋደም ትላለች (ትተኛለች) ።በዛ ቆይታ መካከል ግን በሕህሉ መሰረት ገንፎ ፣ሙቅ፣ ጨጨብሳ ወይም ሌሎች መሰል ምግቦችን በመመገብ ሰውነቷን ካቀዘቀዘች በኋላ ተነስታ ገላዋን ታጥባ ልብሷን ትለብሳለች፡፡ 

ባከባቢው ባህልመሰረት ቦለቀያ የማተትጠቀም ሴት ራሷን የማትጠብቅ፣ለውበቷና ጠረኗ የማትጨነቅ፣ለባሏ ክብር 
/ግድ/  የሌላት፣ ሰነፍና ዝርክርክ እንደሆነች ተደርጋ ነው የምትታሰበው ፣ ውግዘትም ይገጥማታል ፣ሴት ልጅ ካገባች እጅና እግሮቿን በእንሶስላ ማቅላትና የወይባ ጠረን ሊኖራት የግዴታ ያህል ይጠበቃል። ቦለቅያ መሞቅ ለሴት ልጅ ጥሩ መዓዛዋ እንዲያውድ የፈካ ውበት እንዲኖራት ከማስቻሉም በላይ በርካታ ጥቅሞች እንደሚሰጥም  ያነገራል ። ቆዳን ያጠራል፣ ቡጉር ያጠፍል፣ ፀጉር ያረዝማል፣ የማህፀን በሽታ ይከላከላል፣ የንፍስ በሽታን ያድናል፣ ከወሊድ ቦሃላ የሚፈጠሩ ቁስሎችን በቶሎ ይፈውሳል፣ ሰውነት ያጠነክራል ፣በተለይ በባልና ሚስት መካከል ያለውን መቀራረብ ያሳምራል (ፍቅር) እንዲጨምር እጅግ ይረዳል ። 

ይህ የቦለቅያ መታጠን ስርዓት የወሎ ኦሮሞ አስተዳደር ዞን ከሚታወቅበት የባህል እሴቶቹ መካከል አንዱ ቢሆንም ዛሬ ላይ ከገጠር ወጥቶ በዛው በወሎ የተለያዩ አከባቢዎች እንዲሁም በራያ ፣በኦሮሚያ ክልል ደግሞ በጉጂ፣ አርሲ፣ እና ቦረና ፣ በስፍት አገልግሎት ላይ እየዋለ ይገኛል ።ከተወሰነ ጊዜያት ወዲህ ደግሞ እውቅናው ጨምሮ በትላልቅ ያገራችን ከተሞች ጭምር እየተለመደ መጥቷል፡፡ 

በተለይም በአሁኑ ሰዓት በአዲስ አበባ እና በአንዳንድ የሃገራችን ከተሞች የቦለቅያ መሞቂያ ቤቶች ተከፍተው ለሴቶች የውበት መጠበቂያነት እየዋሉ ሲሆን የገቢም ምንጭም ለመሆን ችሏል ። አስፈላጊው ምርምርና /ጥናት/ ሳይንሳዊ በሆነ መልኩ ተከናውኖ ስለ ጥቅምና ጉዳቱ የተባለ ነገር ባይኖርም ከተጠቃሚዎቹ በተገኘው መረጃ መሰረት ከላይ የዘረዘርኳቸውን ጥቅሞች እንደሚሰጥ  ይታመናል፡፡  አበቃሁ ።።።

ባህላችን ዉበታችን እና የማንነታችን መገለጫ ነው ።
@Oromo_graphya1
@Odaatiktok
http://t.me/Oromo_graphya1

#BOOLLA QAYYAA

     BOOLLA QAYYAA!!  
 Faayiddaa boolla Qayyaatiifi ulannaa isaa, seera isaa.
by (miky sultan)
Boolla qayyaan afaan oromoo yeroo ta,u jechumti isaa Boolla kan jedhuufi Qayya kan jedhu irraa dhufe.Qayya jechuun immoo muka birreensaa ( Aara birreensaa) jechuudha.
Boolli qayyaa naannoo Amaaraa Goodina saba oromoo wallootti irra caalaa naannoo ummata baadiyyaa biratti kan baayyee jaalatamuufi baayyinaan mana keessatti kan dalagamu Aadaa seera Aarfannaati.
Sirriidha boolli qayyaa naannoo wallooti baayinaanif akkasumas naannoo oromiyaattis ittii fayyadamu.
Akka aadaa naannichaatti Aara boolla qayyaatti durbeen hin heerumne hin aarfattu.irra caalatti kan aarfatan durbee heerumtee jirtuudha.akkasumas kan heerumtee beektuudha.misirroon heerumte tokko guyyaa heerumtee  (caagulaa) seentee kaatee aarfachuu eegalti.Saniif jecha jaarsi ishee misirratti wantoota dalaguuf keessa inni tokkoffaan boolla qayyaa uruufiifi wantoota qayyaaf barbaachisan huunda guutufidha.fkn,muka birreensa ykn ijersaa mukeelee urgaayan kkf guutaaf jechuudha.

Dabalataan firri misirattii yeroo gaafachuuf ishee bira dhufan eerga heerumtee guyyaa sadaffaa isheetti yeroo dhufan meeshaalee fuudhanii dhufan keessaa tokko muka qayyaaf ta,u Birreensaa ykn ijersaadha.ummatichi ilaalcha boolla qayyaaf kennee jiru baayyee jabaadha.
Akkamitti akka ittiin fayyadamamu ballinaa haa laalluu.
Jalqaba lafa Aaraaf gargaara jedhame yaadamu lafa uraa dhiphaa urama.miila irra kaayachuuf akka toluuf jecha jidduu uraa kanaa ol mukni dalgee tolchama.dhumiisa irratti uraa dhiphaa kana jala deemuu ol siqee naannoo isaa dhoqqeedhan tolfama( maragama). Dhumiisa irrati teessoof jecha afaan boollaa irratti mukni afamee babbareechamee nagayaan dalagama. 
Aarsuuf mukoolee barbaachisan> Birreensaa,Agamsaa,fi muka misiraach,ijeersaa mukoolee jedhaman yeroo ta,u.  Garuu irra caalaa qayyaaf kan barbaadamu muka birreensaa jedhamu muka gogaan isaa "keelloo" fakkaatudha.Birreensaas ta,e muka aaraaf barbaachisan naannoo san jiran fiduudhaan osoo baayyisanii hin qaqalisin mummurama.San booda boolla uramee tolchame san keessa ibidda cilee buufamee jiru san keessatti  galchuudhan hanga nagayaan Aarri aaru eegama.
Durbeen Aarfachu barbaadde sun qaama ishee nagayaan dhiqachuudhan qaama ishee Qaluu( dhadhaa) dibatti.
Achi booda naanno boolli aarfannaaf qophaaye san galuun irra teessi.Akka aarri sun hin baaneef gogaa kallee( birdlibsii) ykn gaabii uffachuudhan ofitti martee sa,atii  murtaa,eef teessi.gadii ol Aarri aaru sun ho,a waan jiruuf Aarri sun  qaama ishee akka dafqu godha.eega qaamni ishee ho,ee qaamni ishee dafqaan waliin ga,ee booda akkuma gaabii uffate jirtu saniin irraa ka,uudhaan hanga dafqi ishee qorruuf yeroof akka qilleensi ishee hin dhoofne( rukunne) maratteetuma rafti. Akka Aadichaati idduma raftee booqannaa fudhachaa jirtu sanitti hanga dafqi qorruuf dhaangaan(nyaati) akka, marqaa,muuqii,caccabsaa ykn nyaatoota qophaayanii jiran  biraas nyaachuudhaan eega of qabbaaneesiteen booda kaatee qaama ishee dhiqattee qulqullooftee  uffata ishee uffatti.
Akka Aadaa naannichaatti durbi boolla qayyaa hin fayyadamne.
Durbee mataa ishee hin eeganne qulqullinni hin qabne, ta urgii qaama isheetiif hin dhiphanne jaarsa isheetif kabaja kan hin qabne Aadmaleetti godhamtee ilaalamti.Arrabsamuus dandeessi.
Durbi eega heerumtee boolla qayyaa seenuunifi harkaaf miila isaanii hinnaadhaan diimeefachuun dirqama itti ta,a.Boolla qayyaa Aarfachuun akka durbeen tokko qaamni ishee bareeduufi qaamni ishee urgaa,uuf ishee gargaara. Qaama qulqulleessa,Bugurii balleessa,rifeensa dheeressa, dhukkuba mahatsanii irraa nama tiksa.dhukkuba qilleensaa irraa nama fayyisa.dhukkuba da,aan booda dhufan akka saffiisaan fayyan gargaara,Qaamni akka jabaatu gargaara,waa huunda caalaa jaalala jaarsaaf jaartii jidduu jiru jabeessa. 
Sirni boolla qayyaa Aarfannaa kun sirna Aarfanna Aadaa goodina oromoo walloo kesssaa isa tokko ta,us amma irratti garuu  baadiyya bahee naannoo walloo addaa addaatti fkn Raayyaati,naannoo oromiyaatti achi darbee Gujii,Arsii,fi Booranas ballinaan faayidaa irra oolaa jira.yeroo xiqqoon asi beekkamttii argatee magaalee addaa keessatti beekamaa dhufeera.
Yeroo ammaa kanatti  magaalaa finfinneetti fi magaaloota addaa addaatti boolli qayyaa banamanii dubartootaf bareedinnaaf akka oolu ufi galii bussines ta,ee jira.Qorannoon barbaachisaan karaa saayinsiitin qoratamee faayidaaf miidhaa isaa wanti jedhamee jiru jiraachuu baatus  warroota fayyadaman irraa akka argannetti wantooti olitti dhawaman(waamaman)faayidaa akka kennan amanama.
Aadaan keenya bareedinaafi ibsaa enyummaa keenyaati.
@Oromo_graphya1
@Odaatiktok
http://t.me/Oromo_graphya1

Monday, May 10, 2021

#SEENAA GOOTICHA ELEMOO QILXUU

Seenaa Oromoo:
​​🏹SEENAA GOOTICHA OROMOO ELEMOO QILXUU

Kutaa tokkoffa
( 1936-1974 ) Jireenya Ijoollummaa Seenaan ijoollummaa Elemmoo Qilxuu baayyee hin beekkamu. Garuu bara 1956 Elemoon barnoota Islaamaa baratee magaalaa Dirre Dhawaa keessatti daldalaa Arabaa sooressa tokkoof hojjachaa ture.
Daldalaan kunis Elemoo fudhatee gara Eden, Yaman bara 1956tti deeme. Eden akkuma ga’een maqaa isaa gara Elemoo Qilxuutti jijjiirrate. Boodarraa dubartii Oromoo achi jiraattu tookos fuudhe, bizinesii jalqabe. Bizinesiin achitti jalqabe kunis baayyee milkaa’eef. Siyaasa Keessa Seenuu Elemoon waa’ee siyaasa nama dhimma qabu hin turre; garuu bara 1966tti manni isaa bakka itti sabboontonni Oromoo wal gahan ta’e. Kunimmoo qoonsilaa mootummaa Itoophiyaa yaaddessaa deeme.
Elemoonis diinota mootummaa Itoophiyaa qarshiin gargaara jedhamee shakkame. Bara 1967, namni Hararii (Harari businessman) mootummaa Itophiyaatif hojjatu tokko, Eden dhaqee Elemoorraa mi’a liqeeffate. Elemoodhanis yeroo Finfinnee dhufteen sii deebisa jedheen. Akkuma Finfinnee ga’een, Elemoon qabamee gocha shororkeessummaa mootummaa Itoophiyaarratti geggeessun himatame. Mana hidhaa kessattis qorannoo hamaa, reebicha fi miidhaa sammuu (psychological torture) guddaatu isarra ga’e. Kunimmoo Elemoon irra caala akka inni siyaasa keessa seenu godhe.......


Akka itti fufunu warri barbaadan like gochun natti agarsisaa.

​​SEENAA GOOTICHA OROMOO ELEMOO QILXUU

Kutaa 2 ffaa

Kunimmoo Elemoon irra caala akka inni siyaasa keessa seenu godhe. Hiriyoonni Elemoo qarshii walitti qabanii erga malaamaltummaan dura ta’aa nageenyaa namicha tureef qarshii kennanii booda gadi lakkifame.
Yeroon Eleomoon mana hidhaa keessatti dabarse akka inni sabboonaa kutataa ta’u isa godhe. Erga mana hidhaatii baayee booda sochii sabboonumma Oromoo kan akka Waldaa Maccaa fi Tuulamaa keessatti hirmaachu jalqabe. Bara 1968, Elemoon dhoksaadhan gara Moqaadishoo deemee walga’ii sabboonummaa Oromoo irratti hirmaate. Achittis hojiin sabboonummaa Oromoo uummata biyya Arabaatti baballisun isatti kenname. Gara Edenittis deebi’ee dhaabbata hawaasa Oromoo hundeesse. Bulchiinsa magaalaa Edenis amansiisee akka isaan biiroo siyaasaa banuuf isaa eeyyaman godhe. Gargaarsa mootummoota Arabaa fi akkasumaas Dhaabbata Bilisummaa Paalestiin fi Adda Bilisummaa Eertiraa irraa gaafate. Gargaarsa mootummaa Iraaqitiin, leenjii waraanaa ji’a torbaa erga kennee booda addaa riphee lolaa hundeessee. Adda kanas hooggansa hiriyaa isaa Abdulkarim Hajii Ibraahim, irra caala maqaa Jarraa Abbaagaddaa jedhamuun beekkama, bobbaase. Addi kun odoo gara Itoophiyaa seenuf yaaluu mootummaa Somaaliyaatin rukutamee, booji’amee gara mana hidhaa galfame. Kunis ta’u, Elemoon odoo abdii hin kutatin meeshaa waraanaa, gargaarsa Adda Bilisummaa Eertiraatin, dhoksaadhaan karaa gammoojjii Affaar keessan gara Itoophiyaatti glachuu fi kuusuu jalqabe. Bara 1973tti, Elemoon walga’ii sochii qabsoo Oromoo Finfinneetti akka hirmaatu waammame. Walga’iin kunis ummamuu Adda Bilisummaa Oromoo kan xumurame yoo ta’u Elemoonis qabsoo waraana akka jalqabuuf dirqamni itti kenname. itti fufa

Na waliin warri jirtan haarkan natti agaarssisaa👍
@Odaatiktok
@Oromo_graphya1
http://t.me/Oromo_graphya1

#EEBBISAA ADDUUNYAA

EEBBISAA ADDUNYAA

Seenaa qabsoo Oromoo keessatti qooda guddaa kan qabu weellisaa Eebbisaa Addunyaa, Hagayya 30, bara 1996 wareegame. Sirboota qabsoo Ummata Oromoo daranuu jabeessan hedduu gumaacheera Eebbisaan.
Kana malees sirboota aadaa, kan jaalalaa fi geerarsaanis ni beekama jedhu hiriyoonni isaa.
Seenaan Eebbisaa kan hanga ammaatti hin dubbatamneef ga'ee inni Afaan Oromoo guddisuu keessatti gumaacheedha.
Ogummaa gitaaraa, walaloowwan jajjaboo hamilee ummataa cimsanii fi dhuunfaadhaanis qabsoo keessatti nama qooda fudhateedha Eebbisaan.
Qabsoo Oromoo keessatti aarsaa barbaachisu kaffaluuf kutataa akka ture yerosumayyuu argaa turre jedhu aartistoonni Oromoo isa beekan
Eebbisaan eenyu?
Bara 1962 gara dhumaarra dhalatee, umuriinsaa barnootaaf wayita ga'u mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Oliiqaa Dingil seene kan jedhan harmeen Eebbisaa Addunyaa Aadde Sanaayyit Kabbadda Gosaa, Sadarkaa 2ffaa ammoo Qellemitti barate jedhan.
''Maatirikii fudhatee utuu qabxii eeggataa jiruu Fulbaana keessa warri keenyaa ABOn dhufanii jennaan isaanumatti makame.'' jedhan.
Lixa Oromiyaa magaalaa Dambi Doolloo keessatti dhalatee umurii ijoollummaasaa qabsoo Oromootti dabarse kan jedhan Aadde Sannaayit , keessumaa qubee afaan oromoo barsiisuurratti magaalaa Danbi Doollootii haga Asoosaatti demee hojjeteera jedhan.
Boodas gara magaalaa Finfinnee deemee sirboota qabsoo Oromoof hundee ta'an hedduu utuma shaakaluu gara Booranaatti ramadamee ture jedhu.
Booranatti erga ergamasaa ba'ee booda Finfinneetti deebi'ee hiriyootasaa waliin utuu sirboota qabsoo hojjetanii , wayita haalli rakkisaa ture sana keessatti lubbuusaa dhabe, wayita sanallee an duubatti hin jedhu naan jedhaa ture jedhan.
@Odaatiktok
@Oromo_graphya1
http://t.me/Oromo_graphya1graphya1

#SEENAA GOOTICHA EEBBISAA ADDUUNYAA

SEENAA GOOTICHA OROMOO EEBBISAA ADDUNYAA.

Seenaa qabsoo Oromoo keessatti qooda guddaa kan qabu weellisaa Eebbisaa Addunyaa, Hagayya 30, bara 1996 wareegame. Sirboota qabsoo Ummata Oromoo daranuu jabeessan hedduu gumaacheera Eebbisaan.
{{Artistii‎| | Maqaa = Eebbisaa Addunyaa | Maqaa dhalootaa = Mucee Addunyaa | File = | Guyyaa dhalootaa = | Bakka dhalootaa = Dambi Doolloo | Guyyaa du'aa = Hagayya 30, 1996 | Bakka du'aa = Finfinnee | Ogummaa = Weellisaa, walalee

ABOtti Makamuusaa

Bara 1991, odoo Eebbisaan ramaddii yuunivarsiitii eeggachaa jiruu, humnoonni ABO, ABUT(TPLF), fi ADWUI(EPLF) mootummaa Dargii kuffisan. Magaalaa Eebbisaan keessa jiraatu Dambii Doolloo keessatti, ABOn buufata waraana guddaa dhaabe. Yeroo sana, Eebbisaan haalli jireenya ummata Oromoo garbrummaa ta'uusaa waan hubateef akkasumas barbaachisummaa Oromoon hireesaa ofiif murteeffachuuf qabu waan itti amaneef, kanaaf qabsaawuuf jecha dhaqee ABOtti makame. Eebbisaan jalqaaba akka daballeetti kan leenji'e yoo ta'u dandeettii addaa waan agarsiiseef, buufata ABO kan Dambi Doolloo keessatti leenjisaa dabballootaa ta'ee muudame. Dandeettii waraanaa qofa odoo hin taane, Eebbisaan dandeettii sirbaas ni qaba ture; kennaa sagalee isa qabu bukkeetti meeshaalee muuziqaa baayyees ni taphata. Sababa kanaaf, Eebbisaan hawwisoo ABOtti makamee aadaa, wallee, fi eenyummaa Oromoo mullisuurratti ga'ee guddaa taphate.
Bara 1991 fi 1992 guutummaassa, Eebbisaan Oromiyaa keessa naannoo adda addaa (kibba, kibba lixaa, giddu galeessa, dhiha) deemee weellisaa ture; sirboonni isaa sirba aadaa yoo ta'an ergaan isaanii garuu kan warraaqsa (revolution) kakaasan turani. Eebbisaan, sirboota isaatin hacuuccaa ummata Oromoorra ga'u ifatti baasee kan ibsu yoo ta'u karaa ittiin Oromoon mirga isaa gaafatuu fi falmatus ni ibsa.
Akka nama dhuunfaatti, Eebbisaan nama gara laafessa ture; ummata Oromoo garaa guutudhaan jaalata ture, baayyee dimmaafis ture. Eebbisaan namoota gargaaruu fi dhimmuufiif nama duubatti hin jenne ture; obboloota isaa, firootasaa, ollaasaa, namoota gargaarsa barbaadan kamiyyuu ni gargaara ture. Eebbisaan artisitii baayyee jaalatamaa, dinqisiifamaa, fi saboonaa dha. Eebbisaan jalqabaa qabee gootummaadhaan beekkama. Erga ABOn biyyaa ba'ee geggeessitoonni isaa biyyaa baqataanii ABO dhoksaadhaan socho'uu jalqabee boodalle, Eebbisa sirba isaatin hammenya mootummaan Itoophiyaa ummatarraan ga'u ibsuu hin dhiifne. Eebbisaan baayyee ija jabeessa, kan hin sodaanne fi ifatti hojii shororkeessummaa mootummaan Itoophiyaa ummata Oromoorraan ga'u balaaleffachuurraa duubatti jedhee hin beeku. Deeggarsa WBOtif qabus amma dhumaatti ittuma fufe.
Sababa Eebbisaan ija jabeessa ta'eefi ifaan ifatti ajjeechaa fi sarbama mirgaa mootummaan Itoophiyaa raawwatu balaaleffatuuf, ofuma isaayyuu ilaalcha mootummaa keessa akka galu godhe. Akka Oromia Support Group Press Release No 17 jedhutti, nama umurii 26 kan ta'e hiriyaan Eebbisaa mootummaan akka isaan hordofaa fi too'achaa(surveillance) akka jiru bare; Eebbisa iddoowwan waltajii adda addaatti konkolaatadhaan kan geessu isa ture. Gaafa Hagayya 30, 1996 Eebbisaa Addnuyaa ergamtuu mootummaa Itoophiyaatin manasaa keessatti Finfinneetti ajjeefame.
@Odaatiktok
@Oromo_graphya1
https://t.me/Oromo_graphya1

#SEENAA JENERAL TAADDASAA BIRRUU

​​​​SEENAA GOOTICHA OROMO GENERAAL TAADDASA BIRRUU 

Kutaa 1ffaa
Gootichi beekamaan ilma Oromoo onneen isaa waa’ee saba isaaf dhiigdu kun kan dhalatee guddate Godina shawaa kaabaa nannoo salalee aanaa Hidhaabuu Abootee iddoo addaa Siree Morose jedhamutti dhalatee akka guddate seenaan tarree gootota Oromoo keessatti barreefame hedduun ragaa baha. J/Taddasaa Birruu akkuma ijoollee naannoo isaa biro ijoollumaan loon tiksaarra darbee umriin isaa yoo barnootaaf gahu mana barumsaa amantaa ortodoksiitti afaan gi’izitiin barumsa amantaa hodofuudhaan afaan gi’iizii bareessuu fi dubbisuun kan yeroo itti hin fudhanne ture. Haa ta’u malee daa’imni kun abbaan isaa quuqama sabaa waan qabuuf yeroo lola Xaaliyaani irratti duulee dirree waranaa irratti wareegamee ture. yeroo kana duuti abbaa isaa baay’ee isa gaddisiisee osoo jiruu Haati isaas rifaatuu abbaa manaa isherraan kan ka’e abbaan manaa ishee du’ee guyyaa saddetammaanitti(80) lubbuun isheellee darbuu danda’eera. Qormaanni jireenya walirratti leenca kana qunnamte akka inni barnoota isaa addaan kutuuf itti lallabde.

Kana booda dargaggeessi jaalala maatiisaa dhandhamee hin quufne kun karaa abbaa isaa qabachuun Xaaliyaani irratti duuluuf bosona akka gale dirree seenaa gootota oromoo keessatti barreefameera. Yeroo kanatti Essumni(obboleessi haadha isaa) Baraanbaraas Beekaa jedhamu waliin kutachuudhaan loltoota mataa ofii ummatanii biyya isanii faashistoota irraa buusuuf gara hallayyaa Calanqootti kutaan.

Xaaliyaanoonni meeshaa waranaa Ammayaa fi loltoota saanyinsii quufaan qabattee waan hirirteef falmiin ture caalmaa warra xaliiyaaniif dhundhumtee,waraana sa’aa 24 taasifameen J/Taddasaanfaa naannoo hoolqa Fincii jedhamtee waammamtuutti marfamanii harka laataan.sana boodaas akka qabamanii Hidhamtoota baay’ee waliin Gara Moqaadishootti ergamanii achitti J/Taddasaa Birruu hidhaan umrii guutuu akka itti murteefamu taasifamee ture.Egaa umrii sanatti dararamuun faashistootaani abdii kan kutachiise osoo hin taane,caalatti jabina kenneefi seenaa Ummanni oromoo har’a akka warqeef meetiitti laalu kana dalaguu danda’eera....itti fufa
@Odaatiktok
@Oromo_graphya1
http://t.me/Oromo_graphya1

#EEBBA OROMOOTA MACCAA

Eebba Oromoo Maccaa 

Hayyee! Hayyee! Hayyee!
waaqa uumaa waaqa uumamaa
Gurraacha Garaan Garbaa
Tokkicha maqaa dhibbaa
leemmoo garaa taliilaa
waaqa saglan booranaa torban baarentummaa
waaqa ciicoo gurraattii
waaqa bokkuu gurraachaa
waaqa shanan gadaa oromoo
waaqa shanan odaa oromoo
-------------------
kan nagaan nu bulchite nagaan nu oolchi!
irraa gora nu oolchi!
dogoggora nu oolchi!
Citiin sadii, citii sadan nu oolchi!
kan roobee tortorsu nu oolchi!
kan caamee goggogsu nu oolchi!
walii galtee nuuf kenni!
waliif galii nuu toli!
sonii nuuf roobi!
waan rooba keessa jibban nu baasi!
waan caama keessa jibban nu baasi!

* Eegaa barri quufaa
Gadaan gabbinaa,Gabbisi waaq!! leeel! leel!

Eebba oromoo maccaati!
@Odaatiktok
@Oromo_graphya1
https://t.me/Oromo_graphya1

#EEBBA GUJII

Eebba Gujii
Ee…… Ati Waaqi Ardaa
Waaqi Abbaa
Ka Me’ee Bokkoo
Ka Dibbee Dhugoo
Ka Garba Aannoo
Waaqi Gujii Gurraachaa ati nuu dhageyi
Dhageettu nuu Owwaadhu
Ta olii oliitti nu hanqisi
Ta gadii gaditti nu hanqisi
Ta dallaa lamaanii achumatti nu hanqisi
Barri nageya
Bariin nageya
Jaarsi nageya
Jaartiin negeya
Ilmi nageya
Intalti nageya
Ka fuudhu nageya
Ta heerumtu nageyaa
Uchumti nageya
Bobbaan nageya
Tissaa uleen nageyaa
Elemaa gaadin nageya
Ardaan yaa’aa nageya
Me’een Bokkoo nageya
Duddaa daawwaan nageya
Sabbaa Oddoon nageya
Gooroon Doolaa nageya
Gooroon Oromoo teennaa martinuu nageya
Handhurri Oromiyaa Finfinneen nageya.
@Odaatiktok
@Oromo_graphya1
http://t.me/Oromo_graphya1

#EEBBA OROMOOTA TUULAMAA

Eebba Tuulamaa == Hayyee,Hayyee! Hayyee, Hayyee!

Waaqa uumaa Waaqa uumamaa

Waaqa Burqaa Haroo Walaabuu

Waaqa sagaltama garbaa

Waaqa salgan Booranaa

Waaqa torban Baarentummaa

Waaqa Bokkuu Gurraachaa

Waaqa Ciicoo Gurraattii

Waaqa Caffee Tumaa

Waaqa shanan Gadaa Oromoo

Nagayaan nu olchitee nagayaan nu bulchi

Nagayaan nu bulchitee nagayaan nu olchii

Kan faantii lafaan lolte

kan sammuun Waqaan lolte nurraa qabi

Irraa-gora nu oolchi

Dogoggora nu oolchi,

Hamaa nurraa qabi

Tolaa nutti qabi,

Xiqqaa nuu guddisi

Guddaa nu muldhisii/bulchi

Waan qabnuun nu bulchi

Rooba nagayaa roobi

Baraa nagayaan nu basii

Gadaan roobaa nagayaa

Barri quufaa gabbina
@Odaatiktok
@Oromo_graphya1
http://t.me/Oromo_graphya1

#EEBBA KAARRAYYUU

Eebba Karrayyuu...

Miinya tahi!………………………..........ziz
Foduu tahi!………………………..........ziz
Alalaasi!…………………………….......ziz
Alaa gali!………………………….........ziz
Oli reebi!……………………………......ziz
Maatii raaphu!…………...………….....ziz
Gadi reebi!…………………………..…ziz
Karra raaphu!……………………….…ziz
Adaboon gooba!.………………….......ziz
Goobni geerarsa!……………………...ziz
Hurrubni Mirga!………..………….......ziz
Dirreen Dannaba!……...……………..ziz
Simoo ta’i! ………………………….....ziz
Sin simin!……………………………....ziz
Dandoo ta'i! ……………………..........ziz
Sin danda'in! ……….………………....ziz
Doobbii ta'i! …………………...……....ziz
Diina gubi !………………………….....ziz
Guchii ta'i !……………………….........ziz
Baalaan booni !….…….……………...ziz
Citaa ta'i! …………………………......ziz
Gurmuu baasi! ……………………….ziz
Daddaraari! ……………..……………ziz
Dilboo ta'i! ………..…………………..ziz
Babbaroodi .………………………….ziz
Cibraa dhoosi ……..…………………ziz
Gaara ta'i! ...................………………ziz
Itti jigi!……....................
……………...ziz
Haladdaq ta'i.……..……………..……ziz
Bal'adhu!…………..…………………..ziz
Fantaallee ta'i!..……………………….ziz
Mul’adhu!......................
………….......ziz
Qabadhu!......................................
.....qabadhu!
@Odaatiktok
@Oromo_graphya1
http://t.me/Oromo_graphya1

#Jechoota Hayyoota Oromoo Nama Meeqatu Beeka?

Jechoota Hayyoota Oromoo Kana Nu meeqaatu Beeka Laata?
***
~. Duuti koo du’a gootaati, dhiigni kiyya dhiiga tasa dhangalae miti. Dhiiga saba kiyya bilisoomsuuf dhangalae.(K/Maammoo Muzammir)
~. Dubbiin keenya bofa eegeen citte ta'e, yoo harkisan ni cita, gadi dhiisan itti lixa..(Hayilamaariyam Gammadaa)
~. Ofumaa Dhamaatu malee Ana rasaasni na hin danda’u(Agarii Tulluu)
~. Gabrummaarra duuti bilisummaadha..(Elemoo Qilxuu)
~. Gabrummaa dandeenyu hiddaan buqqifna, dadhabnu ilmaan itti guddifna(G/Waaqoo Guutuu)
~. Gabrummaa irra du'a woyya, kanaaf fincillee daggalatti galle(Usmaayyoo Muusaa)
~Qawwee qofa kan bilisa nu baasu (Ilfinesh Qannoo)
~Kan keessa beekuuf lolli tapha.(Abbishee Garbaa)
~. Jayni malkaa, Qaroon Malkaa, Dureessi Malkaa(Jaatanii Alii)
~. Jeedala ta’ee waggaa dhibba jiraachurra, leenca ta`ee aadee du’uu naaf woyya(Huseen Bunee)
~. Namni seenaa isaa hin beekne bishaan gabatee irraati, gara argetti jallata(Eebbisaa Adunyaa)
~. Lubbuu gaafa dhalatte duute, du’a sodaa haqarraa hin dabin(H/Adam Saaddoo)
~. Ummatni Oromoo barachuu qaba, lammiin barate immoo mirga isaa gaafata (G/Taaddasaa Birruu)
~yoom ille Itoophiyummaa dura Oromummaa koo dursa Iam Oromo first) ...(Jawar Mohammed,
~Ummata Oromoo Kan Moo'u Jaalala Qofa.
(Pr. Lammaa Magarsaa )
~Ummannii waan nyaatu dhabe, mootummaa isaa nyaata.
Dr. Maraaraa Guddinaa)
~ Hidhaan Oromoof harayaa miti, furmaataas miti.
(Baqqalaa Garbaa)
~ “Osoo laftii Itiiyoophiyaa gadii fageenyaan qootame lafee ummata Oromootu bahaa” (Artiist Haacaaluu Hundeessaa).
@Odaatiktok
@Oromo_graphya1
Seenaa Oromoo
https://t.me/Oromo_graphya1

#HORA FINFINNEE

​​IRREECHA HORA FINFINNEE 

"Hora Finfinneerraa kaasee hanga Aqaaqi gahutti lafa horaati. Lafa horaa waan ta'ef ni ulfeessu. Oromoon irratti irreeffata" jedhu qorataan seenaa fi aadaa Obbo Alamaayyoo Haayilee.
Hora jahaan Oromoo Tuulamaa keessaa Horri Finfinnee hora isa hangafaati.
Abbaan malkaa hora kanaa gosa Gullallee akka ta'e kan himan Obbo Alamaayyoon iddoon horaa kun gosoota Tuulamaa adda addaan kan marfame ta'uu himu.
"Abbaan malkaa yookin kan daggala lafa kanaa saaqee aara kan aarse Gullallee dha. Naannoonsaa immoo Galaan, Gumbichu fi Eekkaadhaan marfame" jedhan.
Kan iddoo hora kanatti irreeffachaa turanis gosoota Oromoo kunneen ta'uu nutti himan. Yeroo keessa Oromoon iddichaa buqqa'uu erga eegalee fi qe'ee isaatii erga fagaatee booda aadaasaas gatee diinagdeensaas irraa fudhatame jedhan.
"Hanguma magaalummaan Finfinnee dabalaa dhufe Afaan Oromoo baadiyyaatti dhiibame, aadaansaas baadiyyaatti dhiibame" jechuun himu qorataan aadaaf seenaa Obbo Alamaayyoo Haayilee.
Hora Hangafaa…
"Horri hangaftittiin Horri Finfinnee ardaa warri qaalluu irratti irreeffatu ture" jedhu Obbo Alamaayyoon.
Itti aansunis horawwan akka Harsadii, Kiloolee, Baabboggaayyaa fi Warxoo akkasumas tulluuwwan irratti irreeffatamaa turuu nutti himan. Lafti hora Finfinnee inni qara itti irreeffatamu yeroo ammaa hoomtuu irratti osoo hin ijaaramin jira. Iddoon kun lafa bishaan hoo'aa lafa keessaa itti burqu yemmuu ta'u lafa caffaa dha.
Teessumni lafichaa gama bahaatin hoteela Finfinnee fi masara preezidaantii biyyattiin gama Lixaatin immoo waajjira mana amantaa adveentistin akkasumas gama kibbaatin hoteela Giyoonin daangeffamee akka jiru Obbo Alamaayyoon himu.
Horri Finfinnee iddoowwan Daalattii, Dabbasoo, Hulluuqqoo Kormaa fi kunneen birootin marfamti. Daalattiin iddoo mootin Minilik masara isaanii itti ijaarratan yemmuu ta'u araddaa warra Duulaa Ara'eeti. Maatin kun asii buqqa'ee kun gara Saaris kuun immoo gara Ejeree fi Hoolataatti akka qubatan taasifamu qorataan seenaa fi aadaa Obbo Alamaayyoo himu. Dabbasoon iddoo giddugalli aadaa Oromoo irratti ijaarrame yemmuu ta'u araddaa warra Masqaloo Guyyaateti. Hulluuqqoon Kormaa immoo iddoo yeroo ammaa addabaabayii Masqalaa jedhamuun beekkamu dha.
Oromoo aadaasaatu sarbame…
 Lafasaarraa buqqaa'uun uummata Oromoo uummaticha kallattii garaagaraan akka miidhe kan dubbatan Obbo Alamaayyoon dhiibbaan xiinsammuu addaan cituun Irreecha Hora Finfinnee fides olaanaa ta'u himu.
"Uummatichi gama diinagdeen lafa isaarraa buqa'ee loon horsiifachuu dadhabe. Lafa isaa qotee omishatee jiraachuu dadhabe. Ummanni heddus ni dhume" jedhu.
"Kana malees uummatni Oromoo afaansaa akka hin dubbanne taasifame. Mirgis aadaan isaas ni sarbame" jechuun dubbatan.
"Afaan dhabuun, diinagdee dhabuun waa hunda dhabuu jechuu dha. Akka namaatti jiraachuu hin dandeenye namaa gadi jiraatte" jechuun seenaa hadhaawaa yaadatu Obbo Alamaayyoon.
Wabii walin jireenyaa…
Aadaa Oromoo keessatti Irreechi walin jireenya, jaalala fi galateeffachuu ta'uu himu Obbo Alamaayyoon.
Haaluma kanaan "kabajamuun Irreecha Hora Finfinnee waliin jireenya uummata magaala Finfinneef wabii guddaadha" jedhan.
Kana malees hawwataalee tuurizimii magaalattii keessaa tokko ta'uunis faayidaa argamsiisuu akka danda'u himu.
Irreechi kun uummatni Oromoo aadaasaa miidhamee ture waltajjii addunyaatti baasuf carraa isa tokko ta'uu isaas himan.
@Odaatiktok
@Oromo_graphya1
Seenaa Oromoo
https://t.me/Oromo_graphya1
👇👇👇👇👇👇👇👇

#SHEK BAKRII SAPHALOO

░K░U░T░A░A░ ░1░F░F░A░A░
                  𝐒𝐡𝐞𝐞𝐤 𝐁𝐚𝐤𝐫𝐢𝐢 𝐒𝐚𝐩𝐡𝐚𝐚𝐥𝐥𝐨𝐨

Sheek Bakrii Saphaalloo (maqaa dhalootaa: Abubakar Garad Usmaan; Sadaasa 1895 - 5 Ebla 1980) hayyuu Oromoo fi walaleessa (poet) fi barsiisaa amantiiti. Hunda caala kan inni ittiin beekamu qubee Afaan Oromoo ittiin barreeffamu uumuu isaatini.

                       Jireenya Isaa 

Sheek Bakrii Saphaalloo ilma Garad Usmaan Odaati; Garad Usmaan Odaa naannoo laga Saphaallootii lafa qaba ture. Lafti isaanii kun yeroo Minilik Harar qabatu bulchiinsa sana keessa oole. Abubakar kan dhalate erga Harar Minilikiin booji'amte waggaa 8 booda yoo ta'u erga abbaansaa amantii Islaamaa fudhatee waggaa 16 booda ture. Abubakar obboleeyyan dhiiraa sadi'ii fi obboleeyyan durbaa afur qaba. Garad Usmaan musliima bayeessa fi dandeettii Afaan Oromoo kan qabu yoo ture barnoota garuu hin qabu; kanaaf dubbisuu fi barreessuu hin danda'u. R. J. Hayiwaardi fi Mahaammad Hasan akka tilmaamanitti, ati isaa Kadijjaan Musliima ta'uu akka hin hafne dubbatu. Erga barumsa sadarkaa tokkoffaa fixee booda, Abubakar gara Carcar deemee barsiisaa amantii Islaamaa Sheeh Umar Aliyyii Balballeetti jalatti barate. Itti aansee Harar deemun waggaa baayyeef Sheek Yusuf Adam jalatti barate. Barsiisota amantii Islaamaa kan biroo jalattillee kan barate yoo ta'u seenaa isaanii (biography) kan inni barreessee kanuma isaan kana qofaati.

Sheek Bakrii Saphaalloo ilma Garad Usmaan Odaati; Garad Usmaan Odaa naannoo laga Saphaallootii lafa qaba ture. Lafti isaanii kun yeroo Minilik Harar qabatu bulchiinsa sana keessa oole. Abubakar kan dhalate erga Harar Minilikiin booji'amte waggaa 8 booda yoo ta'u erga abbaansaa amantii Islaamaa fudhatee waggaa 16 booda ture. Abubakar obboleeyyan dhiiraa sadi'ii fi obboleeyyan durbaa afur qaba. Garad Usmaan musliima bayeessa fi dandeettii Afaan Oromoo kan qabu yoo ture barnoota garuu hin qabu; kanaaf dubbisuu fi barreessuu hin danda'u. R. J. Haywar fi Mahaammad Hasan akka tilmaamanitti, ati Sheek Bakrii Kadijjaan Musliima ta'uu akka hin hafne maqaa ishiirraa ka'uun tilmaamu. Erga barumsa sadarkaa tokkoffaa fixee booda, Abubakar gara Carcar deemee barsiisaa amantii Islaamaa Sheeh Umar Aliyyii Balballeetti jalatti barate. Itti aansee Harar deemun waggaa baayyeef Sheek Yusuf Adam jalatti barate. Barsiisota amantii Islaamaa kan biroo jalattillee kan barate yoo ta'u seenaa isaanii (biography) kan inni barreessee kanuma isaan kana qofaati.
@Odaatiktok
@Oromo_graphya1
https://t.me/Oromo_graphya1

#Nadhii Gammadaa

Seenaa Oromoo:
NADHII GAMMADAA
Kutaa 1ffaa 

Qabsaawaa Oromoo
Nadhii Gammadaa (1955-) qabsaawaa mirga Oromoofi miseensa ABO ture. Nadhii Gammadaa bara 1993 keessa bakka buuteen isaa kan dhabame yoo ta’u du’uu ykn mana hidhaa jiraatuun isaa haga yoonatti hinmirkaneeffamne.
Seenaa Duuba
Nadhiin naannoo Oromiyaa aanaa
Zuwaay Dugdaatti Maqaan dhalootaa isaa Qaasim H/Usmaan Roobaa jedhama. Maqaan ittiin waamamu maqaa qabsoo Nadhii Gammadaa jedhamuun beekkama. Nadhiin bara 1955 Kutaa Arsii Aanaa Zuway Dugdaa keessatti, Abbaa isaa H/Usmaan Roobaafi Haadha isaa Aadde Amiinaa Borsee irraa dhalate. Maqaan Nadhii jedhu kun maqaa abbaa isaa kan H/Usmaan Roobaa ture. Abbaan isaa amantaa Islaamaa erga baratee booda, maqaa isaa gara H/Usmaanitti jijjiirrate. Nadhiin maqaa abbaa isaa kana fudhatee Nadhii Gammadaa jedhamee waammamuu jalqabe. Nadhiin obboloota dhiiraa saddeetiifi obboloota durbaa afur qaba.
Nadhiin mana barnoota sadarkaa 1ffaa irraa kaasee hanga yuunivarsiitiitti barumsaan cimaa ture. Nadhiin qormaata biyyoolessaa darbee
Yuunivarsiitii Finfinnee gale.
Yuunivarsiitii Finfinneetti barnootaa faarmaasii baratee waggaa tokko akkuma fixeen barnoota addaan kutee qabsoo bilisummaa Oromoo geggeessuuf bara 1978 ABOtti makame.
ABOtti makamee yeroo gabaabaa keessatti miseensa koree giddugaleessa ta’e.
Nadhiin bara 1993 wal ga’ii ABO irratti hirmaachuuf Waardiyoota isaa ja’a (6) wajjiin osoo gara iddoo Bookee 27 jedhamuutti deemuuu, bakka Asakoo jedhamu tan daangaa Arsiifi Harargee jidduutti argamtutti butamee, achi buuteen isaa dhabame. Nadhiin goota sammuu qaroo, kan yoo dubbatu haasawa isaa jechoota akka rasaasaatti onnee nama kutu, kan sagalee onnattummaafi kutannoon dubbatu saniin hedduu beekama. Akka namoonni tokko tokko jedhanitti Nadhii Gammadaa Maqaleetti dararaan mana hidhaatti irra gahaa jira yoo jedhan kaanimmoo Nadhiin lubbuun hin jiru jedhu. kunis ragaa qabatamaan kan deggerame miti.
Walumaa galatti Nadhiin seenaa Oromoo keessatti nama seenaan isaa barabaraan yaadatamu eessa akka jiru du’ee jiraafi lubbuun jiraan isaa kan hinbeekamne nama seenaa guddaa qabuudha. Nadhii Gammadaa as-buuteen dhabame haajedhamu malee, barbaacha isaaf xiyyeeffaannoon gama mootummaatiin wanti hojjatame hinjiru. Namnii namaaf falmuuu haa barbaadamu ilaalun gaariidha.
Akkuma sagalee haasawa isaa Nadhiin goota murannoofi kutannoo dhugaa kan qabuudha. Jechoota muraasa gatii qabdu, kan haasawa isaa humna qabeessaa keessaa;
1. “Biyya keenya jaalannu nama wajjiin qoodanna, feenu immoo akka barbaadnetti bulfachuun mirga keenya.!”
2. “Osoo halagaan biyya keenyarratti nu bulchuuf lafa dhiituu, kan hidhatee muratee dhaadatu, nuti ammoo mirga keenya kabachiisuudhaaf wanti murachuu nu hanqisu hin jiru.!”
3. “Hiree Ummata Oromoo kan murteessu, Ummata Oromooti malee, anatu sii beeka, karaa kana deemtu malee, kan nuun jedhuufi kan afaan qawweetiin nu doorsisu jiraatu, Ummanni keenya fudhachuuf qophii miti.!”
4. “Seenaa Abaaboota keenyaa kan Aanooleetti dhumanii san jiraachisuun, biyya keenya Oromiyaa harka Oromootti, Oromiyaa harka ilmaan haqaa kan Oromoo Ummata Oromootiif dhaabbataniitti galchuu qofaani.!”
5. “Hundi keenyayyuu; Ummanni Oromoo bakkayyuu, harka wal qabannee, waliin dhaabbannee, waan warri Aanoolee itti wareegamaniif san gatii itti godhuudhaaf fuuldura haa tarkaanfannuu.”
6. “Oromoon tokko. Amantiin addan bahu. Oromoon gosaan addan bahu. Lagaan addan bahu. Gaaraan addan bahu. Kan Oromoo adda qooduuf tattaafatu haa badu.”
7. “Biyya Oromoo irratti abbaan biyyaa Oromoodha. Biyya Oromoorratti Oromoo malee, namni biraa murteessuu hin danda'u. Kan warra biraa nurratti murteessisuu dhidhiibu haa badu.!” fi kan biroo jechoota hedduu Ummata Oromoo hundaaf dhaamee jira.”...itti fufa 
Seenaa Oromoo
https://t.me/Jecha_Haayyotaa

👆👆👆👆👆👆👆
NADHII!!!

Saba kee Bilisoomsuuf,
Yommuu ati yaaddu.
Gootummaadhaaf,
Onneen tee hin gaaddu.
Tolchitee dubbattaa,
Boonaaf of hin dhaaddu.
---
Walabummaa goonfachuuf,
Qabsootti cimtaa.!
Eessa jirta Nadhii,
Bakka jirtu nutti himtaa?.
Saba keetiif baatee,
Karatti maaliif timtaa?.
---
Cingala dabdemoo,
Waraabessatu sinyaate?.
Beekaati riphxemoo,
Biyya keessaa baate?.
Waa'een kee maaliif dide,
Nadhii atta taate?.
---
Ati hin duutu Nadhii,
Ni jirta siif waadaa.
Oromoon Booyee,
Garaatti qaata aadaa.
Dubbadhu mee Nadhii,
Si arguu barbaadaa?.
---
Bareedaa Oromoo,
Hayyuu hoonga hin qabne.
Iyyaafannoon si soqnee,
Akkamitti si dhabne?.
Nu Oromoon mara dunnine,
Hamileedha cabne.
---
Dubbataa beekamaa,
Qillisaa Sagalee.
Nama hunda hawwata,
Midhaga kiloolee.
Yoomuma as baatee,
Nuun jetta kunooree?.
---
Iyyaankee maafin argamne,
Maaltu nurraa sifooye. Jiraattu nutti himadhumee,
Eenyutu adda sidooye?.
Ati maaliif nu miliiyxe?
Barana Risaa bokkaa mooye.
--- Maaliif nuufin qoorsine,
Imimmaan firootaa. Gadaannisa seenaati,
Ati Utubaa dhalootaa.
Mul'adhu as bahii,
Sabni kankee si iyyaafataa.
********
@Odaatiktok
@Oromo_graphya1
Seenaa Oromoo
https://t.me/Oromo_graphya1

#Gooticha Jaagamaa Badhaanee

JAAGAMAA BADHAANEE

Qabsaawaan ni kufaa qabsoon itti fufa! Kan kaayyoof kufe lama dhalatee takka du’e, kana ofumaa du’e takkaa dhalatee lama du’e.Qabsoo bilisummaaf deemsifamaa ture keessatti goototi Oromoo qaqqalii ta’an itti wareegamaniiru. Wareegama isaanii kanatu har’a akka nuyi Oromummaa keenyaa beeknee sanaafis falmannu nu godhe. Haata’uu malee, wareegama haga har’aa kaffalameen qabsoon Oromoo galii isaa hin geenye. Garuu qabsoon keenyi guyyumaa guyyaan fuladuratti tarkaanfataa jira.
Goototii barattooti Oromoos qabsoo hangafooti qabsaawoti keenyi warri akka Jeneraal Taaddasaa Birruu, Baroo Tumsaa, Elemoo Qilxuu, Magarsaa Barii, Gadaa Gammadaa, Abbomaa Mitikkuu fi kkf itti wareegamanii aakka bakkan geenyuuf imaana nutti kennatanii dabran bakkan gayuuf qabsoo hadhawaa gochaa turuun isaanii ni beekama.
Keessatti baroota 2000 as wareegamni goototi baratoota Oromoo seenaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti bakka guddaa qaba.
Wareegamtooti kanneen akka Geetuu Dirribaa/ Ambotti/ Diribee Jifaar /Dambidoollootti/ bara 2000 keessa kaffalan baratoota Oromoo bakka adda addaa tti fakeenyaa gootummaa ta’ee akka isaan qabsoo isaanii finiinsan isaan taasiseera. Maqaleett ajjeefamuun barataa Simee Tarrafaa ammoo baratoota Oromoo caalatti tokko ta’anii diina ija baasaa Oromoo lafa irraa dhabamsiisuuf itti jiru kana falmachuun waan furmaata hin qabne ta’uu isaa hubachiseera. Egaa akka kanaani qabsoon Bilisummaa baratoota Oromoo golee arfan Oromiyaa keessatti kan fininee itti fufee har’a as gaye.
Egaa fincilli diddaa gabrummaa amma itti jirus itti fufaa qabsoo goototaa qabsaawota keenya bilisummaa Oromoof gucaa ta’anii darbaniiti. Akka kanaan baratooti Oromoo fi hawaasi Oromoo bakka adda addaatti wareega qaqqalii kaffalaa jira. Isaan kana keessa gaafa roobii/ 9/11/05/ kan wareegamee Gootichaa Jaagamaa Badhaanee waa jetna.
Jaagamaa Badhaanee barataa Oromoo goota, gara kuteessa fi gamna barattoota kanneen kaniif fakkeenya garii fi dura bu’aa ture.
Sochii barattoota bara 2000 jalqabamee irraa kaasee adda durumaan kan baratoota qindeessaa turee fi kan sabboonummaa Oromoo barattoota keessatti dagagsaa turee dha. Gaafa sadarkaa tokkoffa/ kutaa 7ffaa/ baratuu illee maadhee dhoksaa barattootatti ijaaramee kan qindeessa ture ta’uun isaa hiriyooti isaa oso hirqinfatani dubbatu.
Jaagamaan beekaa kan dubbatee nama hin mufachiisnee fi kan namoota hedduuf fakkeenya ta’ee dha. Kana irraa ka’uun baratooti Oromoo naannoo Amboo akka “motora’ sochii isaanitti isa ilaalu. Wayyaneenis kanumaa irraa ka’uun akka inni mana barumsaa irraa wagga sadiif /2002-2005/ariyatamu goote. Haata’uu garuu Jaagamaatiin kun haamilee isa hin tuqne. Bakka jiru hundumaatti waa’ee gabrummaa Oromoo dubbatee hiriyoota isaa qabsoof kakasuu irraa duubaa hin deebine. Yeroo kana mana suuraa Tsiyoon jedhamu Amboo keessa waggota sadan kana yeroo hojjetaa tures sabbonota Oromoo mamiltooti isaa dinqisifanna fi jaalala guddaa horateera.
Egaa Wayyaneenis kana hundumaa waan beektuuf dursitee baratoota keessa isa baaftee kan isheen osoo baratooti dhaadhannoo isaanii illee dhageessisuu hin jalqabiin kan isheen rasaasa itti roobsite. Ummati fi baratooti Amboos Awwaalcha goota Oromoo kana irratti hedduminaan argamuun kabaja guddaa fi gootummaa isaa faarfachaa kan isaa awwaalan. Sana qofaas osoo hintaane ergaa awwaalchaa isaa irraa deebi’anii alabaa ABO qabatanii halkan guutuu goototaa Oromoo wareegaman fi Jaagamaa farsaa akka gumaan isaan deebisan dhaadhachaa kan bulan. Ammallee ummati Amboo “qabsaawaan ni kufa qabsoon itti fufaa!” Jechuun fincila didda gabrummaa itti fufaa jiru. Egaa gootii akkas ummata isaaf fakkenya te’ee du’ee barabaraan jiraata kan jedhamuufis kanumaafi.
Seenaa Oromoo
https://t.me/Jecha_Haayyotaa

#Mooticha -Hindii- Maalik- Ambaar

MOOTICHA HINDII MAALIIK AMBAAR (1549- 1626 )
Maaliik Ambaar dhalataa Oromoo mootii ta'uun mootummaa biyya Hindii nama bulcheedha. Maaliik Ambaar Jaarrraa16ffaa keessa gosa Oromoo Maayaa jedhamu irraa Afriikaa Bahaa ,Itoophiyaa, Naannoo Harargeetti dhalate. Akka barresitoonni seenaa jedhanitti Gosti Oromoo Maayaa kun lola xiyyaa darbachuutin baayyee akka beekkaman himama , gosti kuniis yeroo San Haramayaa , gaara dhangaggooti hanga carcar cirootti qubatanii jiraatu, seenaan tokko tokko jedhuutti maqaan hara-maayaa jedhu kun akka maqaa,gosa Oromoo Oromoo kana irraa akka mogga'ee himama , gosti maayaa kun yeroo ammaas Harargee bahaa , Aanaa Haramayaa baayyinaan jiraatu Maayaa xiqqoofi Maayaa guddoo jedhamuniis bekkamu.
Maalik Ambaar Maqaan dhaloota isaa Shambaa (,Shambuu ) jedhama.Maaliik Ambaar yeroo ijoollumma isaa warra garba gurguraniin butamee gabaa Harariirra gara galoo galaana diimaa Peershiyaa Kibbaa Yemeen gabaa Al-Muukahaan jedhamutti gurguyeroo sanitti gabaa sanitti argamee kan turee daldalaan lammiin Poorchuugal kan tahee Piiteer Prookeez " bifa habashaa aslii / sirrii kan ta'ee kan qabu " jedheeti ibse itti fufuun ammaas magaalaa dheeraa fulaa Roomaan fakkatuu habashaa aslii jedhee ibsee gabuma Yemeen sanitti yeroo duraaf kan gurgurame yoo tahuu kan gurguramee gar Iraaq Bahagaadaditti kan bitaate Khazii Husseen nama jedhama.
Khazii Husseen dandeetti fi ciminaa gabrichaa habashaa kana baruuf yeroos itti hin fudhannee jedhuu qorattootiin seenaa isaa gabroottan biraa irrahis addatti kophatti baasee mallaqaa baasuu galchuu ( Herreegaa) fi taligaa / bulchinsaa barbsiisee maqaa Ambaar jedhuus kan baasee guddifataa isaa Husseen du'e.Boodarraa achuma baha jidduu galeessaa Iraaq Baagdaaditti takkarra lama lamarraas sadi magaalaaf dhiyaatee nama Qaasiim
Al-Baghdaadii jedhamuuf gurgurame. Qaasim Al-Bahagdaadii isa qabee gabaa makkatti dhihessee, Gabaan makkaa kun ammoo jireenyaa isaa kan jijjiree tahuu barreesitoonni seenaa isaa ni ibsuu. Kan bitaate Muummee Miinisteeraa Nizaamshaayiii Chiingiiz Khaaniidha.Jaar
raa 16ffaa keessaa kibbaa Hindii bulchinsa Deekaan keessatti Aadalee fi amantilee gargaraa kabajamanii walqixummaan keessa jirataniidha.
Gabronnii Afriikaadha bitamaniis baayyinaan akka keessa jiraatan barreesitoonni hedduun ragaa bahuu.Habashannii hedduun ammoo bilisa bahanii lootummaan akka tajajjilaa turan seenaan ni dubbata. Looltonni habashaa kun amanummaa fi gootummaa lolaataniis akka beekaman dubbatama isaan tokko Maaliik Ambaarii. Namni kun Maaliik Ambaar akka ilmoo isaatti kunuunsuun Afaan Araabaa fi Faransaayii akkasumaas beekumsa waraanaafi taligaa( Bulchiinsaa)akka barsiisee himama Suutuma sutaan Maaliik sulxanoota Nizaamshahii Chiingiiz Khaan ykn Maaliik Daabiir akka tajajiluuf kennameef.
Gaafa Hinditti mootootaaf gurguramuus muuxannoo kana guddiifachuun maasaraa keessatti hanga waranaa dursuu gehee boodarra jabatee dhiha Hindii Deekaanitti lammilee Afriikaa dhalattoota Habashaa 1500 niin looltu mataa isaa jaaree sulxanoota deekaan kan Nizaamshaayiii tajajiluu jalqabe...
Itti fufa...
@Odaatiktok
https://t.me/Oromo_graphya1

#Balcha _Safo/#ባልቻ _ሳፎ

OromoGraphya1:
Seenaa Oromoo:
Dajjaazmaach # Baalchaa_Saafoo
==============================
===
Oromoon seenaa baay'ina isaatti seenaa guddaa fi gita hin qabne qabdi.Haa ta'u sababoota gara garaa irraan kan ka'e seenaan gootota Oromoo hedduun awwaalamuun akka dhokatu taasisaa turaniiru.Haa ta'u malee qabsoo hadhaawaa fi wareegama hedduu ksnfaluun kan waaqayyo du'arraa hambisuun namoonni seenaa gootota kanneenii sirriitti beekan lubbuun jiraachuun isaanii ammoo akka kitaaba seenaa tokkootti nu gargaareera.Dab
alataan ammoo # Gaazexaawwan yeroo sanatti maqaa gootawwan kanneenii
# Xureessuuf bahanii,garuu akka dhaloonni ammaa suura isaanii Argataniif gahee hedduu gumaacheera.
Meekaa har'a seenaa gooticha maqaansaa armaan olitti caqafame kanaa hamma tokko isiniif qooda!
………………………# DAJ_BAALCHAA_AB
BAA_NAFSOO
………………………………………
…………………………………………
Daj. # Baalchaa Saafoo/Abbaa nafsoo,shawaa kibba lixaa,Aanaa # Tolee keessatti dhalate.
Goota Oromoo tuqamuun isa jibbisiisu,weerara # Xaaliyaanii isa jalqabaa # Adwaa irratti minilik II ffaa wajjin,isa lammaffaa Hayilasillaasee waliin ammo # Maayicaw fi diddaa fincilaa waggoota shanii irratti nama sodaa tokko malee lammiif dursa laatee hiriiredha.Dirreewwan waraanaa lamaanirrattuu hiriyootaa fi namoota jaalatu hedduu,biyya isaa garuu nama gabrummaaf nama dabarsee laachuu hin barbaadne ture.
Abbaan Nabsoo,giiftii # Zawdituun muudamee bulchaa # sidaamaa osoi ta'ee jiruu # Raas_Tafariin bara 1916tti
# Awurooppaa deemee biyyootii gara garaa erga doow'atee deebi'een booda guddinaa fi qaroomina arge itiyoophiyaatti haala itti galee hojiirra oolu mariisisuuf abbootii taayitaa yeroo sanaa hunda Finfinneetti waame.Baalchaan garuu hin dhufu jechuun dide.,dhumarra garuu xalayaa
# Zawdituun Guraandhala 3,1920 isaaf barreessiteen hatattamaan akka argamuuf waamichi darbeef.
Baalchaan sanaan dura garuu waggoota 4 guutuuf Finfinnee osoo hin ejjetiin dabarsuun Guraandhala 16,1920 waamicha taasifameefiin loltoota isaa lakkoofsaa #500 Ta'an lafoo oofee#Sidaamaa irraa Finfinnee gale.Masaraas erga seenanii agarsiisa hiriira raayyaa erga agarsiisanii boodas raayyaan isaa yoo iddoo qabatee dhaabatu,giiftii zawdituu harka fuudhee,
# Tafarii garuu # nagaa_gaafachuu_dide . Sababni isaas muufuu ta'us, Qufaan waan na qabeef,lakkiin fuula dhorkatee irraa garagalee taa'e. Tafariin garuu irra deddeebiin sossobachaa ture.
Baalchaan,loltoita isaa 4,kan eegdummaan isa tajaajilan erga keessaa hambifateen booda,kaan sidaamaatti akka deebi'anii galan faggeessee mana jireenya isaa # Finfinneetti galee taa'e. Tafariin affeerraa irbaataa irra deddeebiin isa waamus Baalchaan du'een argamaan argamuu dide.
Raas Tafariin sababiin mufannaa Baalchaa galuufii baatus, # Tuffiirraa akka ta'e sirriitti galeefii ture jedhama.Kun ammoo Tafariu aarsee mar'immaan eelcheet ture.Eelees gubatee hin hafne,Guraandhala 28,1920 kaabinee Raas Tafarii kan turan,muudamaan
# Itaamaajor_Qantaazmaach_Saahil
ee_Isheetuu loltoota 20 qabatanii Baalchaa # Hidhanii akka fidaniif Tafariin ajaja dabarse. Baalchaanis dhaddacha mootii Tafarii biratti dhiyaatan. Baalchaan badiisaa akka amanu yoo gaafatamu,seenaa inni hojjete nama mitii,gaarreen # Adwaatuu dhugaa ba'utii sanyii lakkaa'anii wal # badhaasuun
# Wal_faarsuunis_ta 'ee_wal_muuduun duruu turteetti anoo hin mufanne,namuus hin tuffanne jedhee yoo dubbatu,Tafariin murtoo itti laate.
# Murtoo kanas akkanaan kaa'a;
*Har'aa jalqabdee # Bulchaa_Sidaamaa irraa buuteetta.Iddookee, # Daj ._Birruu_W/
Gabri'eel muudameera.
*Dajjaazmaach Baalchaa saafoo har'arraa eegalee # Hidhaan adabbii dhaabbii masaraa # Minilik keessatti eegumsa cimaan akka taasifamuuf murtaa'eera.Dhi
mmi isaas Qanyaazmaach Saahilee Isheetuun akka raawwachiisu,galmeen isaas cufameera:ol iyyannoon dhaddacha kanaan ala hin jiru.
Guraandhala 28,1920 ganama toora sa'aa 5:00 dhimmi Baalchaa otoo kanaan jiruu labsiin heera mootummaa Itiyoophiyaa bara 1923 boqonnaa 7 fi keeyyattoota 55 of keessatti hammatee ba'uun isaa ifoome.Heerri ba'es murtoo adabbii kan laatu mana murtiidha jedhus,Raas Tafariin garuu ofumaa # abbaa_murtii ,

# Abbaa_alangaa ,#ragaa,#poolisii ta'ee Baalchaa Hidhaa

dhaabbiin hidhe.Jaalala garaadhaa maddeen biyya isaa tajaajilus booddee garuu akka mammaaksa "#ITIYOOPHIYAA_INNAATEE_MONYIN
NAT_TALAALLAA
#YEMOOTELLISH_QARTOO_YEGEDDELE
SH_BALLAA!"……Hiikkaan isaa,"Itiyoophi
yaa haadhakoo,gowwittii wallaaltuu
kan siif du'e badee,kan di #Ajjeese nyaate!"…ta'ee,Baalchaan ifaajjeen isaa #Ajjeechaa ta'ee seenaan isaa #Reeffa isaa waliin awwaalame...ta'us har'a garuu ifa bahe!!……
@Odaatiktok
@Odaatiktok
Maddi:Seenaa Gootota Oromoo fi kaan
Maxxansa 1ffaa,@2007
Seenaa Oromoo
https://t.me/Oromo_graphya1

# Tigist _Maammoo

SEENAA GOOTITTI OROMOO TIGIST MAAMMOO 

Barattoota Oromoo kan Yuuiversitoota garagaraat osoo karaa nagaan hiriira bahani dhimma abba biyummaa isaanii falmata jiranuu lubbuun isaanii waraana mootummaa Wayyaanen darbite keessaa seenaa gabaabaa barattuu Tigist Maammoo Simaa isiniif qooda.Tigist Abbaa ishee Obbo Maammoo Simaa fi Haadha ishee Aaddee Ayeetuu Maammoo irraa bara 1992 akka lakkoofsa Oromootti Biyya Oromiyaa Godina Kibba lixa Shawaa Aanaa sadeen Sooddoo Ganda Saaririti jedhamutti dhalattee.Mana barnoota sadarkaa 1ffaa kan barattee 1_8 mana barnoota Calalaqa kan jedhamu miilan deemsa sa’a lama deemte barattee.sadarkaa 2ffaa 9_12 mana barnoota Harbuu Cululleetti baratte.Akkasuma qabxii gaarii fiduun Yuuniversitii  Maddaa Walaabutti waggaa 1ffaa barata osoo jirtuu  FDGf n gaaffii mirgaa baratooti Oromoo Ebla 28,2014 kaasaniin wal qabatee rasaasa diinaan wareega lubbuu saba Oromoof jecdha kafalte.
Gootittiin Oromoo Tigist Maammoo dhalattee ganna 22ti gootummaan uumata Oromoof wareega kafalete. Qabasaawaan yoo kufe illee Qabsoon itti fufee kaayyoo isaanii bakkaan ni gaha.
Seenaa Oromoo
@Odaatiktok
@Oromo ancient oromia and oromo
https://t.me/Oromo_graphya1

mootittii saba'a Queen of sheba

"Mootittii Saba'a""Queen sheba" ----------------------------------------------------------------- ★Miky Sultan Bar...