Seenaa ilma nuuh "Ham " Abbaa afrikaa qaroomina kush & kana'an የኖህ ልጅ ታሪክ ሃም የአፍሪካ አባት የኩሽ እና ከነዓናዊ ስልጣኔ! For those who want to learn more about the history, culture, way of life, and civilization of the Cushites, visit our website.https://mikysultan.blogspot.com
Translate
Thursday, February 11, 2021
#የጁ_#ወረ ሴህ/# worseh
#ዶባዓ ጎሳ/ ራያ
#ወሎና ራያ/ #wollo/ # wallo
#Hortee_ Baareentummaa
Sunday, February 7, 2021
# አፄ ቴውድሮስ# ጎንደር ኃውልት
Saturday, February 6, 2021
#Argamsa ummata africa eessa?
ARGAMIISSI UMMATA ADUUNYAA EESSA?
eerga dhumiisa ummata nabi nuuh jalqaba adunya irratti iddoon nami jiraachaa ture Aardii Eshiyaati. Lammaffaa Afrikaadha,Achi booda Awurophaadha, dhumiisa irratti irratti Ameerikaadha. Ummanni indoo ameerikaa jedhaman jaarraa kam keessa akka amerikaa seenan hin beekamu garuu ummanni adiin kan ameerikatti seenan bara 370 as ture.
Aadamii hawaan iddoo Aden jedhamtu Aardii amma yaman jedhamtee yaamamtu jannata jidduu taa,aa turan,naannoo kun dhiha eshiyaa laga efraxis irraa fagoo hin turre. Jannata keessaa balleessaa ajajaa seeyxanaan uumaan hin balleesinaa jedhamaniin balleessaniin jannata keessaa bayani.
addunyaa guddoo tana irra jalqaba Adamii hawa qofatu ture. San booda ilmoo horaa baayyachaa dhufanii naannoo laga ifraxis huunda iddoo jireenyaa godhatan.
achi booda gandoota,magaaloota addaa addaa godhachaa akkuma bayyachaa dhufaniin babalifachuu eegalani. San booda Akkuma baayyachaa dhufaniin rabbii tokkoon amanuu dhiisanii Amantii addaa addaa hordofuu jalqabani. Saniif namoota rabbiin ajajamuu didaniif ummata fuldura dhufuuf seenaa irraa baratan isaan kanaaf qixaata godhee ilmaan Nabi Nuh qofa hanbisee kaan baleesse.
San booda nabi nuh badiinsa kana rabbiin waan dursee itti himee jiruuf dursee beeka ture. Achumaan nabi nuh Markaba guddaa tolche ijoollee isaatif bineensota lafa irra jira huunda lama lama dhiiraaf dhalaa godhuun marka irratti fe,e.san boona roobni guddaan Aardii lafaa tana huunda guutu roobee lafa huunda guutee waan lafa irra jiru balleesse.akkana ta,ee uuman namaa huundi badee ijoolleen warra tokkoo qofatti hafee isaanis ijoollee nabi nuh qofattu hafe. Kun kan tahe uumama lafaa baroota jidduu galaan booda.
Ummanni badiinsa bishaaniin dura turan Antideloviyan jedhamu turani. Ummanni badiinsa balaa bishaanitin dura lafa eshiya irra iddoo tokko tokko malee Africa,Awuropha, Amerikaa keessa namni hin jiru ture.
# Goota oromoo walloo Dawwee
𝑶𝒃𝒃𝒐 𝑨𝒉𝒎𝒆𝒅
𝑰𝒏𝒅𝒊𝒓𝒊𝒔
𝑨𝒉𝒂𝒎𝒂𝒅𝒆𝒆 jedhamu kaaba oromiyaa goodina Addaa
saba Oromoo jiraataa Aanaa Dawwee harawaati gootni kun
Amma lubbuun jiru umriinsaa Amma waggaa 83 gaheera
qabsoo saba Oromoo bal'aa keessatti gahee guddaa qabu
Ergamtoota nafxanyoota dura dhabbachuun 1950moota irra
kaase nama aarsaa lubbuu kaffalaa tureedha 1954_1955
Bulchiinsa Yeroo sana Naannicha inni jiraatu ture
# Maamiree_Damisee kan jedhamtuun sababa Oromummaa fi
gootummaa inni qabu irraan kan ka'e wal dhabeenii
# Eeshumaa isaadhaa # Umar_faaris jedhamuu waliin bosona
seenee mootummaa nafxanyoota kokkee qabee jarri nafxanyaa
sodaatanii nama itti erganii kadhachisanii Araarfatan yeroo inni
araaramne jedhe gale Araaraa dagun gananii tola waa fudhattu
jechuun sobanii yaamun yeroo dhaqetti Akkuma gootota
Oromoo kanneen biroo qabanii hidhatti darbatan.
Walloo qabanii gaafa Finfinnee geessan gootonni Oromoo
yeroo sana nafxanyaaf Ajajamni Oromoo irratti shira dalagu
didani Oromoon dhugaa qaba jedhanii dura dhaabbatanii
falman kanneen Akka "J/Taddasaa Birruu K/Alamuu
qixxeessaa Mammoo mazammir mokonnon wasanuu seefuu
mokonnon daadhii Fayisaa Tasfayee dagaagaa" fa'aa waliin
Haylesillaaseen Ahmed indiris mana hidhaa makkalaawitti
hidheenii ture. Wanti nama ajaa'ibu Gootonni kun bakka
garaagaara taa'anii warra quba wal qabanii fi kayyoo tokkoof
warra qabsaawaantu mana hidhaa tokkotti wal gahan. Yeroo
sanatti Walloo taa'anii akkamitti quba wal qabaniin gaaffii
guddadhaa Oromoon bakka fedhees jiraatu kayyoo fi akeeka
tokkicha wal fakkaata akka qabu namatti mul'isa.
Yeroo Oromoon baratee naman wal qixxaatu qaba afaan
Oromoo baafna jedhanii gootonni Oromoo qabsoo hidhannoo
geggeessuuf bosona seenan Obbo Ahmed indirs Walloo
gootota bosona seenan keessa isa tokko ture Booddessaa
Obbo Ahmed indirs hidhamuun Akkuma Qabsaawota Oromoo
kanneen biroo murtiin du'aa Mooticha Hayilasilaseetin itti
murtaa'ee ture garuu lubbuu isaa Rabbiin baasee gara booddee
du'a irra gara umrii guututti jijjiiramee.
Obbo Ahmed indiris yeroo Maammoo mazamir nu biraa maqaa
yaamani ajjeesaan wan goonu wallaalee J/Taddasaa Birruu fi
qabsaawota kanneen biroo waliin boonye dhiifnee jedhan
"Gootichi Maammoo mazammir gootummaan dhiigni kiyya
dhiiga cunqurfamtoota ilmaan Oromoo kabachiisuuf
dhangala'e malee dhiiga gatii malee jigee hafee miti Oromoon
dhiga kiyya fi qabsaawota ana booddee du'aniin dhiiga ilmaan
isaan mirga isaa ni kabachiifata jechuun gootummaan
Oromoof of kenne harka isaa hidhanii yeroo nu biraa fudhanii
deemanii Ajjeesan wan of goonu dhabne jedhan Obbo Ahmed
indiris" osoo taddasaa waliin kan maammoo mazammir nu
gubee teenyee osoo booha jirruu namoota biroo maqaa
yaamun itti fufee ilmaan Oromoo jumlaan baay'ee Ajjeesan
jedhan.
Seena kana yeroo himu obbo Ahmed imimmaan ija guuta
garaa nama raasaa wantan Ani Taddasaa ittin yaadadhu "J/
Taddasaan Oromoo baay'ee jaalataa ijoollee Walloo naaf
fuudhi mee jedhe natti dubbata Ammallee nuti Oromoon
Itiyoophiyaa keesatti cunqursaa nurra gaha jiru cunqursaa
Afrikaa kibbaa keesatti ummata gurraacha irra gahaa jiru irra ni
hammata jedhe dubbachaa turee jedhan" gaafan seenaa isaa
kana yaadadhu garaa koottun na waadama jedhan. J/
Taddasaa fi Maammoo mazammir gatiin Oromoo kaffalan
guddadhaa keessuma Afaan ofiin Oromoon akka baratu qabu
barsiisu keessatti yoomiyyuu ni yaadatama Afaan Oromoo
baafna jedha. Mootummaan nafxanyaa kana gaafa dhaga'e
banne jedhe gocha suukanneessa qabsaawota Oromoo irratti
raawwate har'as Nafxanyaan Oromoon baratee akka angoo
qabatee biyya kana bulchu hin fedhanii Oromoon barannan
banne jedhanii yaadu jedhan Obbo Ahmed Indiris.
Maatii Qabsaawota ani waliin hidhamee sani osoon arge
akkan wan isaan Argettin gammadaa jedhan.
Guyyaa seenaa oromoonni walloo oromummaaf lafa isaanii irratti wareegamanii wareegan.
Guyyichi Ebla/Maajii/3/2011 A.L.A
☆Guyyaa Qeerroon Dawwee Diina Addaan Dhaabe
☆Guyyaa Sanyiin Hasan Rashiidee Shiftaa nafxanyaa Akka
Harreetti Ofdura Ariitee Likkitti Galchite
☆Guyyaa Qeerroon Hasan Ammee Zarraf Kaarriphoo Gubbaa
Kululfattee Diina Mataan Dhaabde
☆Guyyaa Gootootni Baddaa Walloo Diinatti Karaa Cufan
☆Goyyaa oromoon walloo tokkummaan duulee injifate.
☆Guyyaa Liyyuu haylii nafxayaa miila Qullaa Qawwee Darbee Dawwee Keessa Fiige
☆Guyyaa Miidiyaan Walloo Qeerroo Walloo Hamilfachiise
☆Guyyaa Gootootni Dawaa Caffaa Qurquraa Abbaa Aliyyuutti
Qabdee Daaraa Gootu
☆Guyyaa Gootni Kululfatee Gantuun Riphitte
☆Guyyaa Reeffi Naafxenyaa Akka Agadaa Tahe
Seenaa tana hin irranfannu yoomuu.
"NAMATTU SEENAA DAGATA MALEE SEENAAN NAMA HIN
DAGATU"
mootittii saba'a Queen of sheba
"Mootittii Saba'a""Queen sheba" ----------------------------------------------------------------- ★Miky Sultan Bar...
-
#Hiika Maqaa #Gosaa ★******************-****************★ #Baareentuu=Jiraattoota warra bahaa kara aduun bariituun jiraatan jechuudha. #Wal...
-
#Horte # ituu #murawwaa Harargeef Walloof Raayyaa ~ ★Miky Sultan Wallo★ Gosa oromoo keessaa ituu n damee ilmaan bareentumaa yeroo tah...
-
Walloof Hararghee (Kutaa 1ffaa) Jaarraa 16ffaa dura lafa amma Walloo jechuun beekamturra ummanni Oromoo bal’inaan akka jiraachaa ture seenaa...