Translate

Sunday, May 14, 2023

#Qaalluu

#Gosa #Oromoo #Qaalluu
*************★**********************
★Miky Sultan Wallo★
Oromoon damee  gurguddoo Booranaa fi Bareentoo jedhamu qaba.

Oromoon  gosa  isaa  lakkaawwatee Hundee Oromummaa isaa  Booranaa fi Bareentootti of galcha. Akkuma san Qaalluunis gosa isaa waamatee oromootti galfata.

Qaalluun sirna gadaa keessatti idddoo qaba,booranatti qaalluun warra muudaati.
Hortee Bareentuma keessatti Qaalluun  sadarkaa gosaatti of yaama, ilmaan baarentummaa walloo keessaa, Torban walloo  keessaa Qaalluun  gosa ilmaan walloo keessaa  Isa tokkoodha.

Ammas ilmaanuma baarentummaa keessaa gosti qaalluu sadarkaa qaalluutti kan yaamamu ituu Murawwaa fi kaarrayyuu keessatti. Qaalluun damee laman oromoo booranaaf baareentuu  keessatti kabaja guddoo qabu. 
Akka gosaatti garuu qaalluu ilmaan baareentummaa keessatti lakkaawamti, fkn,  Ituu Kudhan keessaa takka tan taate gosa guddoo "Qaalluu" jedhamuun beekamti. Ilmaan walloo 7 keessatti torban walloo keessaa Qaalluun gosa tokkoodha. Qaalluun  gosa oromoo islaamaa kaabaaf kibba dhiha walloof harargee keessatti argamuudha. 

Gosti Qaallluu hayyoolee sheekoota gurguddoo gootota gurguddoo oromoof horteedha, Qaalluun kabaja ulfina warra kitaabaati hayyuudha, abbaa eebbaati.

Gosaan Qaalluu taatee  Balbala 7 walloof  Saddeettan Beerree fi Torban Hidhabuu keessa tokko taata,  saniif ati Qaalluu wallootiif Qaalluu  Ituu Murawwaati. Qaalluun gosa arabaati jechuun diinummaadha. Oromoon gosa arabaa hin qabu. Ilmaan kuushiti kush ilma Kaam(Ham) Ham ilma Nuuhiti.

Saddeettan beerrre Qaalluu
1.Goodaa
2.baatii/samarii
3.warre ykn jimjim
4.Tokkaay
5.Abburre
6.madar
7.Agaamsa
8. assalamannaa

Torban Hidhabuu(7)
1.Bonayya
2.Saaluu
3.Anduu
4.Leemmoo
5.Caffee
6.Tuullee
7. Jaamii

Afran 4N
Asheetee
Noolaa
Kayyuu
Areeroo jedhamuun yaamamu.

Gosti Qaalluu Walloo keessatti gosa qofa osoon taane  Lafa isaa illee maqaa gosa isaatti  "Qaalluu" jechuun moggaafatee gosa jiraachaa jiruudha. Qaalluun walloo Aanaa Qaalluu jedhamuu magaalaa guddittii Qaalluu duraa kan taate magaalaa Baatee hanga lafa dawwee,hanga caffaattti  gosa diriiree jiraatuudha.

 Aanaan warra qaalluu Harbuu jedhamtee waamamti, magaalaan guddoo ishee kombolcha. Qaalluun biyya sheekotaati, biyya Aalimootaati.

 Gosti Qaalluu naannoo baatee jiran  Samaa, fi Gaadullaa jedhee of yaama. Balbalti kun lafa warra waayyuu hanga garfaa hanga dawweetti qabatee jiraatuudha. Qaalluun gosa  ummata isaa barumsa barsiisaa(Qaraasisaa)eebbisaa muudaa jiraateedha.

Gosti balballi ilmaan Qaalluu Ituu walitti 15. Isaan keessaa Birmaduun kudha lama. Birmaduun Irree Heenaa (Madhiichii) immoo sadii.  Qaalluun Beerree Hidhabuu kan ja'aaman 15. 
Qaalluu Beerree fi hidhabuu ilmaan murawwaa ituuti.

Horaa bulaa~


#Aniyyaa ilma #hunbannaa #Walloofi #raayyaa

#Gosa_ #Anniyyaa_ Ilma _ #Hunbanaaa~ #አኒይ #Warra #Aannaa
 #Oromoota Warra #Abbaayyee #Raayyaa
****************★********************
★miky sultan Wallo★
Anniyyaa ilma hunbannaa gosa oromoo damee bareentumaati.
Harargee bahaa gara kibbaatti  Walloo hanga  raayyaatti gosa of cimsee diriiree jiraatuudha.

 Gosti Aniyyaa raayyaatti  biyya baddana lakkuu jedhamu jalqaba qabate, Achi irraa ka'uun ilmaan isaa huunda lafa hire. ilmaan Aniyyaa raayyaa jalqabaa Warra Abbayyee jedhamu, Abbaan Warra Abbaayyee, Waarso jedhama, Afran waarsoo jedhamani, Abbichu Waarsoo,kole Waarsoo, Dheekko Waarsoo, Abbaayyee Waarsoo jedhamanii waamamu.

 Walloof Raayyatti  lafa wal hiranii irratti jiraachaa jiru.  Ilmi Dheekkoo Waarsoo  Dayyu Jedhama. Ilmaan Waarsoo Anniyyaa Walloo raayyaa hanga harargee bahaafii kibbaatti babalatee jiraachaa jiruudha.Gosti Aniyyaa Ilma Humbannaa guyyaa Awash irraa godaanee kara walloof raayyaa dhufu Abbaa Kudha Lama taheeti dhufe jedhan maanguddoon raayyaa yeroo seenaa hasayan.

Abba kudha lama kun lafa wal hiraa hanga daangaa tigraay laga eebootti qabatanii jiraachaa jiru. Magaalaan biyya bareeddootaa jedhamte yaamamtu magaalan walloo baatee magaalaa guddoo ilmaan qaalluu taatee beekamtuus garuu akka isiin ilma Dheekoo Waarsootin magaalaa warra dayyuu taatetti waamamti. አረ ባቲ ባቲ፣ ባቲ ገንደ ደዩ( Dayyuu) ሀድራው የምሞቀው ደረርቦ ስተኙ jechaati taphatu. Dayyu ilma dheekoo waarsoo Ilma Anniyyaati.

Ammas muftiin Jalqabaa Jamaaludiin Anniy gosa oromoota raayya warra abbaayyee keessaati. Maqaanuu Jamaaluddin Al Aniy jedhamani. Sheeka beekamoo Abbaa ilmii guddaadha. Sheeka warra daaniyyiiti.
Daaniy darasoota sheka Aniyyiiti.

Ilmaan warra Aannaa Raayyaa jiran Ammas Afaan oromoo dubbatu kun waada isaan akka afaan oromoo hin badneef walii galaniidha. Jabina ilmaan warra anniyyiitin jiraachuu dandaye. Du'aa'in warraa Aannaa Oormichi haa dagaagu Afaan ormichaa hin badin jechaa du'aa'i godhu.
Anniyyaan ilma  humbannaa yoo ta'u.
Anniyyichi immoo ilmaan torbaa horachuudhan.
Iddoo  lamatti addaa qoode .
isaanis sadan sadachaati fi afran kodheelleeti.
1.Biduu Anniyyaa Humbanna bareentoo
2 .Aannaa Anniyyaa Humbanna bareentoo
3 .Macca Anniyyaa Humbanna bareentoo
4 .Kole Anniyyaa Humbanna bareentoo
5. Malkaa Anniyyaa Humbanna bareentoo
6 .Babboo Anniyyaa Humbanna bareentoo
7 .Dambu Anniyyaa Humbanna bareentoo
jaarraa 18ffaa  dura oromoon
anniyyaa ituu fi afran qalloo walin sirna gadaa
odaa bultum kan malkaa tarraamutin bulaa turuu manguddoonni carcar ragaa bahuu.

Heeddumina  Wal hora ilmaan isaanitiin fi baldhina lafa isaanii irraa kan ka'e faca'aani qa'een abbaa qabaachu diinaa isaani agarsisuuf jechaa oromoonni anniyyaa fi afran qalloo lafaa Heera
sirnaa gadaa isaani bullulloo fi burqaa tirtiraa godhatan.

Anniyyaa Humbannaa

Aniyyaa  ilma Hunbannaa Bareentooti. Hunbannaa ammoo isa qofa dhalchee boqote. 
Aniyyaa ilmaan 7 dhalche. Lafti qubannaa ilmaan Anniyyaa Harargee Bahaafi Harargee lixaa yoo ta'u, irra jireeysi Ummata kanaa horsiisee bultoota. Geographical Area isaanii Harargee bahaatiin Aanaa Malkaa Balloo Dabalatee Gaaraa mullataa irraa kaasee hanga gammoojjii Hamaroo yoo ta'u, Harargee Lixaatiin Ammoo Aanota Akka Bookee, Odaa bultumiifi Aanaa Burqaa dhintuu faa keeysa jiraatu. Kana yeroon jedhu Aanota biraa keeysa hin jiran jechuu kiyyaa miti. Fkn Aanaa Dadar keeysaa bayyee jiru. 

#ራያ #ወረባየ  #Anniy #hunbannaa #ituu #oromoo #walloo  #harargee

Friday, January 20, 2023

#kuulleekoo

#Kuullee #Koo                            
         ===========

Akkuma beekamu Walloon damee oromoo baarentummaa yoo ta’u gosa oromoo karrayyuu keessaa isa tokko.Latiinsi hiddasaa akka kitaaba piroofeesar Alamaayyoo Hayilee (seenaa oromoo hanga jaarraa 16ffaa) keessatti caqasametti, Karrayyuun hangafa baarentummaa yoo ta’u iddoo gurguddaa lamatti qoodama.Innis Baasoo fi Dullacha jedhama.Damee Dullachaa keessaa Liibanii fi Walloon karrrayyuurraa kan citan yoo ta’u, kan hafan maquma dullachaan Afaaritti makamanii jiru.Liiban gara kaaba Gondaritti kan hafe yoo ta’u, walloo immoo naannawa wallootti faca’ee maqaa naannootti of moggaasuun kan jiruudha jechaa itti fufa kitaabichi.

Haceen wallee isaa kanaan oromiyaa taa’ee, kutaa qaama  isaa iraa addaan citetti yaadaan nu geessa. Tuulamaa fi walloo deebisee walitti hidha.Lafa malee garaan akka addaan nama hin fageessine walaloo bareedaa ta’een addeessa. Baale Madda Walaabuu ka’ee, shawaan qaar’iee walloo nu qubachiisa.
Osoo jennuu walaloo sirba kanaa yaada burqisiisuun  irra jireessa isaa kan katabe dardara hog-barruu cimaa lafaa dhufaa jiru Lalisaa Indiris Adam dha.Dhihoo kana barruu qorannoo masters isaa hojiiwwan Haacaaluu irratti hojjatee qabxii gaariin defend godheera. Haceen amma dura walloo irratti sirba tokko dalaguu fedhii waan qabuuf sinnishaawu waliin wanta hafe itti dabaluun haala ajaa’ibaan dagaagsanii hojjataniiru.kanaanis waan seenaaf ta’u ol kaa’aniiru jechuu dandeenya.  
Qabiyyee walalichaatti yoo dabarru,haceen yaaddoo bareedduu wallootiin cinqamee hirriba dhabuusaa,ati hoo akkuma kiyya na yaadaarta moo jechuun fala dhabuu isaa ibsuun jalqaba.

                       Yaadaa fi yaaddoo keetiin 
                        Halkan ciisaa dhabe 
                        Waanuma kee yaadutti
                        Maaf hirriba dhaba
                        Kee garaan akkamii
                        Kankoo ammas dide
                        Kunoo natti gama
                        Maal naaf wayya kuullee koo
                        Egaa maalinni falli koo (x2)

Itti aansee Jaarraa hedduu of duuba deebi’uun  hundee oromoo isa ganamaa nu yadachiisa.Bakka tumaa seeraaf heeraa, iddoo seena qabeessa-Madda walaabuu. Abbootiin kee seera gadaa fi muudaaf walaabuutti deddeebi’aa turuu himaaf.Akkuma maccaa fi tuulamni “uumeen walaabuu baate” jedhu atis asii maddite jedhee sababa isiirraa cituu isa dhoorke itti aansa:
                                         
                       Yayyaba walaabuu maddite
                       Yaa taliila bishaan ganamaa 
                       Lixee daakee ba’uu dadhabe
                       Danbalii yaada keen raafama (x2).

Biyya kanatti wanta namoota hedduu walii galchu tokko bareedina durba wallooti. Kitaabotaa fi walleewwan danuun kana raga bahaniiru. Haceenis kana dhugoomsuu irraa hin deebine:
                     Ayyaana keef safuu
                     Simboo kankeef safuu
                     Meeqa jilbaan oofee
                         Chorus (cabsata)

Ammas itti dabaluun maddi jaalala keetii bifa qofa osoo hin taane jaalala hidda gadi fageeffate,tasumaa na keessa dhabamuu hin dandeenyeedha jechuun mala gaafachuu itti fufa:
                         Oogdii jaalala kee
                          Lixee inni tumame
                          Utuu hin ba’in hafee
                                  (Chorus)

Kana booda haceen jaalala isii qofa osoo hin taane namoota seenaa walloo keessatti beekaman keessattuu mootota maqaa dhaha.Taateewwan seenaa gurguddaa ta’anis achumaan nu hubachiisa: 
                                             
                           Fakkii Amadee liiban 
                           Tokkicha abbaa waaxoo
                           Walirraa nu dhiiban
                            Foon tokko naaf atoo
                            Gowwumaan Aliimaa
                            Karaa foddaa haa baatu
                            Otuu an siif jiruu ormaaf
                             Soddaa hin taatu
                             Heebanoof Maqdallaan 
                             Korabiidhaan Sadii
                             An si fudheen gala
                             Kot’ na wajjiin badi (x2)

Amadee Liiban  ykn maqaa farda isaatiin “Abbaa Waaxoo” Maqdalaa bulchaa kan tureedha.Aliimaa isheen jedhamte maqaa dhalootaa guutuudhaan Aliimaa Liiban yoo taatu boodarra 'Iteegee Manan' jedhamuun waamamti.As biratti seenaa Kaasaa (tewoodroos) kaasuun gowwummaa Aliimaa(Iteegee Manan) isa jedhame nuu ifoomsa. Bara mootummaa sirna Yajjuu naannoo Qu’aaraa bulchaa kan ture eessuma kaasaa kan ta'e Maaruu ture.Maaruun bara 1828 yoo du’u ilmi isaa kinfuun bakka bu’e.Tewoodiroos mana kinfuu keessatti guddate.Yeroo an du'e Kaasaan na dhaala jedhee waan sodaatuuf gidduu isaanii hariiroo gaariin hin turre.Kinfuun bara 1840tti yoo du’u bulchinsi Dambiyaa fi Quwaaraa isaaf osoo hin taane harmee Raas Alii(haadha warraa mootii yohaannis) Iteegeee Manan-Aliimaa Liibaniif kenname. Teewodiroos aangoo dhaalmayaa kana waan dhabeef shiftoomee bosona gale.Boodarra,Iteegee Manan isa to’achuuf jecha humnaan qabdee gara bulchiinsa quwaaraatti fiddee aangoo Dajjaazmachummaan alatti intala Raas Alii Tawaabach itti heerumsiifte.Tewoodiroos garuu yeroo lammataaf bosonatti deebi’uun waraana Iteegee Manan waliin godheen bara 1855 aangoo mootummaa gondaar qabate.Inni hafe immoo seenaadha(the rest is history) akka jedhamu san.Gowwummaan Aliimaa-Iteegee Manan wareegama hanga  lubbuu isii baasise.Isa kana haceen foddaan haa baatu jedhe.Lammata akka hin deebine ergaa jedhu qaba.
 
Sarara itti aanu irratti kan ibsame yoo ilaallu Heebanoo irratti moototi akka Liiban Amadee hogganaa kan turan yoo ta’u gareen sadeen biraas mootummaa xixiqqaa hundeessuun isaanii ni yaadatama.Isaanis:Amadee Liiban (Abbaa Waaxoo), Alii liiban (Abbaa Bulloo) Warqituu fi Amadee Bashiir Liiban turan. Haaluma kanaan Amadee Liiban-Maqdalaa,Giiftii Mastaawat karaa ilmaa ishee Amadee Bashiiriin “korab” kan bulchite yoo ta’u, Giiftiin Warra Heebanoo Warqituun immoo karaa Ilma ishee Amadee Aliitiin Ambaassal bulchaa akka turte Piroofesar Alamaayyoon dabalanii gabaasaniiru.Haceenis isa kana ibsuu barbaade natti fakkaata.
Gadi bu’ees seenaa biraa nutti himuu itti fufa.Hayyuun oromoo tokko akka jedhanitti 'jarri habashootaa seenaa isaanii kitaaba irratti galmeessan,oromoon garuu seenaa isaa lafa isaa irratti galmeeffate' inni jedhu dhugaa ta’uu asirraa hubachuu dandeenya.Desseen dasee taatee waamamuu isii dura magariisummaa fi dirree fardeen Maariyyee Doorii (mootii yajjuu 1828-31 bulche) irra gulufan ta’uu yaadaan duubatti nu deebisa.Dalantaas Amadee Kolaasee fa’a bulchaa turuu eeruun kamisee buunee sirba aadaa “sidaamee” waliin taphanna jechuun goolaba. Haceen sirba kanaan nama iddoo sana beekuu qofaaf osoo hin taane kan hin beekne keessattis fakkii sammuu fi hubannaa seenaa guddaa uumuu danda’eera!!
                        Deesseen Dassee taatee
                        Magariituu dirree
                        Dirree itti wal ariitu
                        Fardeenni Maariyyee
                        Keessa qaxxaamurree
                        Dalantaan darbinaa
                        Kamiseetti buunee
                        Sidaamee sirbinaa (x3)
                        Qabii,qabii,qabiikaa
                        Qabii,qabii,qabiikaa (x2)

Monday, January 16, 2023

Magaalaa Ejersa gooroo

Magaalaa Ejarsa gooroo. 
      ----------'
Jaarraa dabran keessa. Lafa maqaa gosa oromootiin yeroo dheeraaf waamamaa turte keessa takka  lafa ona jaarsootii. Jaarraa 13ffaa irraa eegalee, maqaan Dawaaroo fi Areeloo jedhu  gaanfa afrikaa keessatti beekamaa ture.. Sulxaanoonni warri akka Abdulqadir waateetiifi sheikh Haydaraa heebanaa hundeeffama mootummaa sulxaanoota Daawaaroo.wajjiin maqaan isaanii yeroo hedduu ka'a.
             Magaalaan ejarsa gooroo sochii oromoota jaarsoo wajjiin walitti hidhata cimaa qabaachaa turte. Waa'ee magaalaa Ejarsa gooroo irraa waan hedduu barreessuu ni dandeenya, ossoo mul'isaa fi mudhii daawwee 
Hin daganne jechuudha.

Wednesday, January 11, 2023

#Haji muhammad Walee

Haji muhammad walee fi
Bakka dhaloota isaanii.
*******-*****************************
/ makin sultan wallo/ kitaaba Abbaa-hagaa~irraa...
Bara 1353 hijra ji'a rajab guyyaa wiixataa dhalatani.Yeroo xaaliyaan biyyaa weeraru san umrii waggaa lamaa ture yeroo jedhanii haasayan dhagayeera jedhan jaalli isaanii tokko.
Akkuma kanaan bara 1928  dhalatan yoo jenne olitti isa ibsamee sanii waliin walitti dhufa.

Abbaan isaanii Aalima beekkamoo kabajamoo turani Haji Ahmad ibn umar ibn Musa ibn Wadajoo ibn sihin jedhamu.ka'umsi isaanii walloo warra himanoo yeroo tahu mootuwwan islaamaa kan turan sanyii warra maammadoota warra shek( seh) turani.
Haji Ahmad kan jiraatan naannoo darraa waan taheef haji Ahmad darraa jedhamuun beekamu.
Haati isaanii addee zubeeydaa bint sheh Ahmad ibn  haji muhammad arab ibn shek hussen ibn shek fiqih nuur yeroo tahan wanni aja'ibaa harmeen isaani karaa abbaatinis karaa haadhaatini sanyii warra ulama'oota beekamo turte.

Kunoo sheek muhammad waleen asuma  lafa ulama'ota kan taate walloo  keessa kan bahani.
Yeroo sadih  kitaaboota heedduu akatamaniiru irra daddeebin barataniiru.  kitaaba hanafiyi keessa hanga tokko barataniiru,Tawhid,tajwidi fi qorannoo urjiilee Abbaa isaani irraa barataniiru.
Kitaaba fiqih osoo hin xumurin dura Abbaan isaanii Haji Ahmad bara 1372 hijra keessa du'ani shek muhammad waleen barumsa isaanii hin dhaabne ture.barsiisa isaani guddaa boorana iraatti haji Ali adam  naannoo ciqaataatti  kitaaba seera fiqih barachuu itti fufanii achumatti xumurani.

Sheekni isaanitis akka isaan barsiisa ta'an katabanii eeyyama kennaniif. Afaan arabaa nahwii sorf barachuuf kara minnas boorana haji Abdul baasix ibn muhammad bira deemani.

Yeroo baayyef achitti baratanii achumatti xumurani.
Afaan arabaa barsiisuudhafis waraqaan ayyamaa sheeka isaanii irraa kennameef dalagaa itti Aanu immoo barsiisaa isaanii ykn hiriyyaa isaanii jaalatamoo Haji muhammad saani habib bashiir  bira madrasaa deemudhan," musxalhal hadiis"  ka'umsa hadiisaa baratani.
Kitaaba hanafiyyi fi shafi'iyy ka'umsa seeraa usul, ilmal ma'aanii akkasumas Qur'aan tafsiir, Achi boodas manxiq ykn loojik Haji saani jalatti baratani.
Shek hayaat ibn ali bira deemunis  bukaarif muslim barataniiru.
Shek muhammad waleen shek hayat irraa akka hadiisa barsiisan ayyama kennameefii jira.
Kutubu sittaa" Aalima kabajamoo haji muhammad raafi'iy irratti baratanii akka barsiisan ayyamni kennameefi.
Haji muhammad waleen Aalimoota babbeekamoo itiyophiya qofaani miti kan irratti  baratanii eebbisaman.

Magaalaa makkaa masjidal haram keessatti kan wal argan "mufti shek muhammad Abdarashad No'aman paakistaani beekumsi haji muhammad walee isaan dinqisiise "kutubu sittaa  " akka barsiisan waraqaa ragaa eeyyama kutubu sittaa barsiisu kennaniifii jiru.
Haji muhammad waleen erga xalayaa kabajaa  akka kara masrii Alazharitti dhufan godhameefi Aalimoota alazharifi Aalimoota sa'udiitin waraqaan ragaa kennameefii jira.
Zarfii biraatinis Aalimoota gurguddoo irraa ragaan kennamee jiraaf.fakkenyaf. shekni daanaa muhammad zeyn, marsaa kan jiraachaa turan shek mahdi ibn kaliifaa,shek bashi qaxxee, shek muhammad nuur ragaa  bahanii jiru.

Shek haji muhammad waleen adaraa sheekota isaaniti itti kenname barsiisuf waggaa 40 ol barsiisaniiru gorsaniiru.zikrii godhaniiru akkuma kanaan barattoota heedduu horataniiru Ummata barsiisaniiru.

Imaamummadhan: shek muhammad waleen  bara 20 ol finfinneetti kan argamu Nuur  masgiid imaama fi kaaxiba ta,anii faayyadaniiru.
Gaaggeessa majlisaa: shek muhammad waleen itti gaafatamaa majilisaa ta'anii  haji muhammad saani wajjin majilisa huundeessanii gaggeessas ta'anii kan hojjacha turan Aalima kabajamoo turani.
Bara 1983 as akka haaratti kan huundeeffame waaldaa Aalimoota  itiyophiyaa itti gaafatamaa ta'anii fayyadaniiru.
Shari'a fird bet: shek muhammad akka seera qabeessa ta'u akka huundeefamu bara 1983 hanga 1987bara jiran keesaatti qabsooo heedduu muslimootaf godhanii jiru.
Mootumma biyya bulchaa ture  mallas zenawii waliinis qabsoo jabduu godhaniiru waa'ee islaama irratti mari'ataniiru.
Mana hidhaa: bara 1987 keessatti osoo raabshan anwar masgidin hin buune dura  itti gaafatamaa majlisaa ta'anii fayyadaniiru.

Haa ta'u garuu walii galtee dhabamuudhan mana hidhaatti waggaa sadii ol hidhamaniiru.
Hidhaa keessa akka turaniin hiriyoota hidhamtoota isaanitis usulif, hadiisa,Qura'aan tafsiir heedduu barsiisaniiru.hidhaan itti hidhaman ragaa sobaa waan ta'eef badii tokko waan hin qabneef hidhaa irraa bilisaan baafamani. Shek muhammad waleen eega hidhaa bahanii nageenyi isaani gaari hin turre baayyee dhukkubsatani imaama tahuuf barsiisu waan dhukkubichi isaan sodaachiseef . Imala kara sa'udii godhuu filatani.

Saudi arabiyaa deemani achitti kitaabota barachuuf barsiisu itti fufani waraqaa enyumma osoon argatin baroota dheeraf sa'udii keessatti barsiisa ta'anii jiraachu eegalani. Achumaan barattoota heedduu horatanii beekumsa isaani ummataaf ballinaan barsiisa dhufani.san booda kara biyyaatti galani garuu qillensi sa'udi  baayyee waan itti tolee tureef kara sa'udi deebihani jidda jiraachu eegalan.

Dhumaratti shek muhammad waleen waraqaa enyumma sa,udi argatanii. Jidda qofaa osoon taane addunyaaf  intarnetan barsiisu eegalani. Ummanni sa'audii ilmii shek muhammad walee dinqisifatanii  magaalaa makkaatti  universty "ummal quraa" jedhamu keessatti akka barsiisan godhamani.

Shek muhammad yeroo xiqqoof dhukkubsatanii achumaan bara 1997  solaata dura firoottan isaani bilbilaan dubbisanii.
Solaata leyliif wudu'u akkuma godhatanii deebihaniin lubbuu isaani darbe. Rabbiin caffee jannataa isaan hakaahu sheeka keenya.

Shek muhammad walee abbaa manaafi ijoollee 11 qaban turani.
Shek muhammad waleen yoon du,e makkatti na awwaala waan jedhaniif. Ajaja rabbii ta'ee akka makkatti awwaalaman hayyamamefi.

website:-mikysultan.blogspot.com

Tuesday, January 10, 2023

#Sheeka Jamaa Nugus( muhammad shaafii obn muhammad xaahir)

Sheeka jamaa Nugus( muhammad shaafi ibn muhammad xaahir)
/makin sultan wallo/ kitaaba Abbaa- hagaa/
 walloo naannoo albukkoo irraa heedduu kan hin fagaanne irratti argamti ." Jamaa Nugus) achi jaalalli aja'ibaatu jira ..Sheekni guddaan jamaa nugus  sheh muhammad shaafii muhammad xaahir bara 17 35_ 17 98)  keessatti sheeka jaalatamoof abbaa hadraa Aalima cimoo turani.
Yeroo waa kennan olii gad hin jedhan waa kennuu jaalatu harki saanii waa kennuu waa sadaqachuu jaalatu.  Yeroo waa kennan gammadan turani. Yeroo nama gorsan afaan isaanii damma ture amalli isaanii adda rabbiin kennaa addaa kenneefi ture jedhama. Sheh muhammad shaafin abbaa jaalala jedhamu turani.
Jireenya isaani keessatti hirriiba hin jaalatan turan. xiqqoo shalab jedhanii baayyee zikrii godhu ture.  Guyyaa nii barsiisu ture halkan nii abbadu.duulas duulchisaa turani ( Aanaa torba irraa loltoota walitti bahan akka qabaacha turan profesar hussen nii dubbatu)  halkan guutuu zikriitti fayyadamu, qura'aana guutuu halkan lamatti akatamaa turani.Romadaanan ala jechuudha. Hirriibi isaan biratti hin jiru. Jireenya isaanii keessatti baayyinaan zikriin dabarsani.
 Kitaaba isaani " jihadul asnaa" kan jedhamu keessatti waa'e islaamummaa qofa osoon taane waa'ee jaalalaa tokkummaa barsiisa turani barreesanii jiru.
Waa'ee jihaadoota waa'ee nageenya heedduu barreesanii jiru.
Sheekonni jaalatamoon kun, waa'ee    dhugaati alkooli hin dhoorkine jechuun namni tokko aja'absifatee dubbii hafarsuuf inumaayyu  imala isaa kara jaaloo isaanii "  mufti Dawud " bira godhee dubbii kana geesse. 
Afaan babbareeche akkas jechaa  itti hime. Kaayyoon guddaa isaa afaan babbareeche isaan maqaa balleessuf ture.
 Waa'icha kan dhagayan "muftii Dawud " farda Adii isaanii yaabbatanii achi jamaa negus  deeman. Sheh mufti daawud dubbii nagayan qoratan malee dubbii waliitti dhaquu hin jaalatan waan tureef. Keessa laalan malee dubbii namaa hin fudhatani waan tureef kanaaf achi deeman.
Muftii daawud dubbii kana  qorachuuf achi deemani.achumaanu kennaa adda ta'e fuudhanii deemaniif sheh muhammad shaafin 
meesha dhugaati haguugamte takka fidanii iddoo ta'aanii jiranii ka'anii kabajaan ol ka'anii " muftii daawud " Qeebalan. 
Sheh muuhammad shaafin waan dhugaa jiran irraa muftii daawudi achi siqsanii bira kaahanii ijool. Anaafis waan dhugamu naa fidaa jedhanii ajajani.
Mufti daawud waa qorachuu waan dhufaniif waan isaan dhugaatif haguuganii kaayanii  itti kennan san irraa xiqqoo unatani. Yeroo xiqqoo dhugan dhugaatin haguugamte sun bishaan qulqulluudha.baayyee aja'abisifatani.
 Achuma taa'ani kolfi isaan dhufee kolfani baayyee isaan aja'ibee achuma ija keessa wal ilaala lachuu seequu jalqabani.
Muftii daawud wanti isaan aja'ibe akkamitti bishaan qulqulluu akka waan addaatti akka waan dhoksaatti meeshaa shafanamaa keessa kaahanii dhugan waan jedhu isaan aja'ibee kolfani.
Sheh muhammad shaafin immoo garaa qulqullinnaaf hafarsaa namaatin akka muftii daawud naman abaarre waan beekaniifi waan isaan itti dhufan waan beekanii jiraniif kolfani.
Namoonni tokko tokko garuu beekumsa tokko malee akka waan sheh muhammad shaafin dhugaati fayyadamaa turaniitti hafarsu.
Sheh muhammad shafin sheekaa  akkaan rabbii abbadu ture, rabbii sodaatu ture. Umrii saani zikriidhan dabarsan malee akka amma masgiida isaanii keessatti jaahilli itti taphachaa jiru kana miti.
Takkaa masgiida isaanitti yeroo isaan lubbuun jiran san dhalaaf dhiira walittti galchanii hin beekan turani.

~ wabiii
- miskul azfar> sheh muhammad fiqih
_< Nashru anbar> haj Ahmad darraa
_ < ulamul agbiyaa> haji muhamma taajuddin.

Thursday, January 5, 2023

#Abu jida ( #Abugida ) ( Abjad script)

Abu jida  ( Abugida )  ( Abjad script)
----------------
    Dirree dhawaa, laga odaatiifi naannoo goda biftuu keessa tahee iddoo biraatti, malattooleen holqa keessatti bocaman sun jalqaba ilmi namaa bara  8000 dura sadarkaa mallattootiin 
Walii galaa akka turee fi   tooftaa barreeffamaa tan addunyaan " syllabary" jechuun waamaa jirtu tana bara itti eegale agarsiisa. Malattooleen bifa barreeffamaatiin 
Siidaalee  (monuments) fi dhagaa irratti bocuudhaan eegalte tun suuta suuta, dhawwaataan gama tooftaa barreeffama qubeetti ol guddachaa dhufte.
        Qubeeleen bifa mallattootiin barreeffaman tun takka takkaan sagalee qabaachuu baatus yeroo walitti dhufan hiikkaa waan qabduuf namoonni gara garaa warri afaan tokko hin beeyne ittiin walii galaa ture.
         Bara 4000  B,C. Dura gostti arabaa tan Nabaatii jedhamtu naannoo kaaba Arabia irraa gaafa gara laga Jordanitti godaanan gosoota naannoo San jiru wajjiin daldala irratti Walii galuuf jecha qubee bifa mallattoo tan Nabaatiya jedhamtu uumatan.mallattoon tun afaan warri nabaati ossoo hin tahiin mallattoodha.
     Gabaabumatti mallattooleen gara gara tan kaaba arabiyatti uumaman fakkeenyaaf;- Hismatya, Dumatiya, talmatiya, Nabaatiya. Syriyafi k.k.f. walitti dhufuudhaan qubeen afaan arabaa tun akka uumamtuuf sababa tahan.
             Haa tahu malee kibba arabiya, keessattuu naannoo amma Yaman jennuun tana keessatti hamma jaarraa 6ffaatti qubeen
Abujida ( Abugida ) zabur fi musnad jedhaman naannoolee akka sabatan, hadaramout, habashaat,Awsa fi himter keessatti bal'innaan ummanni dhima itti bahaa ture. Mootoonni adda addaa kan bara San keessa galaana diimaa irraa kaassee hamma galaana Meditaraaniyatti dhiibbaa guddaa godhaa turan 
Qubeelee tana bakka adda addaatti babal'isaa 
akka turan qorataan  biyya Austria Dr Eduard Glaer barruu isaa irratti ibsee jira.
   Qubeen gi'iiz tan amma ityoophiyaa keessatti Abugida jechuun beekamtu tun bu'uurri isii qubee Abujida ykn Abjad jechuun kaaba Arabia keessatti beekamtu tana irraa tahuun isii namuu irratti walii galee jira.
Afaan arabaatiin Abujida jechuun Abbu torba ( Ancestors) jechuudha. 
    Akka barreessaan biyyaa arabaa kufan ibn al- qalbii jedhutti Abujid jechuun  (badwii) gosa arabaa tan Yaman keessa turteedha jedha.
      Akka qorattoonni hedduun irratti walii galanitti qubeeleen Kaaba arabiya keessa turan Abujad, zabur fi musnad walitti baquudhaan jaarraa 4ffaa keessa, jechuun bara mootoota Aksum keessa qubee gi'iizii tan Abujid ( Abugida )jedhamtu tana uuman.
    Qubeeleen kaaba Arabiya keessa turan tun jaarraa 6ffaa booda qubee afaan arabaatiin liqimsamaniis Aksum keessatti "survive "
Godhanii jiran. 
---------------------------------------------
Denial Peter ( 1990)
World writing systems, oxford university press 
Gregg grane 
   World Ancient language cambridge university.
Makhtari sulxan 
    Proposel to encyclopedia old south Arabia
Script. 
Josef meri
  Medieval Islamic civilization. 
    Photos from Yemen military mousem

mootittii saba'a Queen of sheba

"Mootittii Saba'a""Queen sheba" ----------------------------------------------------------------- ★Miky Sultan Bar...